Doktar Nagarii Leencoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Walittiqabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Misooma Humna namaa, Bobbii Hojiifi Teknolojiiti. Labsii Hojjettoota Mootummaa Federaalaa dhiyeenya fooyya’ee ba’eefi ragga’erratti hundaa’uun gaafdeebii Gaazexaan Bariisaa Doktar Nagarii waliin taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Bariisaa: Labsii Hojjettoota Mootummaa Federaalaa lakkoofsa 1064/2010 irraa kaasee hojiirra oolaa ture fooyyessuun maaliif barbaachise?
Doktar Nagarii: Labsiin Hojjettoota Mootummaa Federaalaa lakkoofsa 1064/2010 irraa eegalee hojiirra ture hanqinoota gara garaa waan qabuuf qorannoorratti hundaa’uun fooyyessuun dirqama ta’ee argameera.
Labsiin qo’annoo Komiishinii Siivil Sarviisii Federaalaafi qaamolee federaalaafi naannolee dhimmichi ilaallatu adeemsisanirratti hundaa’uun fooyya’ee qophaa’e Sadaasa 10 bara 2017 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiin sagalee caalmaan Labsii Hojjettoota Mootummaa Federaalaa Lakkoofsa 1353/2017 ta’ee ragga’eera. Labsichi keeyyattoota haaraa itti dabalamaniifi fooyya’an baay’ee qaba.
Itoophiyaatti mootummaan mootummaa ta’ee erga caasaasaa diriirsee kaasee hanqinoota baay’een ni mul’atu. Hanqinoota kunneen qo’annoorratti hundaa’uun fooyyessaa deemuun barbaachisaadha. Labsiin Hojjettoota Mootummaa Federaalaa kanaan dura hojiirra tures hanqinoota gara garaa waan qabuuf qo’annoorratti hundaa’uun akka fooyya’u ta’eera.
Labsiin Hojjettoota Motummaa Federaalaa duraan hojiirra tures labsii isa dura ture bu’uura godhachuun qophaa’e. Labsiin Hojjettoota Mootummaa Federaalaa fooyya’ee bahe kunis labsii duraan turerratti hundaa’uun akka qophaa’u ta’eera.
Labsiin qo’annoorratti hundaa’uun fooyya’ee dhiyaachuun ragga’e kun hanqinaalee labsii duraan ture keessatti mul’atan furuun hojjettoonni mootummaa tajaajila si’ataafi malaamatummaarraa bilisa ta’e akka kennan, ummannis tajaajila barbaadu akka argatu kan taasisuudha.
Sadarkaa Itoophiyaan irra jirtuufi kenniinsi tajaajila siiviil sarviisii biyyattii walhinmadaalu. Kenniinsi tajaajila hojjettoota mootummaas rakkoo guddaa waan qabuuf ummanni ittiquufiinsa hinqabu. Kenniinsi tajaajilaa qulqullina dhabuufi si’ataa ta’uu dhiisuun, rakkoo naamuusaa qabaachuun uummata ykn tajaajilamtoota qofarratti utuu hintaane guddina biyyaarrattis dhiibbaa qaba.
Ummanni tajaajila barbaadu argachuuf gara dhaabbilee mootummaa wayita deemu mootummaadha jedhee kan ilaalu dhaabbata, hoggantootaafi hojjettoota mootummaa tajaajila isaaf kennaniidha. Kanaafuu sektarri siiviil sarviisii daaw’itii mootummaati jechuu dandeenya.
Seektara mootummaatti rakkoon bulchiinsa gaarii babal’achuun kufaatii mootummaa ADWUIf sababa waan ta’eef kenniinsa tataajila siiviil sarviisii fooyyessuufi ammayyeessuun babaachisaadha. Kenniinsi tajaajila siiviil sarviisii si’ataa ta’uufi qulqullina dhabuun akkasumas malaammaltummaarraa bilisa ta’uu dhabuun ummatni mootummaa akka komatu taasisaa jira.
Naannawaan hojii mijataa ta’uu dhabuun, teknolojii ammayyaa fayyadamuu dhabuun, meeshaaleen hojiif barbaachisan guutamuu dhabuun, caasaan gurmaa’ina mana hojii tokko hojjettoota baay’ee qabaachuufi faayidaan hojjettoonni argatan ammoo xiqqaaachuufi raawwiin hojii gadaanaa ta’uun rakkoolee sektara siiviil sarviisii keessatti mul’ataniidha.
Hojjettoonni siiviil sarviisii baay’een hojjettoota muraasa hojii irraa eegamu ga’umsaan bahatanirratti rarra’anii jiraatu. Hojjetaan dhama’ee hojjetu muraasa. Hojjetaa baay’een ammoo gahumsa gahaa hinqabu. Seektarri mootummaa bal’achuun lakkoofsi hojjettoota mootummaa akka baay’atu taasiseera.
