– Sanyiiwwan haaraan 200 ol qorannoon ifoomaniiru
Biyya kana dura addunyaarratti beelaan akka fakkeenyaatti eeramaa turte Itoophiyaaf wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun ajandaa jalqabaatti. Galteewwan wabii midhaan nyaataa dhugoomsuuf murteessoo ta’an keessaa sanyii filatamaan adda durummaan eerama. Biyyootni gulantaa guddinaarra ga’an sanyii filatamaa, xaa’oofi teknoloojii fayyadamuun lafa xiqqaarratti omisha olaanaa argachuun ofirra darbanii biyyoota hiyyeeyyiif wabii ta’aa jiru.
Jijjiiramaa as Itoophiyaa keessatti dhaabbilee riifoormii taasifameen saffisaan daandii guddina keessa seenan keessaa dameen qonnaa isa tokko. Seenaa Itoophiyaa keessatti qamadii alaa galchuun dhaabbatee alatti erguun kan danda’ame jijjiirama argame kanaan. Qamadii qofa osoo hintaane alergii ruuzii, midhaan dibataa/zayitaa, buna, kuduraafi mudurarratti xiyyeeffannaa addaan hojjetamaa jira. Omishaafi omishtummaa dabale kana keessatti qoodni sanyiiwwan filatamoo olaanaadha.
Akka Oromiyaatti tattaaffii omishaafi omishtummaa dabaluun wabii midhaan nyaata mirkaneessuuf taasifamu keessatti qooda Inistitiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaa ilaalchisee gaazexaan Bariisaa tibba darbe Daarektara Olaanaa Inistitiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaa Obbo Tashoomaa Boggaalaa waliin taasise akka armaan gadiitti dhiyeesseera.
Bariisaa: Yeroo keessan qaalii aarsaa gootanii nu waliin turtii taasisuuf eeyyamamoo ta’uu keessaniif isin galateeffachaa, mee wal haa barru.
Obbo Tashoomaa: Maqaan koo Tashoomaa Boggaalaan jedhama Daarektara Olaanaa Inistitiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaati.
Bariisaa: Mee hojiilee Inistitiyuutichi hojjetu nuuf tarreessaa.
Obbo Tashoomaa: Gaariidha, Inistitiyuutichi dameewwan guguddoo sagaliifi giddugalawwan 17 irratti qorannoo taasisa. Sanyiiwwan midhaanii akaakuu garagaraa, sanyiwwan beeyiladaa, sanyiiwwan qurxummii, sanyiwwan lukkuu, sanyiwwan kanniisaafi gaagura ammayyaa, sanyiwwan nyaata beeyiladaafi meeshaalee qonnaarratti qorannoon ni adeemsifama.
Bariisaa: Dameewwan kamirratti addatti xiyyeeffachuun qorannoo adeemsiftu?
Obbo Tashoomaa: Dameewwan hunduu damee xiyyeeffannaa ta’anis, caalaatti sanyii haaraa waggaa waggaan baasuurratti xiyyeeffannoon hojjetama. Sanyiiwwan kunneen sanyiiwwan omisha olaanaa kennan qofa osoo hintaane rooba qilleensaan makaa, baddaafi gammoojjii, dhibee garaagaraa dandamataniifi qabiyyeen nyaataasaanii olaanaa ta’e qorannoon mirkaneessee qonnaan bulaaf raabsa.
Bariisaa: Hanga ammaatti sanyiwwan haaraa akaakuu meeqa qorannoon mirkaneessitan? Hunduu qonnaan bulaa dhaqqabaniiruu?
