Kabaja hundeeffama Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaa ilaalchisee Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad milkaa’inoota galmaa’aniifi qormaatilee buleeyyii hedduu kaasaniiru.
Jijjiiramni dhiibbaa ummataatiin dhufeefi hoggansaan kallattii godhate waggoota shanan darbanitti seenaa Itoophiyaa keessatti injifannoowwan cululuqoo hedduu galmeessisuu danda’eera. Seenaa Itoophiyaa keessatti gaaffiileen waggoota hedduuf gaafatamaa turan deebii quufsaa argataniiru. Jijjiiramichi cabiinsa darbe kan suphu, har’a kan bu’ureessuufi bor kan qajeelchu ta’uu Doktar Abiyyi ibsaniiru.
Waggoota ja’an darbanitti fooyya’iinsa imaammata, seeraafi hojmaataa qofa osoo hintaane aadaan biyyattii, siyaasni jibbiinsaa akka dagaagu, sabummaan, ilaalchi siyaasaafi tooftaan qabsoo akka waldhiitan gochuun gufuu imala siyaasa ammayyaawaa ta’uu kaasaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa karaa duudhaalee siyaasaa buleeyyii gabbisuufi cabiinsa suphuu danda’uun hundeeffame. Paartichi keenyan sirna siyaasaa moggaafi gidduu, murteessaafi deeggaraa, horsiisee bulaafi qonnaan bulaa, tarkaanfataafi harkifataa jedhaman diiguun ijaarsa yaada mo’ataa uumuu danda’eera. Garaagarummaa yaadaa akka faayaafi duudhaatti fudhachuun paartiilee morkattootaa akka diinaatti hinlakkoofnes jedhaniiru.
Paartiin kun ilaalcha yaadamaatti qofa kan cichu osoo hintaane yaada qajeeltoo hunda kan deeggaru, sablammoota hundaaf qixa kan dhaabbatu malee paartii sabummaan sakaalame miti.
Dhaabbileen amantaa gidduseentummaa mootummaarraa bilisa ta’anii amantaasaanii akka adeemsifataniif qoodni Paartii Badhaadhinaa olaanaadha jedhanii; dhaabbileen amantaa bilisummaa qixa sirriin fayyadamuurratti qaawwa qabatanis mootummaan gidduseentummaa tokko malee akka seera amantaasaaniitti akka adeemsifatan taasisuu eeran.
Kana malees, paartichi waldhabbii hoggansa mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaa gidduu ture akkasumas waldhabbii hoggansa mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa gidduu ture karaa nagaan akka furamu taasiseera. Gaaffiilee seera qabeessummaa Manneen Amantaa Amantoota Warra Wangeelaa Itoophiyaafi Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islamummaa Itoophiyaa kan jaarraa walakkaa lakkoofsiseefis deebiin kennameera.
Dhaabbileen siivikii jijjiirama dura 1900 qofa turan gara 3300 ol guddachuu cinatti dhaabbileen dimokraasii jijjiirama dura walabummaafi amanamummaa dhabuun qeeqamaa turan walabummaan akka hojjetan taasifameera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa, Komishiniin Mirga Namoomaa, Dhaabbatni Abbagaar Ummataafi Abbaan Taayitaa Miidiyaalee akka haaraatti akka gurmaa’an taasifameera. Qajeeltoon seeraa walabummaafi loogiirraa bilisa ta’anii hojjechuuf isaan dandeessisu tolfameeraaf.
Jijjiirama dura miidiyaaleen 122 turan ammaan tana 272tti guddataniiru. Buufatoonni televizyinii 25 turan gara 78tti, buufatoonni raadiyooo 52 turan gara 73tti, uwwisni afaanota 39 turan gara 60tti guddachuu danda’aniiru.
Dhukkubbii mataa kan ture boodatti hafummaan rogawwan maraa gara ammayyaatti tarkaanfachuu eegaluu eeranii; beela hamaan beekamuu keessa qamadii gara alaatti erguu danda’uun cinatti Sagantaa Maaddii Guutuun omishaalee garaagaraa dachaa lamaan omishuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun danda’ameeras jedhaniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltoonni faayidaalee garagaraa qaban biliyoonni 40 dhaabachuus yaadachiisaniiru.
Gama industiriin omishaalee alaa galan hedduu biyya keessatti omishuun akka danda’ameefi gama dijitaalaayizeeshiniin intelejensii artifishaalaafi dijitaal Itoophiyaan milkaa’inni boonsaan argameera. Kaffaltiifi sochiin maallaqaa gama dijitaalaan raawwatame qarshii tiriiliyoona 9.6 ta’uus eeraniiru.
Misooma koriidariitiin magaalota ammayyaawoo jireenya dhala namaaf mijatoo ta’an uumamuu kaasanii; gama fooyya’iinsa dinagdee, dippiloomaasii, dirree siyaasaafi hariiroo hawaasummaatiin injifannoowwan boonsoon galmaa’uu ibsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017