Finfinnee: Milkaa’ina Marii Biyyaalessaaf ga’een abbootii Gadaafi Haadholii Siinqee murteessaa ta’uu abbootiin Gadaa ibsan.
Walittiqabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoofi abbaan Gadaa Maccaa Warqinaa Tarreessaa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, milkaa’ina marii biyyaalessaa naannoo Oromiyaatti gaggeeffamuuf hirmaannaan abbootii Gadaafi haadholii Siinqee barbaachisaadha. Bakka marichi gaggeeffamutti yaada kennuufi hawaasi akka yaada furmaataa dhiyeessuuf ga’eesaanii ba’achuu akka qaban ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, mariidhaan wanti hinfuramne hinjiru. Mariin biyyaalessaa Komishinii Marii Biyyaalessaan gaggeeffamaa jiru rakkoo baroota dheeraa sabaa, sablammootaafi ummattoota biyya kanaa gidduu tureef furmaata fidee akka dhufu amantaan qaba jedhaniiru. “Nama mari’atetu maraatummaa keessaa ba’a” jechuun barbaachisummaa marii biyyaalessaa ibsaniiru.
Walittibu’iinsa karaa amantaa, sabaafi sabaa, daangaafi daangaa, mootummaafi hawaasa gidduutti uumamuu malu mariidhaan furuun biyyi hundaaf taatu akka ijaaramtu taasisa. Kanaaf ammoo abbootiin Gadaafi haadholiin Siinqee maricharratti argamuun yaada saba, sablammootaafi ummattoota akkasumas ollaaf ta’u dhiyeessuun ga’eesaanii ba’achuu qabu jedhan.
Oromoon hammataadha yeroo jennu sabaafi sablammii hammachaa, waan Oromoon jaalatu isaanis akka jaalatan gochaa, kan isaan jaalatan Oromoonis akka jaalatu taasisaa biyya dhalootaaf taatu ijaaruu hunduu ga’eesaa ba’uu qaba jedhaniiru.
Mariin biyyaalessaa amantaafi umuriin waan nama hindaangessineef dargaggootni waan biyya diigurraa fagaachuudhaan maricharratti hirmaatanii biyya hundaaf taatu dhalootatti dabarsuuf ga’eesaanii ba’uu qabu. Hayyoonniifi miidiyaaleen namoonni karaa sirriirraa goran akka gara mariitti dhufaniifis ga’eesaanii ba’uu qabu jechuun ibsaniiru.
“Murnoonni seeraan ala hidhatanii bosona jiranis waan mootummaa waliin irratti waldhaban mariifi marabbaa Oromootti amanuudhaan mariidhaan fixachuu qabu. Abbootiin Gadaa qaamolee waldhaban walittifiduuf hojjechaa jiru. Gara fuulduraattis walitti fiduuf hojiin eegalle ittifufa” jedhan.
Abbaan Gadaa Siikkoo Mandoo Aliyyee Mahaammad Suruur gamasaaniin, mariin daandii injifannooti jechuun barbaachisummaa marii biyyaalessaa ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, mariin rakkoo baroota dheeraaf nu mudataa turaniifi jiranirratti waliin taanee akka furmaata ittikenninu nudandeessisa. Hawaasi gaaffiilee qabu qindeeffachuudhaan afaan tokkoon maricharratti dhiyeeffachuu qaba.
Marichi rakkoo biyyaalessaa furuurra darbee tokkummaa Oromoollee akka cimsu himanii; qaamoleen bosona seenanii mootummaan lolaa jiranis mariin gara nagaatti akka dhufaniif carraa gaarii uuma. Mariin Komishinii Marii Biyyaalessaan eegalame akka milkaa’uufis abbootiin Gadaafi haadholiin Siinqee gumaacha isaanirraa eegamu hundaa taasisuu qabu.
Godina Buunnoo Baddalleerraa haati Siinqee Tigisti Dibaabaa mariin biyyaalessaa ajjeechaa obbolaatiin haatiifi abbaan irratti du’aa jiran furuuf shoora guddaa qaba. Rakkoon furamee akka nagaan bu’uuf mariin biyyaalessaa gaggeeffamaa jiru murteessaa ta’uu himanii; haadholiin Siinqeefi abbootiin Gadaa marichi akka milkaa’uuf ga’eesaanii ba’uu qabu jedhaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017