Kunis qaamni olaantummaan humna namaa mana hojii tokkoo madaalu dhabamuurraa madda. Kanarraa kan ka’e dhaabbileen mootummaa hanga aanaatti jiran caasaafi humna namaa isaan barbaachisu ofumaa hojjetanii akka raggaasisan taasisaa jira.
Gama biraan ammoo mindaafi faayidaa hojjetaan siiviil sarviisii argatu xiqqaadha. Tajaajilli hojjetaan mootummaa kennus si’ataafi qulqullina dhabuun, daballiin mindaa yeroo yeroon taasifamaa ture gidduutti dhaabachuun, hojjetaan mootummaa kaka’umsa dhabuufi rakkooleen irranatti eeraman walitti ida’amanii seektarri siiviil sarviisii bu’aqabeessa akka hintaane taasisaniiru.
Rakkooleen sektara siiviil sarviisii keessatti mul’atan ummanni mootummaa akka komatu taasisuun hariiroo mootummaafi ummata gidduu jiru laaffisu. Akkasumas amantaa ummanni mootummaarratti qabu hir’isaa waan jiraniifi ijaarsa dhaabbileerrattis dhiibbaa uumaa waan jiraniif sektarri siiviil sarviisii biyyattii haala amma jiruun ittifufuu akka hinqabne qo’annoon adeemsifame ifatti lafa kaa’eera.
Biyyi tokko biyya taatee ittifufuu kan dandeessu ijaarsa dhaabbattummaa yoo qabaatteedha. Dhaabbileen ijaaramanii bu’aqabeessa yoo ta’aniifi tajaajila ittigaafatamummaafi iftoomina qabu kennan yoo mootummaan jijjiirameyyuu carraa ittifufanii tajaajiluu qabu.
Sektara mootummaa keessa hojjettoonni guyyaatti sa’aatii saddeetii ol hojjetaniifi hojii waajjiraa manatti fudhatanii galanii hojjetan akkuma jiran hojjettoonni ga’umsa gahaa hinqambeefi hojii irraa eegamu sirnaan hinraawwannes jiru.
Waajjiraalee mootummaa federaalaa keessa rakkoon sabdaneessummaafi hammattummaas ni jira. Kanaafi rakkoolee siiviil sarviisii keessatti mul’atan furuuf dursa imaammanni akka ba’u ta’eera. Labsiin duraan hojiirra oolaa ture imaammata bu’uura kan godhate hinturre.
Labsii kana hojiirra oolchuuf danbiin Mana Maree ministeerotaatii; qaajeelfamni ammoo Komishinii Siiviil Sarviisii Itoophiyaatiin qophaa’eera.
Labsichi rakkooleefi haala qabatamaa biyyattii keessa jiru bu’uura godhachuun kan qophaa’e yoo ta’u, rakkoolee sektara siiviil sarviisii biyyattii ni fura jedhamee abdatama. Sektara siiviil sarviisii jijjiiruu baannaan riifoormiiwwan guguddoo akka biyyaatti jalqabaman milkeessuun hindanda’amu.
Riifoormiiwwan guguddoo waggoota ja’an darbanitti sadarkaa biyyaatti adeemsifamaa jiraniin jijjiiramoonni guguddoon galmaa’aa jiru. Riifoormiiwwan jalqabamaniifi jijjiiramoonni mul’achaa jiran cimanii ittifufuu kan danda’an yoo sektarri siiviil sarviisii tataajila ammayyaa’aa, qulqulluufi si’ataa kennuu danda’eedha.
Labsiin Hojjettoota Mootummaa Federaalaa Lakkoofsa 1353/2017 fooyya’ee ba’e rakkoolee sektara siiviil sarviisii keessa jiran furuu, faayidaa hojjettoota mootummaa mirkaneessuu, hojjetaa cimaa kan jajjabeessuufi riifoormiiwwan akka biyyaatti eegalaman caalaatti milkeessuuf gargaara.
Haalli hojjetaa mindeessuu kanaan dura ture beekumsaafi ga’umsa hojjetaarratti xiyyeeffatamaa hinturre. Kun ammoo hojjetaan utuu beekumsaafi dandeettii gahaa qabuu sababa qarshii ykn fira sadarkaa hoggansaa gara garaa irra jiru hinqabne akka hinmindeeffamne taasisaa tureera.
