Doktar Gushaa Balakoo dhimma ittisaafi to’annoo ‘HIV’/edsiirratti maal jedhan?

Doktar Gushaa Balakoo, Hogganaa Ittaanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaafi Ittigaafatamaa Damee Ittisaafi To’annoo ‘HIV’/Edsii Doktar Gushaa Balakoo guyyaa ‘HIV’/Edsii baraba kabajame ilaalchisuun gaaffii ‘HIV’/Edsiin akka Oromiyaatti sadarkaa akkamiirra jira dhiyaateefiif

Gaazexaa Bariisaarraa dhiyaateefiif ibsa ittaanu kennaniiruu dubbisa gaarii.

#Ittisni vaayirasichaa tarsiimoo qaba

Ittisniifi to’annoon ‘HIV’Edsii imaammata dhibeewwan addunyaa kana baroota hedduuf yaaddoofi miidhaa turan waan ta’eef akka addunyaatti tarsiimoo qaba.

Tarsiimoon kun ammoo biyyootatti fudhatamee Oromiyaanis kan sadarkaa biyyaatti fudhatame  keessaa karoorri tarsiimawaan bocamee waggoota afuriif/shaniif bahu giddugaleessa godhatee tajaajila kennaa jira. Tajaajilli kun keessumaa dhimmoota guguddoo sadiirratti xiyyeeffata.

#Dhimmoota guguddoo sadii

Isaanis tokkoffaa namoonni haaraan akka hinqabamne gochuu; 2ffaa bu’aan wal’aansaa akka fooyya’u gochuu. Kana jechuun du’aatiin akka hinjiraanne umriin jireenyaa bamoota vaayirasichaan qabamanii akka dabalu, misooma keessatti akka hirmaataniifi sadaffaan tajaajilicha qaqqabamaa gochuudha. Sababiinsaas namoonni fageenyarratti argaman qoricha farra ‘HIV’ argachuuf fageenyarraa kan ka’e rakkachuu waan danda’aniuf.

Tajaajilichi bakka sanatti kennamuu dhabuun walqabatee namoonni rakkoo qaqqabiinsa tajaajilaa isaan qunnamuu waan danda’uuf walgitiinsa tajaajilaa mirkaneessuun waan barbaachisuufi.

#Dhimmoota kanneen mirkaneessuuf

Waantota sadan kanneen mirkaneessuuf tarsiimoowwan sadiin hojjetama. Tarsiimoon kun 995 ykn 959595 jedhama. Kana jechuun 95 tokkoffaa kan jennu namoonni dhabbantaa 95 ta’an vaayirasii dhiigasaanii keessa jiru istaatasiisaanii ykn ‘HIV’n dhiigasaanii keessa jiraachuu beekuu qabu.

Namoota vaayirasichi dhiigasaanii keessa jira jedhamee yaadaman ykn tilmaamaman keessaa dhibbantaan 95 pozativii ta’uusaanii adda baasuu qabna kan jedhuudha. Kun tajaajila qorannooti jechuudha.

Lammaffaa, namoota dhibbantaa 95 addaan baasne sana keessaa ammoo harki 95 qoricha eegalchiisuu kan ilaallatuudha. Harcaatiin nama qoricha hineegallee harka shan caaluu hinqabu. Sababoota adda addaatiin fakkeenyaaf qoricha kallattummaan waan pozativii ta’eef jalqabuu dhabuu danda’a; qophaa’ummaansaa waan barbaachisuuf.

Dhibeewwan carraqabeeyyii jennu akka isaan tursiisu godhu waan jiruuf yoo dhibeewwan akkasii qabaatan jalqaba erga dhibee sana yaalamanii booda akkatti qoricha farra ‘HIV’  jalqaban ni jiraata.

Kanaaf harka 95 ni wal’aanna jechuudha. Warra vaayirasichi dhiigasaanii keessa jiru ykn pozatiivii ta’an harka 95n qoricha jalqabsiisuu qabna kan jedhuudha.

Sadaffaa warra akka qoricha jalqaban goone kanneen keessaa ammoo dhibbantaa 95 warri vaayirichi dhiigasaaii keessa jiru qorannoo vaariyaal loodii ykn hammi vaayirasii dhiiga keessa jiruurratti qorannoon taasifameefii hangisaa beekuu qaba.

Hammi vaayirasii dhiiga keessaa sadarkaa barbaadamuun gadi bu’uunaan namoonni kunniin akkuma namoota kamuu umrii dheeraa jiraachuufi jireenya fayyaqabeessa gaggeessuu danda’u jechuudha. Inni sun baay’annaan ykn koppii kuma tokkoo ol taanaan namoonni kunniin dhibeewwan carraqabeeyyii  akka ‘TB”, dhibee sammuu, tiruu, kaleefi onnee fa’iif daran saaxilamoodha. Dhibeewwan sasalphoofi xixiqqoofis akkasuma.

