Galmeessi Waraqaa Eenyummaa Dijitaalaa Biyyaalessaa (Faayidaa) erga Itoophiyaatti jalqabamee waggaa lamaafi walakkaa ta’eera. Galmeessa waraqaa eenyummaa kana abbummaan kan hordofu Waajjira Ministira Muummee jalatti kan hundaa’e Sagantaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaati.
Galmeessi waraqaa eenyummaa Faayidaa Finfinnee dabalatee naannolee biyyattii hundatti adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaatti namootni miliyoona 10 ol galmaa’aniiru. Bara bajataa kana waliigalaan namoota miliyoona 25, bara dhufu namoota miliyoona 70fi bara ittaanu ammoo namoota miliyoona 90 galmeessisuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa ibseera.
Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa karooricha milkeessuuf dhaabbilee gara garaa waliin hojjechaa kan jiru yoo ta’u, hawaasni faayidaa waraqaan eenyummaa, ‘Faayodaan’ qabu akka hubatu taasisuurrattis xiyyeeffatee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, Kibxata darbe Finfinneetti abbootii amantii Gumii Dhaabbilee Amantii Itoophiyaa keessa jiran waliin marii adeemsiseera.
Hojraawwachiisaan sagantichaa Obbo Yodaahee Arayaasillaasee akka jedhanitti, sirni waraqaa eenyummaa dijitaalaa Itoophiyaatti hojiirra oolaa jiru ijaarsa dinagdee dijitaalaa Itoophiyaa milkeessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Galmeessi waraqaa eenyummaa Faayidaa waraqaalee eenyummaa gandaa, barnootaa, hojii, eeyyama konkolaachisummaa, daldalaafi kanneen biroo waliitti hidhuun namni tokko eenyummaa tokko akka qabaatu taasisuun yakka namni tokko maqaa jijjiirratee waraqaa eenyummaa tokkoo ol baafachuun raawwatu ittisuuf kan gargaaru ta’uus eeraniiru.
Sirna waraqaa eenyummaa ‘Faayidaa’ hojiirra oolchuun doolaara biiliyoona 6.6n dinagdee Itoophiyaa kan utubu ta’uu himanii, waraqaan eenyummaa kun walitti hidhamiinsa dinagdeefi walamantaa cimaa uumuu keessatti gahee olaanaa qaba. Faayidaan kenna tajaajila daldalaa damee dhuunfaafi mootummaa kan si’eessuufi ammayyeessu ta’uus himaniiru.
Waraqaa eenyummaa ‘Faayidaa’ fudhachuu waanti nama dhorku kan hinjirre ta’uu himanii, waraqaan eenyummaa kun lammiilee biyyattii waggaa shanii ol jiran dabalatee lammiilee biyya alaatii dhufaniifi baqattoota Itoophiyaa keessa jiraniifillee kan kennamu ta’uus eeraniiru.
Barreessaa Olaanaan Gumii Dhaabbilee Amantii Itoophiyaa Qasis Taagaay Taaddalaa akka jedhanitti, gumichi Sagantaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa waliin ta’uudhaan hubannoo hawaasni waraqaa eenyummaa Faayidaarratti qabu gabbisuuf ni hojjeta. Dhaabbileen amantii waa’ee dhugaafi haqummaa barsiisu. Kaayyoon waraqaa eenyummaa kanaas haqummaa mirkaneessuu waan ta’eef abbootiin amantii kaayyoo waraqaa eenyummaa kana milkeessuuf kan hojjetan ta’uus eeraniiru.
Waraqaan eenyummaa Faayidaa lammiileen tajaajila si’ataafi haqaqabeessa akka argatan kan taasisu akkasumas yakka waliin dhahuu ittisuuf waan gargaaruuf lammiileen gafanii galmaa’anii waraqaa eenyummaa kana akka fudhataniif dhaamaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017