Mandarri Qulqullinaa Ministeera Daldalaafi Qaxanaatiin ijaarame Sanbata darbe bakka Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) argamanitti eebbifameera. Mandarri kun lafa heektaara 7.2 irra kan qubateefi gamoowwan 20 kan irratti ijaaraman yoo ta’u gamoowwan dura bakkicha turan haareessuu, kanneen dabalataa ijaaruufi laabraatooriin sakkatta’iinsaa sagal dhaabuun walqabatee qarshiin biliyoona 8.2 baasii itti ta’eera. Mandarri kun keessoosaatti teknolojiiwwan addaddaa addunyaan irra qaqqabdeefi qulqullina mirkaneessan kan qabudha.
Laabraatooriin saglan mandaricha keessa jiranis qulqullina omishaa kan mirkaneessan yoo ta’u, kunneenis makaanikaala, gogaa (leather)fi paakeejiingi(sirrummaa qodaawwan waa ittiin saamsuuf fayyadan), meeshaalee elektirikii, nyaataafi omisha qonnaa akkasumas keemikaala kan sakatta’aniidha.
Ministirri Muummee Itoophiyaas erga mandara kana daawwatanii booda akka jedhanitti, guddina biyya tokkoof dhaabbilee akkanaa ijaaruun dirqama yoo ta’u, kunis sadarkaa addunyaattillee kan dorgomsiisuu danda’u ta’uu qaba. Moggaasa biyyooleessawaa ‘National Quality Infrastructure (NQI)’ jedhu akka qabaatu kan taasifameefis kanaafi. Mooraa kana keessatti dargaggoonni kumaan lakkaa’aman carraa hojii argachuun hojjetaa jiru. Keessumaa, nyaata, huccuu, fayyaafi ijaarsarratti omishawwan akaakuu hundaa ni suphu, ni sakatta’us. Omishni biyya alaatti ergamu kamuu mandara kanatti sakatta’amee ulaagaa biyyoolessaa guutuun isaa mirkanaa’a. Akkasumas wantoonni alaa galan osoo gara gabaatti hinraabsamiin dura qulqullinnisaanii ni sakatta’ama.
Dameewwan nyaataa, fayyaafi huccuu wantoota fayyaa namaaf murteessaa ta’uu eeranii, tuttuqqii harkaa xiqqoodhaan lubbuu namootaa gaaga’uu waan malaniif dhaabbata akkanaa qabaachuun keessumaa Itoophiyaadhaaf ayyaantummaa ta’uu kaasu. Dhaabbata akkanaa biyyoonni Afrikaa muraasni kan qaban ta’us kan Itoophiyaaf muuxannoo kan irraa fudhatame Afrikaa Kibbaa dhaabbata ‘CSR’ jedhamuufi waggoota 20 dura dhaabbaterraa ta’uus eeru.
Itoophiyaan dhaabbata akkanaa akka qabaattuuf waggoota dheeraaf itti ifaajamuu kan himan Doktar Abiyyi, har’a ija godhatee meeshaaleen guutamanii, ogeessonni leenji’anii haala guutuu ta’een sadarkaa idil addunyaatti dorgomuu danda’aniin ijaaramuu himu. Omishaaleen mandara kanatti sakatta’amanii ba’an gabaa biyya kamiirrattiyyuu dorgomoo ta’uufi haala salphaan fudhatamummaa argachuu akka danda’an eeru. Yunvarsiitiiwwanis barattootasaanii dameewwan fiiziksii, keemistiriifi teknolojiidhaan barsiisan mandara kana fidanii akka ilaalan osoo taasisanii beekumsa qabatamaa akka argatan kan isaan fayyadu ta’uus dubbatu.
“Dhaabbileen akkanaa Fulbaanatti karoorfamanii, Onkololeessatti kan eebbifaman miti. Waggaa lama sadii fudhachuu danda’u. Nama qopheessuu barbaada, meeshaa argachuu gaafata, yeroo bal’aas gaafata. Kanas ta’u waggoottan muraasa darban hojiilee ciccimoo akkanaa karoorfannee hojjennee, bu’aa jajjabeessaas itti arganneerra. Dhaabbilee biyyooleessaa ijaarre keessaa mandarri kun sadarkaa tokkoffaadha yoo jedhame illee gurra guddisuu hinta’u. isa kana garuu kan hubatan namoota seektaricha keessa jiran qofa. Galii aleergii ni guddisa, meeshaaleen qulqullina qaban akka biyya seenan taasisa. Gama hundaan yommuu madaalamu bara bayyaannannaa Itoophiyaa kan itti madaalamudha” jedhu.
Mandarri guddicha akka kanaan ijaaramee eebbifamuun isaa Itoophiyaaf hiiknisaa olaanaa ta’uufi muuxannoon waggoota 20 dura barnootaaf gara Afrikaa Kibbaa deeman argan dhugoomuusaattis gammaduu ibsu. biyyoonni ijaarsa bu’uuraalee misoomaa bal’inaan hinqabne guddina waaraa fiduu waan hindandeenyeef barbaachisummaan dhaabbilee akkanaa murteessaa ta’uufi hojii daandii, raayyaa ittisaafi dhaabbilee nageenyaa ijaaruu caalaa murteessaa ta’e ta’uusaas ni eeru. keessumaa damee elergiif murteessaa ta’uufi biyyattiin biyya omishni qulqullina itti kuufamu osoo hintaane omishni qulqulluu biyyashee seenuu akka taasisus ni himu.
