“Afaan qawwee gadi garagalchinee waliigaltee kan filanneef wareegamni ummataa akka dhaabatuufi” -Jaal Sanyii Nagaasaa 

Finfinnee: Waldhabdeen mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo jidduutti taasifamaa ture hundarra ummata Oromoo aarsaafi wareegama hinmalle waan kanfalchiiseef cancala qawwee cufanii, afaan qawwee gadi garagalchanii mariif taa’uu Qondaalli WBO ibsan.

Qondaalli WBO Jaal Sanyii Nagaasaa ibsa kaleessa miidiyaaf kennaniin, ololawwan “Sanyiin harka kennate, WBOn zoonii giddugaleessaa harka kennate, waraana kana durumayyuu mootummaatu ijaare, waliigalteen kun homaa bu’aa hinqabu” jedhaniifi kanneen biroo miidiyaa hawaasaarra deemaa jiraachuu eeranii, qaamoleen kana odeessanis dhugaa jiru hubatanii osoo hintaane kanneen ololaaf ittifayyadamuu barbaadan akkasumas, gareedhaan nama qooduun isa tokko tumsuuf kaanimmoo laaffisuuf gandummaatti fayyadaman ta’uun hubatamuu akka qabu kaasu.

Kanneen akkanaan haasa’an waa’ee waraanaafi jaarmiyaa siyaasaa hinbeekne ta’uufi kasaaraa lolli Oromiyaa keessatti taasifamaa ture fide darbees, adeemsa Mootummaan Naannoo Oromiyaafi  Bilisummaa Oromoo nageenya fiduuf deeman kan hinbeekne  ta’uu eeranii, baay’eensaanii biyya hambaa taa’anii waraanaafi Waraanni waldhabdee afarsuu malee haqa Oromiyaa keessa jiru hinbeekne ta’uu dubbatu.

“Ololliifi dhugaan dirree waraanaa jiru addadda. Kanaaf ammoo deebii kennaa deemuun nama dhiba. Hanguma sana namoonni tarkaanfiin fudhatame madaaluun yaada ijaaru kennan, jaallangangalachaa qulqulluu qabsoo kanaaf gatii kaffalan waan jiraniif isaan gatii dhabsiisuu ta’a. Rakkoo waggoota sadii guutuu keessa  tureen furmaanni dhabamee bitaafi mirgatti iyyinee dadhabnee amma garawaraanni waliigalteetti waan dhufneef kanaan kan nutti mufatan akka nu ofkalchan gaafanna” jedhu.

Akka ibsasaaniitti, dirree  ittigaggeeffamaa ture Oromiyaa; dirree kana keessatti wareegamaafi aarsaa kan kaffalu ammoo ummata Oromoo isa baadiyyaa jiru, isa hinbaranne, isa yoo du’es yoo gales sagaleensaa ba’ee hindhaga’amneef, kan mootummaan addunyaanis quba hinqabnedha. Kun yoo ija waraanaatiin ilaalame waraanni yoo furmaata hinfidneefi kan ummata akka malee miidhu ta’e dhaabuun dirqama.

Riphee lolaan humna godhatee mootummaa kana cabsee sirna jijjiiruu hindandeenye. Kana gidduutti garuu wareegama dhalli namaa addunyaa kanarratti hinkanfalle kan kanfalaa ture ummata Oromooti jedhan.

Lolli kun haala kanaan yoo ittifufe waggoota afur shan keessatti Oromoon maal ta’a inni jedhu yaaddessaa ta’uu kan himan qondaalli WBO kun, inni hunda caalaa nama gaddisiisu garuu ummanni waldhabdee qaamolee lamaan gidduutti aarsaa kanfalaa ture ammas waldhabdee keessoo WBO gidduutti taasifametti aarsaa kanfaluuf kan deemu ta’uu ibsu.

Ummanni Oromoo waan hinbeekneen wareegamaafi xiiqii qaamolee kanneen gidduu jiruun ummanni gatii hinmalle kanfalaa jiraachuu ibsanii, gocha sukkanneessaan ummaticharratti raawwatamaa tures dubbachuufillee kan nama saalfachisu ta’uu dubbatu.

Waraanni hidhatee bosona jirus kaayyoo qabsoo dhiisee, shiftummaa, gandummaafi cichitummaatti deemuunsaa kasaaraa olaanaadha. Kunneen hundi ummataaf faayidaa fiduurra godaannisa dhalootatti darbu waan fidaniif dhaabatanii ilaaluun akka barbaachisu himu.

Miidhaawwan kunneen hundi ummatarra kan qaqqaban erga ta’ee waraana adda kutanii mariitti dhufuun yeroo dirqama itti ta’u waan jiruuf waa hunda garagalchanii ilaalanii calcala qawwee cufanii, afaan qawwee gadi garagalchanii qoodasaanii ba’achuuf gara mariitti seenuu .

Mariin kun guutummaatti bu’aqabeessa kan ta’u waliigaltee dubbatuqaamolee lamaan qofaan waan hintaaneef ummanni Oromoollee akka keessatti qooda fudhatu gaafatu.

MNOfi WBO gidduutti waliigalteen keeyyatawwan 13 qabu mallatteeffamuu kan himan Jaal Sanyiin, kunis irra caalaansaa nageenya fiduurratti kan xiyyeeffatu ta’uufi raawwiinsaas borirraa kaasee hojiitti hiikamaa akka deemu ibsu.

Kunis koreewwan qaamolee lamaaniifi dhimmamtoota ofitti qabate ijaaramuun kan hordofamu ta’uu addeessu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 28 Bara 2017

Recommended For You