“Pilaastikii ‘haylaandii’ naannawa balfurraa meeshaalee kalaquun qabeenyatti jijjiiraa jirra” – Dargaggoota Asallaa

Tibba tokko weerarri awaannisaa omishaalee gammoojjii Sudaan daran hubnaan ijaa bahachuuf jecha warri Sudaan awaannisa nyaataaf oolchuun “Isa nu nyaachuuf dhufe nyaanne” jedhanii umrii awaannisaa gabaabsuu, omishasaaniis baraaruu miidiyaaleen addunyaa gabaasaa turaniiru.

Akka biyya keenyaattis fudhannee yoo ilaalle hojii gabbisa hubannoo mootummaan hojjeteen balfi qabeenyatti jijjiiramuu waan eegaleef keessumaa namoonni hojii naannawa qulqulleessuurratti bobba’an kosii kaan funyaan qabatee dheessu jala bu’anii guuruun tajaajilaafi galiif oolchaa jiru.

Rakkoo faalama qilleensaatiin mudatuun dhibeewwann lubbuu dhala namaa galaafatan hedduu yoo ta’an kan naannawa faalu kanaan du’uurra qabeenyatti jijjiiranii irraa nyaachuun akka danda’amu qorqalbiin namoota muraasaa jijjiiramee hojiitti hiikamaa jiraachuu Finifnneetti qabatamaan arguun nidanda’ama.

Faallaa kanaammoo rakkoo hubannoofi maal nadhibdeerraa kan ka’e pilaastikii bishaanii maqaa haylaandi jedhamee beekamuufi bishaan keessaa dhugame bakka taa’uu qabu kaa’uun osoo danda’amuu daandiirratti darbatanii naannawa faaluun uumama balaaf saaxiluunis hammaataa jira.

Rakkoon faalama qilleensa naannawaatiin dhufu kun lubbuqabeeyyii kaanis ta’an biqiloonni gaaga’ama jiraachuu dhabuu keessa akka seenaniif sababa guddaa ta’uu hordofee faalamni qilleensaa hudhaa addunyaa keenya qoraa jiru keessaa isa ijoo ta’uun ka’aa jira.

Dhimma kana maaliif kaaste jechuu dandeessu. Dhiyeenyuma kana Dhimma hojiif gara Magaalaa Asallaa, Kolleejjii Poolii Teeknikii Atileet Qananiisaa Baqqalaa deemaa turre. Akkuman mooraa kolleejjichaa seeneen foddaa konkolaataatiin libsuu ijaatiin shamarree pilaaastikii haylaandii funaantu arge.

Umrii dargaggummaarra jirti. Tarii qulqulleessituudhaa laata jedheen ilaale. Duubarra balfa kaan dhiistee haylaandii qofa keshaadhaan guurtee mana wayiitti yoo naqxun arge. Konkolaataarraa bu’een barreeffama mankuusaa sanarra jiru ilaale, “Mankuusaa Pilaastikii Moodeela Dargaggootaaf” jedhu arge.

Suuronni achirra jiranis qalbii nahawwatan. Sana booda gara Shamarree kanaatti deebi’ee gaawonii adii uffattee ittifufinsaan funaanti. Qaamaan bira gahee yoon ishee ilaalu oljettee dhaabatte ijji keenya walirra bu’e. Qulqulleessituudhaa jedheen gaafadhe. Fuula ifaadhaan, “Ogeettiidha. Ogeettii balfa karadeemaan gatu qabeenyatti jijjiirtudha” jettee kolfaa naa deebiste. Shamarreen Saamraawwiit Waldee jedhamtu tun jiraattuu Magaalaa Asallaa, Ganda 11ti.

Kutaa 12ffaa xumurtee qabxii darbiinsa dhaabbilee barnoota olaanaa waan hinarganneef hiriyyootashee muraasa waliin gara Kolleejjii Poolii Teknikii Atileet Qananiisaa Baqqalaatti fuula naanneffachuu himti.

Isheenis ta’e hiriyyoonishii battala gara kolleejjichaa deemanitti dizzaayinii faashinii barachuuf deemanii isumaan leenji’uu akka eegalan himti.

