Miidhaalee dubartootaaf daa’immanirra ga’uun adeemsa seeraan murtoo fudhataniifi adeemsa seeraa jala jiranirraa ka’uun Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii sosochii bal’aa taasisaa jira.
Isaan keessaas waldhabdee abbaa warraafi haadha warraa gidduutti tureen ijoollee horan lama waliin asiidii fuulatti facaasee gubuun miidhaa qaamaa qaqqabe, abbaa warraasheetiin ajjeefamuu haadha daa’ima tokkoofi jirma mukaatti hidhamtee reebamuu haadha ijoollee sadii akka fakkeenyaatti kaasuun nidanda’ama.
Daa’imni ji’a lamaa abbaasheetiin gudeedamuun lubbuun darbuu, daa’imni waggaa 12 abbaan gudeedamuu, namoota afur ta’anii daa’ima waggaa afurii haalbeedhaan qalanii lubbuushee dabarsuufaan gaaga’ama dubartootaafi daa’immanirra ga’aa jiran keessaa muraasa. Haleellaa dubartootarratti raawatamaa jiru kan hubate Biiroon Dubartootaafi Daa’ammanii Oromiyaas mataduree, “Miidhaan dubartootaa miidhaakootisi, hincallisu” jedhuun keessumaa ji’a qabanne kanatti sosochiiwwan adda addaa taasisaa jira.
Egaa dubartiin haadha, obboleettiifi haadha warraadha. Kanaaf qaamni hawaasaa kun maatiifis ta’e biyyaaf qaama daran murteessoo waan ta’aniif haleellaan hammeenyaan guutame haa hafuutii ija hamaadhaanuu ilaalamuu hinqabdu.
Akka duudhaa sirna Gadaattis yoo ilaalle xiyyeeffannaan sirnichi daa’immaniifi dubartootaaf kennu olaanaadha. Wayita Malkaa irreeffannaa dhaqamullee dursee kan deemu dubartoota ta’uun kabajaafi ulfina dubartootaaf sirnichi qabu kan mul’isuudha.
Abbaan Gadaa tokkos abbaa Gadaa ta’uuf dandeettiin hoggansaa qe’eerraa eegaluu, guyyaa ayyaana Irreechaa haati Siinqee abbaa Gadaa waliin hiraachuun kan jechaa jiru kana qabatamaa taasisa. Miidhaa dubartootarra ga’u haadholiin Siinqee abbaa Gadaatti akka beeksisan ifatti taa’eera.
Daa’immanis akkasuma guyyaa dhalatanirraa eegalee rifeensi mataasaanii hanga waggaa saddeetiitti (hanga gulantaa dabballeetti) akka irraa hinbuune gaafa muramus duudhaa sirna Gadaatiin akka buufamu abbootiin Gadaa nidubbatu.
Kana qofa utuu hintaane daa’imman adeemsa guddinasaanii keessatti wayita hojii shaakalan hojii humnasaaniin walmadaalu jabbilee tiksuun eegalu. Tartiiba gulantaa umurii 0-8, 8-16, 16-24fi 24-32tti jiruun waantoti daa’imman hojjetan tarreeffamuu xiyyeeffannaafi kabaja sirni Gadaa mirga daa’immaniif qabu mul’isa.
Oromoon duudhaa akka kanaa qabaachuudhaan hawaasa addunyaaf otoo fakkeenya ta’ee jiruu kabajamuu mirga dubartootaafi daa’immaniin walqabatee waanti yeroo ammaa Oromiyaa keessatti mul’achaa jiru kan namatti tolu miti. Miidhaa qaqqabaa jiru maqsuuf gama mootummaatiin maaltu hojjetamaa jira? Abbootiin Gadaafi amantaa miidhaa maaltu hojjetamaa jira? Miidhaan qaqqabu dabalaa moo hir’achaa jira?
Dhimma kana ilaalchisuudhaan Biirroon Dhimma Dubartootaafi Daa’imman Oromiyaa marii paanaalii hubannoo midhaa dubartootaafi daa’immanirra ga’u hir’isuurratti xiyyeeffate tibbana magaalaa Adaamaatti gaggeessee ture.
Akka ragaaleen qorannoo Biirolee Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii; Fayyaafaan ibsanitti galmeewwan murtii argataniifi adeemsa murtiirra jiran wabeeffachuun eeranitti bara 2012 irraa eegalee miidhaan dubartootaafi daa’immanirra ga’u yeroodhaa gara yerootti bifa jijjiirrachuun dabalaa jira.
Hoggantuu Ittaantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Aadde Samiiraa Faariis akka jedhanitti, miidhaa dubartootaafi daa’immanirra ga’u hir’isuuf mootummaan imaammata, qajeelfamootaafi inisheetiiviiwwan garagaraa bocuudhaan hojiirra oolcheen bu’aan hanga tokko mul’ateera.
Ta’us miidhaan dubartootaafi daa’immanirra ga’u bifa jijjiirrachuudhaan yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira. Barmaatileen miidhaa qaqqabsiisan duudhaaleefi amantaa hawaasaa giddugaleeffachuudhaan babal’achaa waan jiruuf xiyyeeffannoo qaamolee qindoomanii biiricha waliin hojjetanii biratti dabalee xiyyeeffannoo abbootii Gadaafi amantaa barbaada.
Barmaatileen miidhaa qaqqabsiisan duudhaalee, safuufi amantaa hawaasaa cabsuun dubartootaafi daa’immanirraan miidhaa ga’aa waan jiraniif miidhaa kana hir’isuuf gaheen abbootii Gadaa, haadholiin Siinqeefi abbootii amantaa olaanaa ta’uu qaba. Abbootiin Gadaafi haadholiin Siinqee akkasumas abbootiin amantaa dhimmi hawaasaa isaan ilaallatu hundi miidhaan dubartootaafi daa’immanirra ga’u akka hir’atuufi dhimmichi akka xiyyeeffannoo argatuuf waa’een miidhaa dubartootaafi daa’immaniirratti raawwatamuu bakkawwan ummanni walitti qabame fa’itti lallabamuu qaba.
Akaakuu, sababaafi baay’ina miidhaa dubartootaafi daa’immanirra ga’anii tarreessuu qofti furmaata hinta’u. Kanas ragaan waggaa waggaan dhiyaatu mul’iseera. Qaamoleen akka abbootii Gadaafi abbootii amantaa dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennuu dhabuun miidhaan dubartootaafi daa’immaniirra qaqqabu babal’iseera. Miidhaan qaqqabaa jirus mirgoota dubartootaafi daa’immanii akka hinkabajamne gochaa jira.
Gochoonni dubartootaafi daa’immanirratti raawwataman babal’achuun dhimmichi xiyyeeffannoo hoggantoota duudhaaleefi amantaa kan hinarganne ta’uu agarsiisa. Kanaaf, hunduu walittiqabachuu dhiisee xiyyeeffannaa kennuufiin gaaga’ama dubartootaafi daa’immanirra ga’u hir’suu qabaan dhaamsa keenya. Miidhaan dubartootaa miidhaakootisi, hincallisu.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017