Finfinnee: Paartiin Badhaadhinaa injifannoowwan riifoormiin galmaa’an gara guddina caalutti jijjiiruuf qophaa’aa jiraachuu Pirezidaantii Ittaanaan Paartichaafi Sadarkaa Ministira Muummee Ittaanaatti Ittigaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Demokraasii Obbo Adam Faaraah ibsan.
Paartiin Badhaadhinaa paartii Sadaasa 21 bara 2012 qabsoo jijjiiramaa keessatti dhalate, mul’ata haaraa qabatee boqonnaa haaraa banee guddataa jiruudha jedhan.
Waggoota shanan darbanitti paartii dameewwan Siyaasaa, Diinagdee, Hawaasummaafi Dippiloomaasiidhaan badhaadhina hundagaleessa galmeessaa jiru ta’uus ibsaniiru.
Har’as injifannoo caalmaa galmeessisuuf ga’umsaan hojjetaa jira jedhanii, hoggantoota jijjiirama fedhii ummataafi yaadama tarkaanfataa qabaniin deeggaramuun imalli jijjiiramaa eegalame Paartii Badhaadhinaa dhalchuun yeroo gabaabaa keessatti Itoophiyaan dachee dinqii addunyaa akka taatuuf bu’uura kaa’uu ibsaniiru.
Bu’aan imala abjuu keenya keessatti arganne hojmanee boruu keenyaaf humna ta’uun har’a geenyeerra jedhan.
Qabeenya kuufamaa hinmul’anne soqnee baasuun, iddoowwan dhukkeen uwwifaman miidhaginaan uwwisnee, rakkoolee sodaachisoo waan hindanda’amne fakkaataniin morma walqabnee, biyya diigamuurraa baraaruun Itoophiyaa cimtuu sabdaneettii ijaaruuf halkanii guyyaa ifaajneerra jechuun ibsaniiru.
Gufuuleefi rakkoolee kanneen hunda injifachuun bu’aalee ajaa’ibsiisaa galmeessisaa guyyaa hundeeffama Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaa kabajuurra geenyarra jedhan.
Mataduree ‘Olaantummaa Yaadaa, Badhaadhina hundagaleessaaf’ jedhuun kabajamaa kan ture Guyyaan hundeeffama Paartii Badhaadhinaa Waggaa 5ffaan har’a sadarkaa biyyaalessaatti sagantaalee garagaraatiin kan goolabamu ta’a.
Guyyaan kun guyyaa injifannoo dabalataa itti galmeessinu, olaantummaa yaadaafi badhaadhina hundagaleessa biyyattii itti mirkaneessuu akka ta’u hawwii kooti jedhaniiru.
Riippoortara Gaazexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017