Finfinnee: Gumiin Dhaabbilee Amantii Itoophiyaa abbootii amantii eegdota gararraafi raawwachiistota hojii boordii gumichaa waliin ta’uun ibsa Kibxata darbe Finfinneetti haala yeroorratti miidiyaaf kennaniin, ajjeechaa, miidhaa, danqaa, buqqaatiifi saamicha yeroo gara garaa lammiilee biyyattiirra gahaa jiru cimsanii akka balaaleffatan ibsan.
Barreessaa olaanaan gumichaa Qasiis Taagaay Taaddalaa ibsa kennaniin akka jedhanitti, gochi ajjeechaa gara jabeenyaa lammiilee biyyattiirratti raawwatamaa jiru dhaabbilee amantii hundaan kan balaaleffatamuudha.
Ajjeechaan garajabeenyaa dhiyeenya kana Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Darraatti lammiilee nagaarratti raawwatames sadarkaa rakkoon nageenya biyyattii irra gahe qabatamaan kan mul’isu ta’uufi dhaabbileen amantii hundi gocha hammeenyaafi gara jabeenyaa kana cimsanii kan balaaleffatan ta’uu himaniiru.
Dhaabbileen amantii hundi dhimma nageenyaa, araaraafi dhiifamaarratti xiyyeeffannaan hojjechuu akka qaban yaadachiisanii, nageenya biyyaafi lammiilee eegsisuun dhimma ijoo ummataafi mootummaa ta’uu qaba.
Haalli nageenya biyyattii yeroo gara yerootti yaaddessaa ta’aa dhufeera. Rakkoon nageenyaa sochii qaamolee hidhatanii Oromiyaafi Amaaraa keessa socho’a taasisaniin walqabatee keesumaa naannawaa daangaa naannolee lamaaniitti qormaata cimaa ta’uus eeraniiru.
Rakkoon nageenyaa yeroo gara yerootti hammaachaa dhufe abbootii amantii daran kan yaaddesse ta’uu himanii, rakkoo nageenyaa kana karaa waaraa ta’een furuuf gumichi gareen kamuu nageenyaaf dursa kennuudhaan gara mariitti akka dhufuuf gumichi waamicha dhiyeesseera. Abbootiin amantiifi jaarsoliin biyyaas garee kamiifuu utuu hinloogin qaamolee walitti bu’anii jiran walitti fiduufi araarsuun gahee isaanirraa eegamu bahachuuf qophii ta’uus eeraniiru.
Walittibu’iinsiifi waraanni labbuu galaafachuu, qabeenya barbadeessuufi abdii ijoollee keenyaa dukkaneessuu malee bu’aa tokkollee kan hinqabne ta’uu himanii, miidhaa waraanni qabu muuxannoo keenya darberraa barachuun waraanni tasumaa filannoo ta’ee ittifufuu akka hinqabnes eeraniiru.
Gareewwan hidhannoon socho’anis nageenya ummataafi biyyaaf jecha gara mariitti akka dhufaniif abbootiin amantii gumichaa waamicha abbummaa taasisaniiru.
Sagantaa kadhannaa biyyaalessaa Dilbata waaree booda sa’aatii 8:00 irraa eegalee Giddugala Gargaarsa Maanguddootaafi Dhukkubsattoota Sammuu Maqdoniyaatti kan adeemsifamu ta’uus gumichi ibseera.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017