Obbo Tashoomaa: Inistitiyuutichi hanga ammaatti sanyiiwwan haaraa akaakuu garaagaraa 200 ol qorannoon ifoomseera. Omishtummaan sanyiiwwan kunneenii kanneen biroorraa yoo xiqqaate dhibbantaa 15-20n dabala. Sanyiiwwan kunneen hundi sababoota garagaraaf qonnaan bultoota bira ga’aniiru jechuun hindanda’amu. Sababiinsaa sanyiiwwan kunneen baay’isanii qonnaan bulaa biraan ga’uuf humnaafi maallaqa guddaa gaafata. Ta’us dhibbantaa 60-70 kan ta’an kallattii garaagaraan bifaafi maqaa jijjiirrachuun qonnaan bulaa qaqqabaniiru. Inistitiyuutichi sanyiiwwan haaraa qorannoon ifoomse, baay’isuun qonnaan bulaa biraan ga’uuf humnasaa olidha. Qaamni sanyiiwwan kanneen inistitiyuuticharraa fuudhuun baay’isuun hawaasa biraan ga’u baay’inaan jiraachuun dirqama. Boqqolloofi qamadii intarpiraayizootni sanyiwwan filatamaa Oromiyaafi Federaalaa inistitiyuuticharraa fuudhuun baay’isanii qonnaan bulaa biraan ga’aa jiru. Sanyiiwwan biroo garuu inistitiyuuticharraa fuudhanii baay’isuun qonnaan bulaa biraan ga’uurratti rakkootu jira. Kanaafuu, qaamni dhimmi ilaallatu hundi itti yaaduu qaba.
Bariisaa: Keessattuu dhaadannoo “Oromiyaa galaana dammaa taasisuu” jedhu milkeessuuf gama qorannoo omisha dammaan maaltu hojjetame?
Obbo Tashoomaa: Inistitiyuutichi sanyiiwwan kanniisaa damma olaanaan omishuu danda’an qorannoon baasuu cinatti gaagura ammayyeessuun ummataaf raabsuurratti argama. Akka Oromiyaa qofa osoo hintaane akka Afrikaattuu beekamaa kan ta’e Giddugaleessa Qonnaa Hoolataa waliin omishtummaan dammaa haala itti dabalurratti xiyyeeffannaa addaan hojjetamaa jira.
Bariisaa: Sanyiiwwan midhaanii omishtummaansaanii olaanaa ta’ee amma hojiirra jiran keessaa muraasa nuuf caqasaa.
Obbo Tashoomaa: Midhaan zayitaa alergiif qofa osoo hintaane zayita nyaataa biyya keessatti omishuuf daran barbaachisaadha. Haaluma kanaan Saliixiin Wallaggaa baay’ina zayitaa of keessaa qabuun addunyaarratti beekamaa ta’e gosti torba qorannoon kan argamanidha. Saliixni kun akka warra kaanii biftisaa adii osoo hintaane daalacha. Warri warshaa zayitaa qabanis zayita kana bareechanii beeku. Kaayyoon Itoophiyaa midhaan nyaataan of danda’uu qofa osoo hintaane zayita alaa galuu dhaabuudha. Kana keessatti saliixiin Wallaggaa kun gumaata guddaa taphata. Kana malees, bunni Harargee kan yeroo ammaa daran filatamaa ta’eefi alergiif oolaa jiru irra jireessaan Insititiyuutichaan kan qoratamedha. Sanyiiwwan atoo boonsituun gosa 10 oliifi sanyiwwan boloqqee gosa 15 ol kanneen omishtummaansaanii olaanaa ta’e qoratamanii jiru. Keessattuu sanyiwwan boloqqee yeroo gabaabaa keessatti dafanii ga’aniifi yeroo dheeraas fudhatan kanneen firii naqachuuf muka barbaadaniifi hinbarbaadne akka amalasaaniitti qorachuun ifoomsuun danda’ameera. Sanyiwwan kunneen alergii biyyattii dabaluu keessatti shoora olaanaa taphachaa jiru.
Oromiyaa Bahaa keessatti sababa garagaraan wabiin midhaan nyaataa rakkisaa ture. Kana dura mishingaa facaasanii ji’a sagal guutuu eegu turan. Amma garuu sanyiin mishingaa ji’a sadii qofa keessatti ga’u qorannoon adda baasuun qonnaan bulaa biraan ga’uun danda’ameera.
Bariisaa: Omishtummaa qamadiifi garbuu dabaluuf qorannoon maaltu adda ba’e?
