Ambo: Sadaasni 29 guyyaa seenaqabeessa saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa eenyummaafi tokkummaasaanii cimsachuun waliin jiraachuuf waadaa ittiwaliif galan ittiyaadatamu ta’uu Caffeen Oromiyaa ibse.
Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abduramahaan Guyyaan ayyaana saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa 19ffaan sadarkaa Oromiyaatti boru Magaalaa Amboottii kabajama.
Aadde Sa’aadaan daawwannaa dirree dabalatee qophiilee adda addaa ayyaanicha sababeeffachuun Godina Shawaa Lixaafi Magaalaa Ambootti Wixataafi Kibxata darbe adeemsifamanirratti ergaa dabarsaniin, Sadaasi 29 guyyaa seenaqabeessa saboota, sablammootaafi ummattootni Itoophiyaa eenyummaa, afaaniifi aadaasaanii itticalaqisiifataniifi tokkummaasaanii itticimsataniidha. Guyyaan kun guyyaa eenyummaan ummattootaa duubatti dhiibamuun hafee ifatti ba’e waan ta’eef guyyaa seenaqabeessa bara baraan yaadatamuudha jechuun ibsaniiru.
Broota dheeraadhaaf sabootaa, sabalamootnifi ummatootni hacuucamuudhaan eenyummaan isaanii moggaatti dhiibamuun jiraachaa turan. Guyyaa heerri mootummaa ittiragga’e (Sadaasa 29) irraa eegalee eenyummaansaanii akka beekamu ta’uu himanii; guyyichi guyyaa waliin jireenyi obbolummaa cimsuuf waadaan ittiwaliigalame yaadachuun kabajama.
Kanaaf, saboota, sablamootaafi ummattoota naannicha keessa jira waliin ta’uun hojiiwwan hawaasa walittihidhan garagraa raawwachuudhaan kabajama. Kabaja ayyaana kanaanis tokkummaan sabdaneessummaa cimuun lammiileen hundi ijaarsa biyyaa keessatti bifa isaan ga’eesaanii ba’uu danda’anii geggeffama jedhaniiru. Ayyaana baranaa ummata goota, aduu bilisummaa har’aaf wareegama qaalii kan kaffale ummata Godina Shawaa Lixaa magaalaa Amootti kabajamuun adda taasisuu himanii; ummatni Oromoo sabaaoota, sablamootaafi ummattoota hammatee kanjiraattu ta’uu kan itti beeksifinuudha jedhaniiru.
Godinni Shawaa Lixaa godina goototaafi qabeenya hedduu qabdu, tokkummaan sabootaa, sablammootaafi ummattootaa keessatti dagaaguun dorggoomii guddina keessa jirtu agarsiisuuf daawwaannaa misoomaafi taatewwan garagaraa geggeffamuun akka ayyannefamu ibsaniiru. Bu’aa ayyaannichi diinagdee keessati qabu cimsuuf baazaafi igizibishiniin intarpiraayizoota garagaraa walittifiduun muuxannoo jiru akka waliifqoodaniif shoora olaanaa qaba jedhaniiru.
Kantiibaan magaalaa Amboo obbo Hacaaluu Gammachuu gamasaaniin wiirtuu qabsoo Oromoo bara dheeraaf duubatti dhiifamtee turte ayyaana sabootaa,sablamootaafi ummattoottaa 19ffaa keessummeessuuf Magaalaan Amboo Caffee naannoo Oromiyaatiin filatamuusheef gammachuus ittidhaga’ame ibsaniiru. Barii jijjiiramaa as Magaalaan Amboo haala akkamii keessa akka jirtu beeksisuuf carraa guddaadha jedhaniiru.
Akka ibsasaaniitti, Itoophiyaan biyyaa saboota, sablammootaafi ummattootni afdaneessummaan keessatti dagaageedha. Garaagarummaa akka jabinaatti fayyadamuudhaan gaafa alaa keessaa duulli biyyarratti baname tokkummaan qolachuun biyya Itoophiyaa jedhamtu nutti dabarsaniiru. Nutis tokkummaan biyyaa cimsnee eeginee dhalootatti dabrsuuf hojjechaa jirra jedhan.
Kana keessatti qormaati jiraatus qabsoo ijibbaataa ummataan taasifameen oggansi biyya ceesisu dhalatee paartii badhaadhinaa hundeeffamee biyya diigamuuf fiixeera geese har’a biyya taanee tokkummaan keenya eeggamee akka jiraannu taasisuun danda’ameera. Kaleessa keenya yaadachuun har’a keenya raawwachuun hiree akka qabnu nutti agarsiisa jechuun ibsan.
Egeree dhaloota akeekuuf carraa qabnu hundatti fayyadamnee hara’a tokkummaa keenya cimsannee hojjechuu qabana.Kanaaf,Caffeen Oromiyaa guyyaa ayyaana saboota,sablammootaafi ummattootaa 19ffaan boru, Sadaasa 22 sadarkaa Oromiyaatti Ambootti kabajamun shoora olaanaa qaba jedhan.
Seenaa qabsoo sirnoota darbeerratti geggeffameen Ambo akka nageenyi hinjirretti ilaalamuu ishee himanii; amma garuu bilisummaa argameefi nageenya tikifameen Amboon bakka nageenyaafi wiirtuu misoomaa taateetti. Ayyaannichis hiriira guddicha har’a, Sadaasa 21 geggeffamuun dabalamee Sadaasa 22 bara 2017 akka kabajamu ibsaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017