Finfinnee: Qindeessummaa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaatiin daawwannaa hojii misooma qonnaa miidiyaaleen tibbana Baaleefi Arsiitti taasisaniin godinaaleen kunneen omishtummaa olaanaa qabaniin Oromiyaarra darbanii guutummaa Itoophiyaa sooruuf potenshaala guddaa qabaachuu hubanneera.
Irrajireessi lafasaanii waan diriiraa ta’eefi garbuufi qamadiin calaqqee samiin lafa uwwisan ijji ilaalee hinfixu. Qamadiin kilaastaraan lafa hektaara kumaatamaan omishamu galaana lafarra hafate fakkaata. Godinaalee kunneenitti yoo rakkoo gabaa ta’e malee qonnaan bulaa kamuu biratti hanqinni omishaa akka rakkootti hineeramu.
Obbo Gammachuu Baatii qonnaan bulaa adda duree Godina Arsii, Aanaa Heexosaati. Lafa hektaara afur qabanirraa waggaatti yoo xiqqaate qamadii qofa kuntaala 150 kan argatan yoo ta’u boqqolloo, atara, baaqelaa, xaafiifi kanneen biroos ni omishu. Ijoollee qaban keessaa nama sagal dhaabbilee barnoota olaanaatti barsiisuun yeroo ammaa saglanuu hojii gaariirra jiraachuu dubbatu. Mana jireenyaa sadarkaasaa eeggates magaalaa Adaamaatti ijaarrataniiru.
Obbo Gammachuufi maatiisaaniif hanqinni midhaan nyaataa rakkoo waan hintaaneef dhiyeessiin xaa’oo sadarkaa barbaadamuun yoo mirkanaa’eef qamadii godinaaleefi naannolee biroof dhiyeessuuf qophiidha. Kanaafuu, osoo lafti Arsii jiruu hanqina qamadii kaasuun salphina waan ta’eef dhiyeessiin xaa’oo qofti akka fooyya’uuf gaafataniiru.
Haaluma walfakkaatuun qonnaan bulaan aanichaa biraa Hajii Tuunee Roobaa gamasaaniin akka jedhanitti, jijjiiramaa asitti deeggarsa rogawwan maraan mootummaan taasiseefiin omishtummaan qamadiisaanii dachaa lamaan dabaleera. Kombaayinaraan waan haamaniif qisaasamni callaas hinjiru. Haa ta’u malee, rakkoon gabaa hudhaa hamaadha.
Aadde Birqinash Takkaa qonnaan bultuu adda duree Godina Baalee, Aanaa Gobbaati. Isaanis kana dura qoraan gurguranii buluurraa gara qonnaan bultuu adda dureetti dhufuu dubbatu. Gorsa karaa Sagantaa Maaddii Guutuu kennameefiin lukkuu, loon, kuduraafi mudara, gaagura ammayyaa, mi’eessitoota akaakuuwwan garaagaraa, walumaagalatti wanti qe’ee Aadde Birqinash hinjirre soogidda qofa.
Jijjiiramuuf dhiiraa dubartii osoo hintaane kutannoofi ciniinnatanii hojjechuu qofatu murteessaadha kan jedhan Aadde Birqinash; harka abbaa warraasaanii eeguu osoo hintaane camadanii akka qotan, halkan ka’anii akka aramatan hubachiisaniiru. Waanti maaddiisaaniirraa dhabame hinjiru. Nyaata madaalamaa sooratu. Magaalaattis mana ijaarrachuuf haalduree xumuruu ibsaniiru.
Ministir De’eetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa RFDI, Obbo Kabbadaa Deessisaa gamasaaniin, kanaan dura xiyyeeffannoo ijoon mootummaa omishtummaa dabaluu ta’uu himanii; bu’uuruma kanaan midhaan nyaataan of danda’uu bira darbee qamadii dabalatee alergiin Itoophiyaa dachaawwan hedduun dabaleera. Kanaanis qonnaan bultoota fayyadamoo taasisuun hojiin walitti hidhamiinsa gabaa kallattii ittaanu ta’uu eeraniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017