Finfinnee: Nageenyi namoota hundaaf barbaachisaadha, guddina biyyaafis murteessaadha. Nageenya malee hojjetanii jijjiiramuu miti oolanii buluunuu yaaddoodha.
Biyyiifi ummanni nagaa hinqabne yeroo hunda rakkoofi gadadoo keessa jiraatu, kanaaf ammao biyyoota kanneen akka Yaman, Laayibeeriyaa, Filisxeemiifi kanneen biroo kaasuun ni danda’ama. Biyyoonni kunneen sababa nageenya dhabaniif lammii dhabaniiru, hiyyummaatti kufaniiru, sadarkaa biyyummaatti ittifufuullee dhabaniiru.
Kanaafi, yeroo hunda mootummoonni addunyaas waa’ee nageenyaa kan labsaniifi. Nageenyi kan mootummaan qofti humna waraanaa hiriirsee eegsisu osoo hintaane tokko tokkoon namaa kunuunsee jiraachuusaa mirkaneessuudha.
Yoo namni dhuunfaa nagaa ta’e, maatiin nagaa ta’a. Yoo maatiin nagaa ta’e hawaasni nagaa ta’a; hawaasni nagaa taanaan ammoo biyyatu nagaa qaba. Nagaan jiraannaan ammoo waa hundatu jira.
Itoophiyaanis kanaafi, yeroo baay’ee dhimma nageenyaaf iddoo olaanaa kennitee, ittidhimmitee kan hojjettuuf. Keessumaa nageenyi biyya keessaa akka mirkanaa’uuf hojii bal’aa hojjetteetti. Nageenyi waggoota muraasaa as sababoota addaddaatiin boora’aa tures yeroo hunda yaalii taasisaa kan jirtu gatiidhuma nageenyaa hubachuuni.
Ministeerri Nageenyaa ergamnisaa ijoon akka nageenyi waaraan mirkanaa’uuf hojjechuu ta’es keessumaa dhimmicharratti xiyyeeffannaadhaan hojjetaa jira. Keessumaa hubannoon gama kanaan jiru akka babal’atuuf qooda fudhattoota waliin yeroo addaddaatti mari’atee mariisiseera.
Tibbanas yaa’ii Nageenyaa Ardawaa, biyyoota Afrikaa addaddaa hirmaachise mataduree “Afrikaa badhaateefi nagaa qabdu haa ijaarru” jedhuun Wiixata darbe Finfinneetti adeemsiseera. Sirna kanarratti argamuun haasawaa kan taasisan Pirezdaantiin Itoophiyaa Taayyee Asqasillaasee akka jedhanitti, Afrikaan qabeenya albuudaa gati jabeessaan kan badhaate waan taateef biyyoonni hedduu ishee hawwu. Kunimmoo qormaatawwan ishee akka baay’atan taasiseera. Biyyoonni Afrikaas kana hubachuun irratti hojjechuu qabu. Kanaaf ammoo tokkummaafi walta’iinsi hunda caalaa murteessaadha.
Itoophiyaan barootaaf waldhabdeefi rakkoolee hedduu dabarsuu eeranii, wayita ammaa garuu sana keessaa ba’uuf hojiifi ilaalcha haaraa hojiirra oolchuun hojjetaa jiraachuu himu. Waldabdeefi addaddummaa hiikuuf marii biyyaaleessaa qopheessuun itti hojjechaa jiraachuu kaasu.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Barreessaa Gargaaraafi Itoophiyaatti Qindeessaan Namoomaa Doktar Raamiz Alkaabaarov gamasaaniin, ardii Afrikaatti misoomaafi badhaadhina dhugoomsuuf nageenya ceesisuun murteessaa ta’uu eeranii, nageenyi yoo jiraate haqni akka mirkanaa’uufi olaantummaan seeraa akka kabajamu akka taasisu himu. Kunis nama ykn qaama muraasaan kan hojjetamu osoo hintaane hawaasa hunda kan hirmaachise ta’uu akka qabu kaasu. Waraqaan eeyyamaa gara badhaadhinaatti ittiin ce’an nageenya waan ta’eef ajandaa Afrikaanotaa ta’uu akka qabu hubachiisu.
Dhimma kana ilaalchisuun yaadasaanii addatti kan kennan Walittiqabaan Kaawunsilii Jaarsolii Biyyaa Doktar Tasfaatsiyoon Dallalawu akka jedhanitti, waa’ee nageenyaarratti kanatu ta’uu qaba kan jedhu ijoollee irraa kaasee hanga maanguddootaatti ittigaafatamni kennamee waan ijaaramuu ta’uu qaba.
“Hawaasni, maatiiniifi namni hundi nagaarratti kan ijaaraman taanaan biyyis nagaa taati. Biyyi akka nagaa taatuuf ammoo yaalii taasisuu kan qabu mootummaa qofa miti. Mootummaan dhimmichi isa galcha, kallattiidhaanis isa ilaallata; garuu waa hunda kan hojjetu isa miti.
Tokko tokkoon lammii nageenyaaf hojjechuutu irra jiraata. Nageenyi yoo hinjiraanne rafanii buluun, nagadanii buufachuun, barachuu, barsiisuufi hojii kamuu hojjechuu waan hindandeenyeef namni hundi waa’ee nageenyaaf of kennee irriba dhabee hojjechuu qaba” jedhu.
Dhimmi nageenyaa lammii hundaaf ni mala, lammii hundas ni ilaallata jedhanii, dhimma kanarratti hojjechuuf korniyaa, umurii, sabaafi bifaan walqooduu akka hinbarbaachisneefi lammii hundi irratti hojjechuu akka qabu kaasu. Mootummaan ammoo lammiilee eeguufi kabajuun akka irra jiraatuufi jaarsooliin biyyaas waan gaarii dhaloota dhaalchisuu, waa’ee nageenyaa barsiisuufi gaarummaa shaakalsiisuun akka irra jiraatu eeru.
Taanzaaniyaarraa kan dhufaniifi miidiyaa hawaasummaa fayyadamuun nageenyarratti hojii hubannoo uumuu kan hojjetan Mistar Moozingaa Piitar gamasaaniin, nageenyi afaan waloo addunyaan hundi haasoftu yoo ta’u, kan dhufus hojii waloo ummattoonni hojjetaniin ta’uu ibsu. Yeroo baay’ee ajandaa nageenyaa siyaasaa wajjiin walqabasiisuufi mootummaaf qofa dhiisuun akka mul’atuufi kun garuu ilaalcha fayyadaa waan hintaaneef jijjiiramuu akka qabu himu.
Ilaalchi akkanaa akka jijjiiramuufis hubannoo uumuun akka barbaachisu eeranii, keessumaa namoonni miidiyaa hawaasummaarratti dhageettii qaban nageenya ajandaasaanii duraa taasifachuun ummata barsiisuu akka qaban hubachiisu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017