Ministirri Muummee Ittaanaa Obbo Tamasgeen Xurunaas sirna eebba mandarichaarratti akka jedhanitti, Itoophiyaatti hojiileen guddina dinagdee waareessuu danda’an hojjetamaa jiru. Mandarri qulqullinaa Ministira Daladalaafi Qaxanaatiin hojjetame kunis agarsiistuu kanaati. Mandarri kun omishaaleen Itoophiyaa qophii gaariidhaan gabaa biyyooleessaa keessatti akka dorgomaniif karaa kan banuufi Itoophiyaan qulqullina omishaalee akka sakattaatu kan dandeessisu yoo ta’u, piroojektii kana sadarkaa dorgomaa ta’een dhugoomsuun danda’ameera.
Ministeerri Daldalaafi Qaxanaa Doktar Kaasaahun Gofee gamasaaniin ijaarsi mandara qulqullinaa dhugoome kun abjuu hojiitti hiikuun akka danda’amuuf agarsiistuu ta’uu fuula miidiyaa hawaasummaasaaniirratti eeranii, adeemsa obsa fixachiisaa dheeraa booda eebbaaf qaqqabuusaa ibsu.
Univarsiitii Finfinneetti Hayyuufi Qorataa Dinagdee kan ta’an Doktar Birhaanuu Danuu dhimma kana ilaalchisuun yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, mandarri qulqullinaa ijaarame kun biyyaaf faayidaa olaanaa qaba. Sababni isaa Itoophiyaan omishaalee hedduu alatti ergiti, alaas galchiti. Kanaaf omishaalee galaniifi ba’an kanneen ulaagaasaanii eeguurra darbee omishni qulqullina qabu gabaa biyya keessaafi alaatiif akka dhihaatu taasisa.
Meeshaaleefi omishawwan alatti ergaman qulqullina qabu jechuun hiikaansaa olaanaa ta’uu himanii, keessumaa maqaa biyyaa baatanii gabaa addunyaarratti dorgomuu danda’uun isaanii faayidaa hedduu akka qabu himu. Sharafa alaa argamsiisuurra darbee humnaafi dandeettii omishuu biyyattiin qabdu waan agarsiisuuf biyyoonni addunyaa omisha ishee akka filatan, amanan darbees gara biyyattii dhufanii akka omishaniif karra akka banu ibsu.
“Inni biraan Dhaabbata Daldalaa Addunyaa (World Trade Organization) biyyoonni addunyaa akkamiin walitti dhufanii daldaluu akka danda’aniifi omishaaleesaanii waljijjiiru danda’an mijeessa. Kanaafis seeraa, taarifa, gatiifi qajeelfama addaddaa baasuun itti gaggeeffama. Itoophiyaan dhaabbata sana keessa seentee hinjirtu. Kanaaf dhaabbata sana keessa seenuuf ijaaramuun mandara kanaa baay’ee gargaara. Itoophiyaan achi keesse seente jechuun ammoo biyyoota miseensa ta’an hunda wajjiin hojjechuuf carraa uumaaf. Omisha ishees gabaa biyyoota miseensota dhaabbatichaatti ergachuuf bilisummaa ni qabaatti” jedhu.
Dabalataanis beekamtiifi fudhatamummaa biyyattii dabaluun biyyoota addunyaa biratti ija gaariin akka ilaalamtu taasisa kan jedhan Doktar Birhaanuun, hariiroon dinagdee akka cimuufis carraa olaanaa ta’uu kaasu. Abbootiin qabeenyaallee carraa kanatti fayyadamuun omishasaanii gara Itoophiyaatti ergachuu darbees, Itoophiyaa dhufanii omishuuf shakkiifi sodaa akka hinqabaanne waan taasisuuf faayidaan isaa olaanaa ta’uu addeessu.
Kanneen alaa galanis qulqullinaafi sadarkaasaanii kan eeggatan yoo ta’e, hawaasni biyyattii nyaata, fayyaa, barnoota, uffataafi omiishawwan biroo qulqullina qabu waan argatuuf fayya buleessa akka ta’u eeranii, lammiin fayyaa qabu ammoo guddina dinagdee biyyaa tumsuu keessatti shoora olaanaa akka qabu dubbatu.
Bakki qulqullummaan omishaa itti mirkanaa’u jiraachuun isaa omishtoonnis hojii hojjetan qulqullummaadhaan akka hojjetan akka taasisu eeranii, kunis miira waldorgommii isaan gidduutti uumuurra darbee, omishni sadarkaan gadi omishamee qabeenyi qisaasamu akka hinjiraanne waan taasisuuf faayidaa damdaneessa akka qabu ibsu.
Akka waliigalaatti ijaaramuun mandara kanaa faayidaa inni dinagdee biyyaaf qabu olaanaa ta’uusaatiin, keessumaa aleergitoonniifi kanneen omisha alaa galchan carraa kanatti fayyadamuun hojii caaluuf of qopheessuun barbaachisaadha.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017