Duubarra garuu leenjii dizzaayinii faashinii cinatti dargaggoota kaka’umsa qabaniif carraa dabalataa balfaa pilaastikii qabeenyatti jijjiiruu banametti makamuu eerti.

Shamarree Saamraawwiitiifi hiriyyoonnishee kutannaan carraa uumametti seenuun akka Asallaatti seenaa addaafi jalqabaa hojjechuuf akka carroomanidha kan kaastu.

Balfa pilaastikii haylaandii namni miira maal nadhibdeen daandiirratti darbachuun naannawa faalu irra deemanii funaanuun tajaajila garagaraaf oolchuun qabeenyatti jijjiiraa jiru.

Haylaandii dabalatee pilastikni maalnadhibdeen gatamu qabeenya ta’uu hojiitti hiikanii kan argaman dargaggoonni kunniin sochiin isaaniin jalqabame kun sadarkaa biyyaattillee babal’atee dargaggoota hedduuf carraa hojii dinagdeensaanii itti bayyanatu uumuu akka danda’u kaasu.

Shamarreen tun jalqaba qabxiin darbinsaa dhaabbilee barnoota olaanaa kutaa 12ffaa jalaa yoo hafu gadduu himtee; duubarra garuu kufaatiinshee milkaa’ina guddaa miira ofitti amanamummaa isheetti horu dachaan fidee dhufuu akka danda’e dubbatteetti.

Hojiin pilaastikii haylaandii daandiifi gataa balfaarraa funaanuu hammam ulfaataa ta’us osoo dadhabe, mudhuke hinjedhiin hiriyyootashee waliin of kennitee funaanuun qabeenyatti jijjiiraa jirti.

Akkuma ogummaa dizzaayinii faashinii filannoosheen barataa jirtu xumurteen carraa dhaabbanni Lammiif Inisheetiiv Foor Inkiluusiive & Infoormid Laayiif (L3IL)fi DKA Osteeriya jedhamu kenneefiin ji’oota muraasaaf leenjiin kennameefii itti fayyadama maashinii wajjin erga walbartee pilaastikni haylaandii qabeenya ta’uu ijaan arguu dandeesseetti.

Sun ishee hawwatees umrii dargaggummaa bifa habaaboo fakkaatu baattu kanaan aduufi ija namaaf osoo hinjilbeeffatiin ciincaa balfaa osoo hin yakkiin gadi jettee funaanuun amma sadarkaa ol jedhanii deemuurra gahuu dandeesseetti.

Ol jettee deemuusheefimmoo sababa kan ta’eef kan ormi balfa jedhee gate pilaastikni haylaandii gatijabeessaafi gatiqabeessa ta’uu hojiitti hiiktee argamuusheeti. Erga hojiitti galtee bu’aa argamsiisuu jalqabdee dhiyoo ta’us ogummaa hindhumne dandeettii addaa haylaandii qabeenyatti jijjiiruu horatteetti.

Shamarree Saamraawwiit yeroo ammaatti Kolleejjii Poolii Teeknikii Atileet Qananiisaa Baqqalaa Asallaatti haylaandiirraa meeshaalee akka harataa, baattuu furtuu, qulfii uffataa, faayawan mana keessaa gara garaa bifa miidhagaafi hawwataa ta’een qopheessaa jirti.

Omishaalee kanneen guyyaatti heddumminaan qopheessaa kan jirtu yoo ta’u, keessumaa harataa ammayyaa omishan kana dhaabbilee Seftineetiif kallattiin dhiyeessuuf waliigaluu kaasteerti.

Harataan kun dhalattoota biyyaa keessumaa qarreefi qeerroo Asallaan kan omishame umrii dheeraa kan qabu, dhibeefi faalama kan qulleessu waan ta’eef ammaaf gatiinsaa murtaa’uu baatus gatii madaalawaan dhiyeessuuf qophiitti jiraachuus himti.

Dhuunfaadhaan bitachuuf fedhiin jiraatus bu’aa dhamaatii keenyaa salphaatti deebisuu kan danda’u karaa dhaabbileeti jettee sana erga milkeeffataniis kutaalee hawaasaaf karaa itti walgahuu danda’urrattis hojjetaa jiraachuu dubbatti.

