Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaatti bu’aa maalii fide?

Finfinnee: Erga hundeeffamee waggaa shan kan guute Paartiin Badhaadhinaa seenaa Itoophiyaa keessatti paartii karaa nagaa aangoo qabate paartii isa jalqabaati.

Paartichi aangoo osoo hinqabatiin dura Addi Dimokiraasummaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) Itoophiyaa biyya sabaafi sablammoota 80 ol keessa jiraataniifi yeroo sana naannolee sagaliifi bulchiinsa magaalaa lama qabduu paartiiwwan naannolee afurii qofa hammachuun kanneen hafan immoo dagachuun biyya bulchaa ture.

Paartiin Badhaadhinaa naannoleen biyyattii hundi, sabaafi sablammootni biyyattii keessa jiraatan hundi walqixxummaadhaan biyyasaanii bulchuuf carraa akka argatan gochuuf sirna bulchiinsa ADWUI keessatti paartii deggartoota jedhamuun naannoolee horsiise bulaa bulchaa kan turan hunda of keessatti qabate hundaa’e.

Ayyaana hundeeffama paartiichaa waggaa shanaffaa akka Naannoo Oromiyaatti Magaalaa Naqamteetti kabajamerratti Pirezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa haasaa taasisaniin akka jedhanitti, ummatni biyyattii ilmasaa kennuurraa jalqabee waan hunda kennuun paarticha tumsaa jira. Yaada mo’ataa hunda galeessa qabaachuusaatiinis sabaafi sablammoota biyyattii hunda keessaa miseensota danuu qaba.

“Fudhatamummaan ummata biratti qabuufi yaadamni injifaatan inni qabatee socho’aa jiru shirri garaagaraa osuma irratti xaxamuu injifachaa har’a gaheera. Qaamotni yaadaan paarticha injifachuu dadhaban warri siyaasa karaa saayinsaawaa ta’een hogganuu hinbeekne, sirna federaalizimii diiguufi jedhanii paarticharratti duula maqaballeessii banan.

Paartichi mul’ata injifataa akka qabu dursanii waan hubataniif jalqaba hundeeffama paartichaatirraa eegalee xobbeetti kutuuf hojii shiraa irratti hojjechuuf murteeffatan. Olola sobasaanitiinis qaamotni kunneen namoota hedduu karaarraa maqsan. Haa ta’u malee, paartichi federaalizimii dhugaa lafa qabsiisuudhaan fedha qaamota kanneenii karaatti hambiseera.

Akka odeesse bulaan tokko tokko haasa’u osoo hintaane paartichi paartii karaa sirrii qabatee adeemaa jiruudha. Gaaffiifi fedhii ummataa hubatee haala dinagdee, hawaasummaafi siyaasa addunyaas xinxalee xiiqeffatee cichee hojjechaa jira.

Gaaffii mirga ofiin of bulchuu deebisuuf, cunqursa sabummaa, cunqursa dinagdee, cunqursaa siyaasaa hambisuuf, gaaffiilee sabaafi sablammootni biyyattii qaban deebisuuf paartii kutannoo qabuudha” jedhu.

Paartichi haasaan osoo hintaane paartii sabboonummaa gochaan agarsiisu ta’uu kaasanii, sabboonummaa qabaachuusaatiin waggaa 150 booda Irreecha Hora Finfinnee iddootti deebisuu danda’uu himu.

Gama dinagdeetiinis dinagdee biyyaa ceesisuuf hojjechaa jiraachuu kaasanii, qonnaan bulaan biyyattii inisheetiviidhaan hojjetee jiruufi jireenyasaa akka fooyyeffatu, guddina biyyaa keessattis gaheesaa akka taphatu taasifamaa jiraachuu dubbatu.

