Finfinnee: Ammaan tana nageenyi Oromiyaa yeroo kamuurra sadarkaa gaariirra akka jiruufi bakka tokko tokkotti hojii muraasni hafu itti adeemamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa Komishinarri Jeneraalaa Araarsaa Mardaasaa ibsan.
Komishinarichi ibsa Kamisa darbe Gaazeexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, qindoomina Raayyaa Ittisa Biyyaa, qaamolee nageenyaa naannichaafi federaalaatiin tarkaanfii laalessaa fudhatameen Shaneen bittinnaa’ee kaan harka kennateera, kaan ammoo gara gammoojjiitti baqateera. Ummatnis sochii idileetiin jiruufi jireenyasaa gaggeeffataa jira.
Sirna caasaa gandaa mootummaan naannichaa diriirseen bakkeewwan Shaneen bittinnoofte keessa loote tokko tokkorraa kan hafe caasichi hundeen lafa qabataa jira. Qaamoleen nageenyaa Shanee bittinnoofte dhabamsiisuuf gammoojjii seenee tarkaanfii fudhachaa jiraachuus dubbataniiru.
Shaneen bakka qaamni nageenyaa hinjirre tokko tokkotti kudhan, kudha shaniin bittinnooftee ummata ajjeesuu, ukkaamsuu hannaafi saamicha raawwachuurra kan darbe, akka kana duraa sadarkaa caasaa gandaa diiguufi sochii ugguruurra hinjirtu jedhanii; ummatni Oromoo tibbana hiriira ba’ee darara Shaneen dhoksaan isarratti raawwatu mul’isuun murnicha balaaleffachuusaa yaadachiisaniiru.
Ummanni murna isa dararu kana dhabamsiisuuf meeshaafi deeggarsa mootummaa gaafachuus ibsanii; akkaataa ammaa kanaan qaamni nageenyaa, siyaasaafi ummatni qindoominaan yoo cimanii hojjetan yeroo gabaabaa keessatti Shanee dhabamsiisuun akka danda’amu hubachiisaniiru.
Tarkaanfii olaantummaa seeraa fudhatamuun lammiilee nagaaf eeggannoo taasifame ilaalchisees akka jedhanitti, qaamni nageenyaa, nageenya ummataa eegsisuuf wareegama lubbuu dabalatee aarsaa qaalii kaffalaa jiraachuu eeraniiru. Diinotatu olola oofa malee qaamni nageenya ummataaf dhaabatu herrega kamiinuu ummatarratti miidhaa hindhaqqabsiisu jedhaniiru.
Hiriirri ummataa sun hunda caalaa Shaneen diina ummata Oromoo ta’ee osoo jiruu ilaalcha sabootni biroo Shanee Oromoo dhiisee saba biraarratti qofa akka waan miidhaa gaggeessutti adeemsisan hiriira saaxile tures jedhaniiru.
Haa ta’u malee, tarii namni dhuunfaa tokko yoo yakka kan raawwatu ta’e qaama nageenyaa kamuu haa ta’u qajeeltoon ittiin bulaniifi adabaman kan jiru ta’uus hubachiisanii; Shaneefi namootni maqaa Shaneen daldala siyaasaa oofan maqa balleessiirratti bobba’anii jiraachuu ibsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017