Gama biraatiin qulfiin uffataa keessumaa kan kettaa (shamizii) osoo asitti omishamuu danda’uu alaa galchuun biyyi keenya baasii humnaa oliif saaxilamaa jirti. Kun akka hafuufimmoo tarkaanfii isaan fudhatan kun mala dhaleera.

Qadaada pilaastikii haylaandiirraa qulfii uffataa sadarkaasaa eeggate hojjechuun dhaabbilee uffata hodhanniif dhiyeessuuf mariirra jiru. Kanamalees baattuu furtuu ismaartiifi qabannaaf mijattuu taate jaalala biyyasaaniif qaban agarsiisuuf kaartaa Itoophiyaatiin bocuun mallattoo Asallaa, Itoophiyaa jedhu itti maxxansuun dabalataan omishamaa jira.

Akka shamarreen tun jettutti pilaastikni kun tajaajilawwan hedduuf ooluu akka danda’u turtii leenjii fudhattetti kan ijaaramte yoo ta’u, yeroo muraasa booda bal’inaan irratti hojjechuun eeggattummaa seenaa gochuuf jiraachuu eerti.

“Kutaa 12ffaatti qabxiin hafuunsaa duraan natti dhagahamee ture. Amma garuu inni Waaqayyoo waan godheef qaba jedhamu ogummaa dachaa naaf dhalee namummaatti deebi’eera” jetti.

Dargaggoota akkakoo guddinarra jiraniif ergaan qaba kan jette Shamarree Saamraawwiit; barnoonni teeknikiifi ogummaa dhaba hinwayyuu ykn kanneen kutaa 12ffaa kufanii itti seenan osoo hintaane darbaniillee seenanii barachuun dirqama ta’uu hubachuu dubbatti.

“Sababnisaas leenjii gabaabaa ji’oota muraasaan, haadha ykn abbaa ogummaa ta’uun eeggattummaa seenaa gochuun akka danda’amu argeera. Kanaaf dammaqaan jedha” jetti.

Yeroo ammaatti kudhan ta’anii hiriyyootashee waliin balfaa pilaastikii meeshaalee garagaraa qopheessaa haala gabaas mijeeffataa kan jiran yoo ta’u, giddugalli gabaa ykn walitti hidhamiinsi gabaa mijataa ta’e hinuumamneef.

Giddugalli isaan itti leenji’an bakka leenjii qofa kan qabu waan ta’eef mootummaan giddugala gabaa akka mijeessuufii gaafataa jiru. Dhaabbileen mootummaas ta’an mitmootummaa bu’aa hojiisaanii kana ilaalanii tajaajilaaf oolchuun omisha biyyaatiin fayyadamuu akka qaban waamicha dhiyeessiteetti.

Dargaggoonnis ogummaan kan nama boonsudha malee kan nama boossisu miti, ji’oota muraasa keessatti leenjii gabaabaa fudhatanii ogummaa guddaa dhuunfachuun eeggattummaafi hiyyummaa seenaa gochuun ofirra darbanii dargaggoota biroof wabii ta’uun barbaachisaadha jechuun ibsiti.

Dargaggoon tokko tokko dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifamee bahuun waggoota dheeraaf hojii barbaacha yoo jooru argina. Warra akkanaatiif gorsan qaba kan jettu Shamarree Saamraawwiit turtii yunivarsiitiin boodas yeroo gabaabaatti leenjiin ogummaa waan kennamuuf hintuffatiinaa fayyadamaa taatu nama ta’uu barbaannaan ogummaafi teknikaaf xiyyeeffannoon akka kennamu dubbatti.

Dargaggoota; aadaan hojii balfaa qabeenyatti jijjiiruu biyya keenya keessatti erga eegalamee dhiyoo ta’us bu’aalee jajjabeessoo galmaa’aa jiraachuun haqa mul’atuudha.

Haata’u garuu rakkoon ilaalchaa ogummaafi teknikii galanii barachuu fayyadamummaa dhalootaa ykn dargaggootaa hubaa kan jiru waan ta’eef hojiin hubannoo uumuu cimuu qaba. Dhaloonnis dammaquu qaba. Kan baranneen qofa hojii barbaanna ilaalchi jedhu umrii malee hiyyummaa nurraa hinfixuun ergaa keenya.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017

Recommended For You