Kanaafuu, hanga vaayirasii dhiiga keessa jirutu jiruufi jireenya nama sanaa murteessa. Namni sun umrii dheeraa akka jiraatu kan godhu, sochiilee adda addaa keessatti akka hirmaatu kan taasisuudhas, jiruu guyyaa akka geggeessu kan taasisu hamma vaayirasii dhiiga keessa jiruudha. Kanaafis malli tokkoffaan qorannoodha, 2ffaan wal’aanuudha, 3ffaan vaayirasiin hammamii dhiiga keessa akka jiru to’achuudha.

Waantota sadan kanneen gochuudhaan dhukkubsattoonni nu bira jiran akka tajaajila kanneen argatan goona. Ragaan nu bira jiruun akka Oromiyaatti namoota kuma 157fi 756 ta’an vaayirasiin ‘HIV’ dhiigasaanii keessatti ni argama jedhamee yaadama. Kun ragaa Dhaabbanni Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa baasuudha. Kana jechuun naannichatti namoota hamma kanaa keessatti vaayirasii ‘HIV’ dhiigasaa keessaa qaba jechuu otoo hintaane tilmaama.

Fakkeenyaaf iddoo HIVn hinjiru jedhamu keessa vaayirasichi jiraachuu waan danda’uuf qabatamaan lakkoofsaan hanga kana jechuu baannus tilmaamasaa kaa’uun nidanda’ama.

Tilmaama kanaan namoota 157fi 756tu jira. Baay’inni namoota qoratamanii waljalaa dabalaa jira. Fakkeenyaaf bara 2016 namoota miliyoona 3.3f qorannoo gaggeessineerra. Kanneen keessaa  kuma sagaliifi 500 kan ta’an dhiignisaanii pozatiiv ta’eera. Kana faffacatiisaatiin walitti fidnee yoo ilaalle kanneen qoranne sana keessaa kan waggaa tokkoo sana yoo ilaalle naannawa 0.4ti. Ta’us facaatiin Oromiyaa keessa jiru giddugaleessaan 0.6.

Akka biyyaatti dhibbantaa tokkoo gadi, 0.9. Akka Oromiyaatti ammoo 0.6. Kana jechuun ammoo zeeroodha edhamee kan ilaalamu otoo hintaane facaatiin vaayirasichaa magaalaafi baadiyyaatti garaagarummaa qaba. Magaalaatti hanga dhibbantaa sadii gaha.

Magaalotattis adda addummaa qaba. Fakkeenyaaf magaalota guguddoo akka Adaamaa, Shaashamannee, Bishooftuu, Shaggar, Naqamtee, Mooyyalee, Shaakkisoo fa’itti hanga dhibbantaa 3tti deema. Baadiyyaatti ammoo godinaalee akka Gujii, Gujii Lixaa, Shawaa Bahaafi magaalota irranatti eerreefi naannawa daangaa sochiin ittibaay’atutti facaatiin vaayirasichaa ni mul’ata.

Baadiyyaattis ammallee ni mul’ata jechuudha. Garuu akka waliigalaatti ragaa Oromiyaa keessatti HIVn dabalaa jira jedhu hinqabnu. Tarkaanfii fudhatamaa jiruun yeroo ammaa waggaarraa gara waggaatti hir’achaa jira.

Fakkeenyaaf ragaa waggoota sadan darbanii yoo kaasne bara 2014tti 0.5 ture. Bara ittaanu 0.4 ture. Bara 2016 ammoo 0.36 ture. Kana jechuun facaatiin vaayirasichaa guutummaatti Oromiyaa keessa jiru 0.3 jechuu otoo hintaane garuu vaayirasichi hir’achaa jiraachuu mul’isa.

Tarkaanfii qindoomaa nu, qaamolee deggartootaa, mootummaan fudhattuun, tarkaanfii mootummaan fudhatamuun  waggaarraa gara waggaatti hir’ataa jira.

Kanaaf ittisaaf akka waliigalaatti yeroo ammaa kana qorannoon HIV/edsii kun saaxilamummaarratti hundaa’a malee hawaasa bal’aa qorachuurratti hinhundaa’u. Sababiinsaas deggarsi kanaan dura argachaa turre yeroo vaayirasichi dhibbantaa tokkoo ol turetti argachaa turre amma hinjiru; akka biyyaas ta’e naannootti. Dhaabbileen deggarsaa sun yeroo ammaa deggarsisaanii addaan kutaniiru jechuudha.

Akkuma beekamuu qorichi farra HIV kun gatiinsaa daran qaaliidha. Otoo amma ni bitama ta’ee dhugaa dubbachuuf sadarkaa biyya keenyaatti dhukkubsataan bitatee jiraachuu hindanda’u. Sabiinsaas gatiinsaa daran qaalii waan ta’eef.

