Finfinnee: Sosochii Itoophiyaan Haa Omishtuutiin omishaalee kanaan dura alaa galaa turan kan biyya keessaatti omishamuun bakka buusuudhaan raawwii hojii kurmaana tokkoffaa bara 2017n baasii doolaara miliyoona 900 hambisuun kan danda’ame ta’uu Ministeerri Indastirii beeksise.
Ministeerichatti Raawwachiisaan Hojii Dorgomummaa Omishaa Obbo Masaayinah Wubisheet ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan omishaalee alaa galchaa turte kan biyya keessaatiin bakka buusuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jirti.
Biyyattiin poteenshaala omishaalee indastiriitiif oolan guddaa kan qabdu ta’uu himanii, potenshaala jirutti fayyadamuun omisha alaa galaa ture bakka buusuuf imaammata indastirii bara 1994rraa kaasee hojiirra ture bara darbe fooyyessuun hojjechaa jirti.
Imaammata fooyya’erratti hundaa’uun tarsiimoo biyyaalessaa omisha bakka baasuun hojjechaa jirti. Imaammanni duraanii omishaalee alergiif xiyyeeffannoo kan kennu yoo ta’u, imaammanni fooyya’e kun dhaabbilee omishtootaaf deeggarsa barbaachisu kan kennu ta’uu himaniiru.
Omisha alaa galaa ture bakka buusuufis dursa qorannoo saayinsaawaa taasisuun akaakuuwwan omishaa 96 omishuuf sosochii Itoophiyaan Haa Omishtuu jalqabuun hojiitti galamuu himanii, sosochiin kun rakkoolee dhaabbilee indastirii hiikuurratti kan xiyyeeffate ta’uu eeraniiru.
Rakkoolee dhaabbilee furuufis qooda fudhattoota kilaastara kilaastaraan qooduun akka gurmaa’an taasifameera. Tajaajilli Humna Ibsaa, Ministeerri Faayinaansii, Ministeerri Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaafi Komishinii Gumruukii kilaastara kana keessatti hammatamaniiru.
Sosochiichaan biyyattiin omisha kanaan dura omishtee hinbeekne omishuu jalqabdeetti kan jedhan Obbo Masaayinah, lammiileen omishaalee biyyattiitti omishaman bitatanii akka fayyadamaniif hojiin hubannoo gabbisuu bal’inaan raawwatameera. Biyyattiinis omishaalee kanaan dura omishtee hinbeekne omishuu jalqabuu eeraniiru.
Keebiliiwwan elektirikii, ismaarti poolii (‘smart pole’), omishaalee injinariingiifi keemikaalaa garagaraa haaraa omishuu kan jalqabdee ta’uus himaniiru.
Jalqabuu sosochii kanaatiin rakkoon hanqina sharafa alaa, kan bu’uuraalee misoomaa, ciccituu humna ibsaa, dhiyeessii lafaafi hanqinni galteewwanii furmaata argataniiru. Kanarraa kan ka’ e humni omishuu indastiriiwwanii dabalaa jira. Dhaabbileen indastirii sosochicha dura hojii dhaabanii turan 217 deebi’anii hojii jalqabaniiru.
Rakkooleen indastirii omishaa faana walqabatan hedduun furmaata kan argatan ta’us ammallee indastiriiwwan hamma humnasaanii omishuu hindandeenye jiraachuu himanii, keessattuu hanqina maallaqa hoji raawwachiistuutiin indastiriiwwan hedduun ammallee rakkachaa jiraachuu ibsaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017