Obbo Tashoomaa: Omisha qamadii dachaan dabaluuf ammaan tana sanyiiwwan bu’uuraa qamadii gosti garagaraa 24 qorannoon ifoomsamee jira. Kanaan dura sanyiiwwan qamadii yeroo baay’ee waagiif saaxilamaniifi keemikaalaanuu to’achuun dadhabamee qonnaan bulaaf dhukkubbii mataa ta’antu ture. Amma biyya keenya keessatti qamadii bonaafi ganna omishuuf kallattii mootummaan kaa’een qorannoo jabaan taasifameera. Haaluma kanaan qamadii waagii dandamatan, kan bonaafi gannaa akkasumas ongee dandamachuun yeroo gabaabaa keessatti omisha kennuu danda’an qorannoon adda baasuun danda’ameera.
Bakkeewwan simbirroon hammaatanitti sanyiiwwan qamadii paastaafi makarooniif oolan kan biilii qabaniif simbira ofirraa qolachuu danda’an qorannoon ifoomeera. Sanyiwwan kunneen ganna caalaa bona jallisiin omishtummaa olaanaa kennuu bira darbee gabaarrattis daran barbaadamoodha. Kanaafuu, qaamni sadarkaan jiru hundii hojii hubannoo uumuu qonnaan bulaaf yoo kan kennuu ta’eefi qonnaan bulaanis gorsa ogeessaa hojiitti yoo hiike omishaafi omishtummaa qamadii salphaatti dachaa lamaan dabaluun ni danda’ama. Walumaagalatti, sanyiin qamadii daabboo akkasumas paastaafi makarooniif ta’an kanneen omisha olaanaa kennan hedduun qorannoon ifoomaniiru. Garuu baay’atanii ummata biraan ga’uurraatti hanqinootni ni mul’atu. Sanyiiwwan kunneen yaaliif oyiruurratti facaafamanii bu’aa guddaa argamsiisanii jiru. Kanaafuu, qonnaan bultoonni sanyiiwwan kanneen Giddugala Qonna Sinaanaarraa fudhatanii fayyadamuu akka danda’an dhaamaniiru.
Garbuun midhaan nyaataa yeroo jalqabaaf Itoophiyaatti argamedha. Haa ta’u malee, garbuu biiraa jedhamuun yeroo dheeraaf alaa gala ture. Ammaan tana hojii qorannoo taasifameen garbuun biiraa alaa galuun hafee biyya keessatti omishamaa jira.
Inistitiyuutichi bara darbe qofa sanyiwwan haaraa 34 giddugalawwan ja’a ( Haroo Sabbuu, Sinaanaa, Baakkoo, Booree, Machaaraafi Fadis) keessatti qorannoon ifoomseera. Sanyii haaraa baasuu qofa osoo hintaane qonnaan bulaan akka fayyadamuuf hojiin beeksisaa bal’inaan hojjetama.
Bariisaa: Omishtummaa ruuzii dabaluun akkuma qamadii alaa galuu hanbisuurratti maaltu hojjetame?
Obbo Tashoomaa: Sanyiiwwan omishaalee innisheetiivii mootummaa ta’an kanneen akka ruuziifaarrattis qorannoo bal’aa taasifameen bu’aa olaanaan argamaniiru. Sanyiin ruuzii “Cawwaaqaa” jedhamu kan hektaara tokkorraa callaa kuntaala 90 kennuu danda’u Giddugaleessa Qorannoo Qonnaa Baakkoo keessatti qorannoon ifoomee Oromiyaa Lixaatti qonnaan bulaa harka ga’eera. Waliigalaan sanyiwwan ruuzii gosa garaagaraa afur qorannoon ifoomeera. Qorannoon sanyiiwwanii mana yaalii keessatti qofa osoo hintaane oyiruu qonnaan bulaarratti bal’inaan adeemsifama. Ragaa hanga ammaatti jiruun biyyi keenya bonaafi gannaan hanga ruuzii alaa galchuuf ishee barbaachisu ol omishuu dandeesseetti. Ruuziin of danda’uu bira darbee gabaa alaaf erguuf kan dandeessisu pootenshaalli sanyii filatamaafi lafa qonnaa jira.