Warshaan qoricha akkanaa omishu biyyoota guddatan keessa malee biyyoota hedduutti hinargamu. Fakkeenyaaf Afrikaa keessa bakka tokkollee hinjiru. Kun ammoo rakkoo guddaa waan ta’eef qabeenya qabnu waliin akkuma addunyaattuu tarsiimoon fudhatamee jiru ummata daran saaxilamaa ta’e qorannee vaayirasichi dhiigasaa keessa jiraachuu kallattiidhaan adda baasuudha. Fakkeenyaaf dubartoota mana bunaa keessa hojjetan, namoota mana amala sirreessaa jiran fa’irratti. Qorannoo saaxilamummaarratti hunda’etu adeemsifama. Tarsiimoon hordofnus isuma kana.

#Hojii hubannoo uumuu

Kan biraa kan hojjetamu hojii hubannoo uumuuti. Manneen barnootaarratti hojjechuu, hoteelotatti akka namni of eeggannoo duraa taasisu hubachiisuu, namni tokko akka tasaa yoo vaayirasichaaf saaxilame sa’aatii 72:00 keessatti qoricha akka vaayirasichi garasaa/isheetti hindabarre ittisu akka fayyadamuu danda’ufaarratti hubachiisuufi achumaanis  akka wal’aansa argatuuf gara tajaajila wal’aansaa geessuudha.

Hawaasni daran saaxilamaa ta’e ammoo kondomii akka fayyadamuu gochuu, miidiyaalee idileefi hawaasummaatti fayyadamuun hubannoo bal’inaan uumuu, namoonni utuma hubannoo qabaataniis ta’e hinqabaatiin namoonni ammas oggaa vaayirasichaaf saaxilaman ni mul’atu.

Ammallee dhimma kana gadifageenyaan ilaaluu barbaachisa. HIV badeera waan hinjedhamneef of dagannaan hinbarbaachisu. Caasaaleen fayyaa sadarkaan jiran haala walfakkaatuun hubannoo uumuurratti adda addummaafi harcaatiin jiraachuu mala.

Sababuma kanaan namoonni tokko tokko keessumaa dargaggoonni waanti vaayirasii edsii jedhamu hinjiru, erga badee ture mitii jedhanii ilaaluun jira. HIVn madda rakkoo siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaati.

Yeroo ammaa Oromiyaatti namoonni kuma 131fi 525 qoricha farra HIV fudhataa jiru. Baay’inni namoota kanneenii baay’ina ummata magaalaa tokkoo kan caaluudha. Kun hamman dinagdeerratti dhiibbaa fiduu akka danda’u hubachuun nama hinrakkisu. Namoonni kunniin yoo sirriitti hinkunuunfamiin darbanii namoota biroo faaluu akka danda’an tilmaamuun nama hindhibu.

Du’aatiin jara kanaa dhiibbaa olaanaa dinagdeefi hawaasummaa qabaata. Ijoolee qofaatti dhiisu, qofaatti hafu, gargaarsa hinqaban. Ijoolleen barnoota barbaadu, kanaaf rakkoo gama kanaan dhufu rakkoo cimaa maatiidhaa qabee akka biyyaatti uumu qaba.

Kanaaf hubannoo uumuurratti xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba. Nutis carraawwan arganne hundatti xiyyeeffannaan hojjechaa jirra. Keessumaa yeroo guyyaan HIV waggaa waggaadhaan kabajamutti hojiin hubannoo uumuu bal’inaan hojjetama.

Baranaas Magaalaa Shaashamanneetti ni gaggeeffama. Achittis hojii qaamolee deggartootaa waliin taanee hojii bal’aa hojjenna. Erga sirni yaadannoo guyyichaa sadarkaa naannootti gaggeeffamee booda godaaleen, magaalonniifi aanaaleen hundi akkasumas dhaabbileen fayyaa marti haala walfakkaatuun hubannoo akka uuman taasifama.

Hunda caalaa ittifagaafatamummaa sadarkaan jiru mirkaneessuun barbaachisaadha. Ittigaafatamaan fayyaa aanaa gadibahee waa’ee fayyaa walqabataniifi waa’ee HIV irratti ummatasaatiif ibsa kennuufi hubannoo uumuurratti hojjechuu qaba.

Kanneen hospitaala, sadarkaa godinaafi magaalaatti jiranis akkasuma. Dhimmicha kan biiroo fayyaa ykn qaama tokkoo taasisanii ilaaluun sirrii akka hintaane sirnaan hubatamuu qaba. Yoo hunduu sadarkaa jiruun ittigaafatamummaa mirkaneesse tarsiimoo bara 2030tti HIVn rakkoo fayyaa akka hintaane taasisna jedhamee qabatame milkeessuu dandeenya. Kanarratti miidiyaa dabalatee qaamoleen hundi xiyyeeffannaan hojjechuu qabu.

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You