Labsichi hojjetaan beekumsa, gahumsaafi dandeettii qabu akka mindeeffamuuf carraa gaarii uuma. Hojjettoonni hojiirra jiran leenjii hojiisaaniitiin walqabatu erga fudhatanii booda qormaata mirkaneessa gahumsa ogummaa akka fudhatan taasisa. Hojjettoonni qormaata kennameef darban hojjetaa ta’anii ittifufu. Hojjetaan waggaatti qormaaticha yeroo lama fudhatee qabxii darbiinsaa taa’een gad fide hojjetaa ta’ee ittifufuu hindanda’u.
Labsiin kun sektara siiviil sarviisii ifaafi bilisa ijaaruuf gargaara. Hogganaan ykn hojjetaan miseensa paartii ta’e waan barbaade akka hinraawwanneefis daangaa nikaa’a. Sektarri siiviil sarviisii garaa garummaa siyaasaa, sabaafi amantiirraa bilisa ta’ee ummata tajaajiluu qaba.
Bariisaa: Labsii haaraan gama mirga hojjetaa kabajchiisuutiin maal fakkaata?
Doktar Nagarii: Labsichi akka ibsutti hojjetaan tokko sababa gahaa ta’e malee gara hojii biraarratti hinjijjiiramu. Dhimmi hojjetaa tokko gara hojii biraatti jijiiruu maanaajimantiidhaan ilaalamee yoo itti amaname qofa raawwatama.
Hojjetaan tokko sababoota kanneeniif gara hojii biraatti jijjiiramee hojjechuu hindanda’u jedhee sababa quufsaa dhiyeeffachuun mirgasaa kabachiifachuu danda’a. Hojiin dubartiin ulfaa hojjettu yoo fayyaasheerratti miidhaa kan fidu ta’e fedhiisheetiin yeroodhaaf gara hojii biraatti jijjiiramuu dandeessi. Da’umsaan booda gara hojii idileeshee duraaniitti deebiti. Dubartiin tokko dhiira waliin dorgomtee yoo qabxii walqixa fidde isheedhaaf dursi kennama.
Labsichi iftoominaafi ittigaafatamummaa diriirsuufis gargaara. Kana jechuun hogganaan sektara mootummaa tokko waan barbaade akka hinraawwanne taasisuun hojmaanni ifaafi bilisni akka jiraatu taasisuufis akkasuma. Hogganaan tokko aangoosaatti fayyadamuudhaan hojjetaa tokko yoo miidhe sirna ittiin gaafatamu diriirseera.
Dhaabbileen neetwoorkii diriirsuudhaan miidhaa geessisan yoo karaa sektara ittiwaamamanii sirni ittigaafatamummaa hordofsiisu diriireera. Labsichi sirna hogganaas ta’e sektarri kamiyyuu aangoosaa fayyadamuun waan barbaadan akka hinraawwanne, yoo raawwatanis akka ittigaafataman taasisu diriirseera. Labsichi hojmaanni ifaafi bilisni akka diriiruuf hojiileefi kenniinsi tajaajilaa hedduun teknolojiin akka deeggaraman jajjabeessa.
Labsiin kun mindaan hojjetaa galiifi haala qaala’insa jireenyaarratti hundaa’uun qo’annoorratti hundaa’ee waggaa afur afuriin akka dabalu taasisa. Faayidaafi durgoonis haala gabaarratti xiyyeeffachuun waggaa lama lamaan akka fooyya’u dirqamsiisa.
Dargaggoonni ciccimoon ga’umsaafi kennaa addaa qaban kanneen yunivarsitiiwwanirraa eebbifaman muuxannoo hojii malee akka mindeeffaman jajjabeessa. Yunivarsitii utuu barataniis haalli isaan ittiin filataman of keessaa qaba.
Hojjetaan mootummaa tokko utuu hojiirra jiruu yoo lubbuunsaa darbe akka labsii duraan tureetti mindaasaa ji’a sadii yeroo tokkotti maatiidhaaf kennamaa ture; yoo soorama ba’uuf yeroonsaa ga’e ammoo mirgi sooramasaa ni eegamaafi. Labsii fooyya’een garuu hojjetaan tokko utuu hojiirra jiruu lubbuunsaa yoo darbe mindaan waggaa tokkoo ykn ji’oota 12 yeroo tokkotti maatiidhaaf akka kennamu taasisa.
Labsichi rakkoo dhabiinsa hammattummaa hanga ammaatti biyyattii keessa ture nifura. Gaaffiin hammatamummaa kun bara mootummaa ADWUIs ka’aa ture. Erga mootummaan jijjiiramaa kun gara aangootti dhufee as garuu gaaffiin kun deebii argachaa jira. Sabniifi sablammiin biyyattii afaan kamuu dubbatu, bakka kamittuu dhalate, heera biyyattiitti amanu kamuu biyyattii geggeessuu, filachuufi filatamuu danda’a.
