Finfinnee: Gumiin Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa rakkoon waldhabdee mootummaafi WBO gidduu ture araaraan furmaata akka argatuuf qaamota sochii taasisan galateeffate.
Gumichi sochii araaraa Mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu jiru ilaalchisee miidiyaaleef guyyaa Kaleessaa ibsa kenneera.
Ibsa kenneen gumichi akka jedhetti, dhimmoota ijoo inni irratti bu’ureeffame keessaa hangafni “Ijaarasa Nageenyaa” yoo ta’u, nageenyi ummataafi biyyaa akka mirkanaa’uf hojii guddaa hojjachaa tureera, ammaas hojjachaa jira.
“Gaafa Rakkoon nageenyaa biyya keenya keessatti mudatee jalqabee gumichi araarri akka bu’uuf waamicha nageenyaafi kadhannaa karaa miidiyaalee biyyattii dabarsaa tureera. Akkasumaas, kadhannaa sagantaan bahee, waajjirasaatti manneen amantaa miseensota gumiichaa ta’an walitti dhufuun gartuufi dhuunfaadhaan uumaan akka biyyaafi uummataaf nagaa buusu, obboloota wal-dhaban jiddutti akka araarri bu’u kadhachaa tureera.
Waamichaafi kadhannaa taasisaa tureen, uumaan kadhaa/du’ayii taasifame dhaga’ee yaada obbolootaa kan gargar fagaatee ture walitti dhiheesseera. Dhimmootni dugdaafi garaa ta’anii turan gara tokkotti dhufaa jiru’’ jedheera.
Waldhabdee tureen ummanni rakkoo hedduu keessa kan bu’e ta’uu hubachuun, qaamonni lamaan (Mootummaafi ABO/WBO) araara buusuuf sochii jalqabanif galateeffamuu qabu jedheera. Akkuma kanaan duraa gumichi qaamonni haafaniis walitti dhiyaachuun garaagarummaa yaadaa jiru karaa nagaan akka furamu waamichasaa dhiyeessera.
Waldhabdeen naannicha keessa jiru guutuumaan guutuutti karaa nagaa furmaata argatee, ummatni aaraa akka galfatuuf amantaaleen hunduu akka amantaasaanitti ammas kadhannaasaanii itti fufuu qabus jedheera.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 28 Bara 2017