Haa ta’uutii, ammaan tana maashinii ruuzii calleessuufi qonnasaan walqabaturratti qorannoon taasifameera, taasifamaas jira. Haaluma kanaan mashinootni haala qabatamaa biyya keenyaan walsiman bajata mootummaafi abbootii qabeenyaan alaa gala jiru. Namootni dhuunfaas meeshaalee bu’a qabeeyyii qorannoon adda ba’an kana alaa galfachaa jiru. Ruuziin rooba olaanaa waan barbaaduuf Oromiyaa Lixaa Wallagga afran, Jimmaa, Bunnoo Beddelleefi Iluu Abbaa Booraa keessatti potenshaala omisha ruuzii olaanaatu jira.
Omisha ruuzii wanti adda isa taasisu roobni gahaan haa jiraatu malee lafa miidhaan hinbaafne kamirrattuu omisha kennuu danda’a. Lafa bishaan irra ciise ruuziif lafa filatamaadha. Omishtummaansaas midhaan kaanirra olaanaadha. Gama qabiyyee nyaataatiinis ruuziin kaaloorii olaanaa waan qabuuf daran barbaachisaadha. Walumaagalatti, akka innisheetiiviittis qabamee omishaafi omishtummaa ruuzii dabalaa jiru rakkoon maashina ruuzii kan hiikkatu taanaan ruuziin of danda’uun gabaa alaatti erguun fagoo hinta’u.
Bariisaa: Akka biyyaattuu rakkoo hamaa kan ta’e nyaata beeyiladaa furuuf maaltu hojjetame?
Obbo Tashoomaa: Dhugaadha rakkoon nyaata beeyiladaa rakkoo yeroo mara horsiisa beeyiladaan walqabatee ka’udha. Rakkoo kana hundeerraa furuuf yeroo ammaa sanyii nyaata beeyiladaa fooyya’oo ta’an hedduun adda ba’anii Giddugalawwan Qorannoo Qonnaa Sinaanaa, Baakkoofi Adaamii Tulluu keessatti baay’ifamaa jiru. Kanaafuu, waldaaleen hojii gamtaa kana hubatanii giddugalawwan kunneenirraa fuudhanii qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaaf akka dhiyeessan dhaamaniiru.
Bariisaa: Midhaan biyyattii kan ta’e omishtummaa xaafii dabaluuf hoo bu’aan qorannoo maal mul’isa?
Obbo Tashoomaa: Ummata biyyatti hunda biratti nyaata filatamaa ta’e omishtummaa xaafii dabaluun toora xiyyeeffannoo inistitiyuutichaa keessaa isa tokkodha. Hanga ammaatti qorannoo damee kanarratti taasifameen sanyii xaafii haalaa qilleensaafi teessuma lafaarratti hundaa’uun omishtummaa olaanaa kennaan gosoota garaagaraa 10 adda baasuun danda’ameera.
Bariisaa: Gama omishtummaa kuduraaleefi muduraalee dabaluurratti hoo maaltu hojjetame?
Obbo Tashoomaa: Gaariidha, hojii bal’inaan hojjetame keessaa qorannoon sanyiiwwan kuduraafi muduraa fooyya’oo isa tokko. Faayidaa biyya keessaafis ta’e alergiif omishaalee akka mootummaatti kan abdataman keessaa kuduraafi mudurri isa tokkodha. Itoophiyaan akka carraa ta’ee omisha kuduraalee biyya Afrikaa hunda keessatti ta’aniifi gabaa Awurooppaarratti barbaadamoo ta’an omishuuf mijattuudha. Bu’uuruma kanaan sanyiiwwan akka aappilii kan lafa baddaarratti omisha olaanaa kennan bal’inaan itti adeemamaa jira.
Itoophiyaa omisha muuziifi avokaadoof kan oolu lafa bal’aafi pootenshaala guddaa qabaachuu bira darbee innisheetiivii mootummaa jalatti hammatamanii kanneen jiranidha. Sanyiwwan muuziifi avokaadoo akka sanyiiwwan kaanii waggaa waggaadhaan kan fooyya’an osoo hintaane sanyiiwwan fooyya’ootu jira. Inistitiyuutichis omishtummaasaanii haala dabaluun danda’amurratti, keessattuu gama kununsaan Biiroo Qonna Oromiyaa waliin qindoominaan hojjetaa jira. Haala amma jiruun avokaadoon biyyattiin omishtu gabaa Awurooppaarratti filatamaafi barbaadamaadha.