“Hojii xiiqiidhaan hojjetameenis qe’ee qonnaan bulaa qe’ee kombaayinarafi tiraaktaraa gochuun danda’ameera. Waggaa shan dura bajatni Mootummaa Naannoo Oromiyaa Qarshii biliyoona 50 hincaalu ture amma garuu, bajatni naannichaaa qarshii biliyoona 300 oliidha. Kana gochuu kan dandeenye kan ormaa saamnee osoo hintaane saamicha ofirraa ittisneeti. Saamichi nurraa waan hafeef bajatni keenya yeroo dhiyootti biliyoona bira darbe tiriliyoona gala. Yommuu kana milkeessinu warri nu saamuu baran saamicha itti fakkaachuu danda’a” jedhu.

Kaantibaan Magaalaa Shaggar Doktar Tashoomaa Addunyaa hundeeffama Paartiichaa waggaa 5ffaa sababeeffachuun sagantaa daawwannaa hojiiwwan misoomaafi inisheetiiviiwwan qonnaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa torbee darbe gaggeeffamerratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, Paartiin Badhaadhinaa, paartii fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf waadaa gale hunda ariitii, qulqullinaafi baay’inaan raawwachuun dhugoomsaa jirudha.

Bu’aa paartiichaa kan taate Magaalaan Shaggaris galmoota ijoo qabattee hojjechaa jirtu milkeessuuf hojiiwwan misoomaa garagaraa, inisheetiiviiwwan qonnaa, industiriiwwan godoofi kanneen biroo akkaataa istaandaardii isaa eeggateen hojjechaa kan jirtu ta’uu ibsaniiru.

Hundeeffamuu magaalichaatiin omishaafi omishtummaan misooma qonnaafi indastirii dabalaa jira jedhanii, hundeeffama magaalichaa dura lafa hektaara kuma 40 hincaalle sanyiin uwwifamaa kan ture yeroo ammaa magaalichatti lafa hektaara kuma 80 oltu omisha gannaatiin qofa sanyiin uwwifamaa jira jedhaniiru.

Hogganaan Biiroo Misooma Invastimantiifi Indastirii Obbo Ahimad Idiris gamasaanitiin akka jedhanitti, paartichi rakkoolee isa mudatan qolachuun tarsiimoofi karooraa mijataa bocee hojjechuun dinagdee biyyaattii ba’aa irraa gara bu’aattti ceesisaa jira jedhanii, gama hawaasummmaatiinis gaaffiiwwan dimokraasiifi walqixxummaa ummatni biyyattii gaafachaa ture deebisaa jiraachuu himu.

Bulchituun Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Aadde Boggee Kennee gamasaaniin, mootummaa jijjiiramaa dura qonnaan bulaan kutaa magaalaasaanii qe’eesaarraa buqqa’aa turuu himanii, deggaranii dingdeedhaan humneessuu osoo hintaane waan xinnoodhaan qonnaan bulaa goyyomsuun laftisaa akka irraa fudhatamu taasifamaa turuu yaadatu.

Shira qonnaan bulaa magaalaa Shaggarirratti taasifamaa tureen Sanyiin Oromoo warra Galaan qe’eesaa dhiisee gara iddoo biraatti akka godaanu taasifamuusaa himanii, jijjiirama booda carraa argametti fayyadamuun warra seeraan ala lafa qonnaan bulaa kunneenii qabatanii ijaarsa seeraan alaa ijaaran manneen kuma 40 ol irratti tarkaanfii seeraa fudhachuun qonnaan bultootni kunneen qe’eesaanitti deebi’anii gurmaa’anii akka hojjetan taasifamuu ibsu.

Gaggeessaan Hojii Waldaa Sharikummaa Furdisa Loonii Iftiyoomifi hiriyootasaa dargaggoon Iftiyoom Dandanaa gamasaatiin carraan hojii mootummaa jijjiiramaatiin kan isaaf uumame ta’uu ibsuun hiriyyootasaa waliin akka hojiitti galaniif mootummaan deggarsa itti fufiiinsa qabu isaanif kan taasise ta’uu ibseera.

Iddoon hojii, tajaajilli liqiifi leenjiin waldichaaf kan taasifame ta’uu eeree, deggarsa taasifamaa jirutti fayyadamuun hojiisaanii karaa bu’aqabeessa ta’een hojjechaa kan jiran ta’uus himeera.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017

Recommended For You