Weerara dhibee busaa naannichaa to’achuuf dhiyeessiin qorichaa ga’aan jiraachuun himame

Finfinnee: Weerara dhibee busaa naannichatti mul’achaa jiru to’achuuf dhiyeessiin qorichaa ga’aan jiraachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibse. Dhibicha yeroo gabaabaa keessatti to’achuuf hirmaannaa qaamolee hundaa akka barbaadus ibsameera.

Hoggantuun biirichaa Pirofeesar Natsaannat Warqinaa ibsa Kamisa darbe kennaniin, weerara dibee busaa mul’achaa jiru to’achuuf dhiyeessiin qorichaa ga’aan jiraachuu dubbataniiru. Hanga ammaatti tarkaanfiiwwan garagaraa mootummaan fudhatamus yeroo gabaabaa keessatti to’achuuf qindoomina qaamolee hundaa akka gaafatu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, Oromiyaatti namootni miliyoona 39.5 haalota weerara dhibee busaa saaxiluu danda’an keessa jiraatu. Dhibeen kun godinaalee 18fi aanaalee 10 keessatti babal’atee jiraachuu ibsanii tarkaanfii mootummaan fudhachaa jiruun saaphana siree miliyoona 8 ol raabsuudhaan namoonni miliyoona 16 ol dhibee busaan akka hinqabamne taasisuuf hojii bal’aan hojjetameera.

Namoota mallattooleen dhibee Busaa irraatti mul’ate miliyoona 5.6 kan qorataman yoo ta’u namoonni miliyoona 2.5 dhibeen busaa irratti argameef wal’aansi ga’aan taasifameera. Ji’oota shan darban keessatti keemikaala farra bookee busaa manneen kuma 500 ta’anirratti biifameera, hubannoo hawaasaa cimsuuf barnoonni fayyaa ilaallatu bal’inaan kennamuu, dhiyeessii qorichaa ga’aa dhiyaatee fooyya’insi hamma tokko jiraatus ammallee rakkoon fayyaa hawaasaa mul’achaa jira.

Akka mana hojichaatti hanqinaafii cimina jiru adda baasuun irratti hojjechuun weerara kana to’achuuf gamaggama raawwii ji’a lamaa gaggeessuun tarkaanfiin garagaraa fudhatamaa jira.

Haaluma kanaan yeroo ammaa kana humna raawwachiisummaa cimsuuf humna raawwachiisaa sadarkaa naannoorraa hanga gandaatti diiriirsuudhaan hojii ittisaafi wal’aansaa cimsuu hojjetamaa jira. Kanaan dura hojii ittisaafi waldhaansaa hojjetamaa ture naannawaa tokkoo naannawaa biraatti adda addaummaa qabaatus yeroo ammaa bifa walfakkaatuun hojjetamaa jira.

Raawii hojii bu’uuraa godhachuun weerara dhibee kanaaf hojiin madda rakkoo adda baasuu kan hojjetame yoo ta’u, hudhaalee mul’atanirratti ciminaan hojjechuun hawaasa fayyabuleessa horachuuf humna guutuun hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Rakkoo hubannoofi fageenya buufataalee fayyaan walqabatee jiru furuuf tola ooltota kuma 500fi 744 leenjisuudhaan manaa manatti hojiiwwan ittisaafi waldhaansaa akka kennaniif bobbiin taasifameera.

Aaanaalee 91tti gandoota 1436 keessatti gareen hordoffii to’annoo tola ooltotaa bobba’uu himanii; hawaasi miirrii mataa dhukkubbbii, dadhabbii namatti dhaga’amuu, ho’a qaamaa dabaluu, yoo mudate hatattamaan gara mana yaalaa dhaquufi qoricha haalaan fudhachuun murteessaa ta’uus dhaamaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017

Recommended For You