Inistitiyuutichi omishtummaa muuzii dabaluuf kan oolan sanyiwwan muuzii gosa torba qorannoon ifoomseera. Muuziin daraaree ija hingodhatu waan ta’eef mala namtolcheen mana yaalii keessatti hundeesaa diqqaalomsuun erga baay’ifamee booda qonnaan bultoota hedduu bira akka qaqqabu taasifama. Haaluma kanaan sanyiiwwan muuzii omisha olaanaa kennan, dhibeerraa bilisa ta’aniifi dafanii omisha kennan kuma 100 ol ta’an bilisaan qonnaan bultootaaf akka raabsamu taasifameera. Sanyiiwwan muuzii lafa xiqqaarratti omisha olaanaa kennan kunneen fayyadamummaa qonnaan bulaa olkaasaa waan jiraniif fedhii sanyiwwan kunneen argachuuf jirus daran olaanaadha.
Haa ta’u malee, mana yaaliin walqabatee rakkoo hamaatu jira. Oromiyaan dachee bal’oofi ummata bal’aa tajaajila bal’aa fedhu kan qabdu ta’us akka naannootti manni yaalii/laabiraatooriin tokko Giddugala Qonnaa Adaamii Tulluutti argamu qofa waan qabduuf sanyiwwan filatamaa giddugala tokko qofaarraa Oromiyaa bal’oo bira ga’uun danqaa hamaadha. Fuulduratti qonnaan bulaa Oromiyaa hunda qaqqabuuf akka ta’utti mootummaan walta’uun laabiraatooriin kallattii hundaan akka dhaabbatu ciminaan kan itti adeemamu ta’a.
Bariisaa: Gaheen Inistitiyuutichaa sanyiwwaan haaraa qorachuu qofaa?
Obbo Tashoomaa: Biyyoota birootti qaamni tokko sanyii kan qoratu yoo ta’e kan harkaa fuudhee baay’isee raabsu qaamolee hedduudha. Ta’us galmi inistitiyuutichaa sanyiiwwan haaraa qorannoon argate galmeerra buusee ta’uu qofa osoo hintaane baay’isee saffisaan qonnaan bulaa biraan ga’uudha. Ammaan tana Oromiyaaf intarpiraayizii sanyiiwwanii tokko qofti gahaa miti. Sababiinsaa sanyiiwwan aaraan qorannoon argaman hedduun qaama baay’isuun qonnaan bulaa biraan gahan dhabuun sadarkaa qorannoo qofatti argamu. Inistitiyuutichi rakkoo kana hanga tokko maqsuuf sektaraalee hedduun waliin hariiroo uumee hojjetaa jira. Ammaan tana qorannoo sanyiiwwan haaraa baay’inaan baasuuf kan isa dandeessisu qorattoota buleeyyii ogummaa adda addaan muuxannoo olaanaa qaban 600 ol horateera. Humni namaa jirus Oromiyaaf xiqqaa ta’us sossochii omishtummaa dabaluu keessatti qoodnisaanii salphaa miti.
Bariisaa: Hanqinni omishtummaan gad bu’uun sanyii filatamaa maalirraa madda?
Obbo Tashoomaa: Bakka hanqinni jirutti hanqinni ni jira. Bakka tokko tokkotti ammoo hanqina namtolchee uumuun ololaaf itti fayyadamuun ni calaqqisa. Mootummaan sanyii godina tokkoof barbaachisu haala qilleensa godinichaarratti hundaa’ee gatii madaalawaan dhiyeessa. Namootni bu’aa dalgaa argachuu fedhan “Sanyiwwan biyya akkasii kan omishtummaa olaanaa qabun of harkaa qaba” jechuun sanyiiwwan qorannoon hindeggeramne gatii qaaliin hawaasatti gurguruun ni mul’ata. Kanneen sanyii of harkaa qaban xiqqeessanii omishuun gatii olkaasuun hanqina uumanis jiru. Kanneen sanyii hinmalle korojoo jijjiiruun qalama dibanii maqaa Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaan gurguranis jiru. Faallaa kanaa sanyiiwwan omishtummaa olaanaa qaban gatii madaalawaan wayita mootummaan dhiyeessu akka waan waayee hinbaafneetti shakkuufi balfuunis ni calaqqisa.
Sanyiiwwan kana dura qorannoon bira darbee fagaate beeksisa hojjetanii gatii qaaliin wayita dhiyeessan fedhiin qonnaan bulaa sanyii filatamaa gatiinsaa qaalii garuu ammoo omisha gadaanaa kennurratti wayita rarra’utu mul’ata. Qonnaan bulaa hedduun isa mootummaan omishtummaansaa olaanaadha jedhee isaaf dhiyeessu caalaa isa dursee qalbiisaa seeneefi burjaajjiin itti baay’atu filata. Akka biyyaattuu omishni baay’inaafi gatii madaalawaan dhiyaatu akka waan waayee hinbaafneetti lakkaa’uun rakkoo hamaadha. Hanqina namtolchee kan jedhamus isa kana. Sanyii haaraa tokko baasuuf yoo xiqqaate dhamaatii waggaa torbaa gaafata. Kanaafuu, bakka kaleessaa dhaabbatanii sanyii kaleessatti cichuurra yaada ogeessaafi qajeelfama mootummaa hordofuun barbaachisaadha
Gama biroon Sanyiin tokko filatamaa waan ta’eef qofa bakka hundatti omisha olaanaa hinkennu. Sanyii filatamaan wayita qoratamu haala qilleensafi teessumma lafaa sanyiin tokko itti omisha olaanaa kennuu danda’u ilaalcha keessa galchuuni. Fakkeenyaaf sanyii ruuzii filatamaa qorannoo malee baddaa Baalee facaasuun kisaaraa wayita dhaqqabsiisetu jira. Sanyiin Baaleetti ta’u Baalee qofatti. Sanyiin Jimmatti ta’u Jimma, kan Wallaggaa Wallagga qofatti ta’a. Kanaafuu, sanyiin kamuu filatamaa waan ta’e qofaaf omisha olaanaa kennuu waan hindandeenyeef gorsa ogeessaa hordofuun barbaachisaadha.
Sanyiin haala kanaan dura hin baratamneen haala qilleensaa haaraa dandamatus qorannoon adda mirkaneessuun danda’ameera. Fakkeenyaaf sanyiin bunaa qorra dandamachuu danda’u qorannoon adda ba’ee baddaa Baaleefi Arsiitti raabsuuf qophiirra jira. Baaleefi Arsiin qamadiifi garbuun kan beekamu ta’us bunaan akka beekamus hojiin qorannoo bal’aas kennamaa jira. Kana malees, godinaalee omisha bunaan beekaman keessatti “Bunni gaaddisa hinqabne omisha hinqabu” ilaalcha jedhu maqsuuf buna gaaddisa malee omisha olaanaa kennu qorannoon ifoomsuun danda’eera.
Bariisaa: Sanyii biyyoota biroorraa fudhachuufi kennuun ni jiraa?
Obbo Tashoomaa: Guutuu addunyaattuu sadarkaa qaccee yookiin jiiniitti sanyiwwan hunduu walkeessa. Biyya tokko gara biyya biroo yoo dhaqu garuu haala qilleensa biyyichaan diqaaloma. Sanyiiwwan Itoophiyaa keessatti argaman hedduunis gulantaa kana keessa kan darban waan ta’eef kennaniifi fudhachuun waanuma jirudha.
Bariisaa: Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu keessatti qoodni sanyiiwwan filatamoo akkamiin ibsama?
Obbo Tashoomaa: Kana dura midhaan hektaara tokkorraa kuntaala 10-15tti argamaa ture gara kuNtaala 60-800tti ol guddisuu keessatti qoodni sanyiiwwan filatamoo olaanaadha. Omishtummaan hinguddatu taanaan ummata miliyoona 120 ta’u sooruuf qormaata hamaa ta’a.
Bariisaa: Yeroo keessan aarsaa gochuun turtii nu waliin taasiftaniif isin galateeffanna.
Obbo Tashoomaa: Isin illee waan na affeertaniif galatoomaa.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 28 Bara 2017