Gaheen sabootaafi sablammoota biyyattii sektaroota mootummaa federaalaa keessattis mul’achuu qaba. Siiviil sarviisii Itoophiyaa fakkaatu ijaaruuf ashaaraan sabootaafi sablammootaa siiviil sarviisii keessatti sirriitti mul’achuu qaba. Rakkoolee afaaniin walqabatan furuuf afaanonni shan afaan hojii Paartii Badhaadhinaa ta’aniiru. Wayita heerri fooyya’utti afaanonni shanan afaan hojii mootummaa ta’u.
Labsiin fooyya’e kun hammatamummaa sabootaafi sablammootaa, amantii, afaan, korniyaa, miidhamtummaa qaamaafi sabdaneessummaa mirkaneessa. Mallattoo waliigaltee biyyaalessaatisi.
Qo’annoo adeemsifameen saboonniifi sablammoonni Itoophiyaa 17 hojjetaa tokkoyyuu sektara mootummaa federaalaa keessaa hinqaban. Hojjettoota saboota kanneenii barsiisuudhaan, leenjisuufi ga’oomsuudhaan akkasumas jijjiirraadhaan akka isaan gara sektaroota federaalaatti dhufaniif labsichi nijajjabeessa.
Labsiin kun miidhamtoonni qaamaa ga’umsa qaban leenjiifi deeggarsa barbaachisu akka argatan taasisuun hojii hojjechuu danda’anirratti akka hirmaatan kan taasisuudha. Leenjii akka kennuuf Inistiitiyuutiin Ga’umsaafi Hoggansa Hojiifi labsii kanaan hundaa’eera. Inistiitiyuutichi leenjii sadarkaasaa eege ni kenna ga’umsa ogummaa ni mirkaneessa, qormaataafi waraqaa ragaa ni kenna. Waraqaan ga’umsa ogumaa kennamu waggaa sadiif tajaajiala.
Bariisaa: Sektaroonni ykn hojjettoonni mootummaa federaalaa labsii kana jalatti hinhaammatamne yoo jiraatan?
Doktar Nagarii: Sektaroonni mootummaa haala addaatiin ilaalaman kanneen akka Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataafi sektaroonni amala addaa qaban kanneen akka Odiitara Muummee, Mana Murtii Federaalaa, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, Mana maree Federeeshinii, Ministeera Galiiwwanii, Komishinii Gumuruk, dhaabbilee miidiyaafi kanneen biroon haalli isaan labsii kanaan ala hojjettoota isaanii ittiin bulchan danbii Manni Maree Ministeerotaa ykn Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa baasaniin taa’eera.
Akka labsii kanaatti hojjetaa mootummaa jechuun waajjiraalee mootummaa federaalaa keessa dhaabbataan minideffamee kan hojjetu yoo ta’u, Ministeera, Ministir De’eetaa, Komiishinara, Komiishinara Ittaanaa, Daariktara, Daarektara Ittaanaafi sadarkaa walfakkaaturra jiran, dipilomaatota muudamtootaafi ambaasaaddaroota, miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataafi Mana maree Federeeshiniifi sadarkaa walfakkaaturra jiran, abbootii seeraa Mana Murtii Federaalaa, abbaa alangaa, hindabalatu.
Bariisaa: Akka waliigalaatti Labisiin Hojjettoota Mootummaa Federaalaa fooyya’ee ba’e kun kenna tajaajilaa fooyyessuufi ammayyeessuu keessatti gahee maalii qaba?
Doktar Nagarii: Labsiin Hojjettoota Mootummaa Federaalaa fooyya’ee ba’e hojjetaa, ummataafi biyyaaf faayidaa guddaa qaba. Hojjetaan leenjii barbaachisaafi sadarkaasaa eege akka argatu kan taasisuudha.
Tajaajilli foddaa tokkoo karaa dijitaalaa (online) akka kennamu taasisuun tajaajila qulqullina qabuufi si’ataa kennuu yeroo, humnaafi baasii abbaa dhimmaa qusachuurratti xiyyeeffata. Labsichi tajaajilli siiviil sarviisii karaa ammayyaa’aafi teknolokjiin deeggarameen akka kennamu kan taasisuudha. Abbaan dhimmaa tajaajila argachuuf qarshii tokko utuu hinbaasin tajaajila barbaadu akka argatu kan taasisuudha.
Bariisaa: Yeroo ammaa akka waliigalaatti hojjettoonni siiviil sarviisii Itoophiyaa hammam ta’u?
Doktar Nagarii: Yeroo ammaa akka waliigalaatti hojjettoonni siiviil sarviisii biyyattii miliyoona 2.5 ta’u. Kanneen keessaa hojjettoonni kuma 250n kan mootummaa federaalaa yoo ta’an, 160n ammoo kan Magaalaa Finfinneeti.
Bariisaa: Ibsa bal’aa nuu kennitaniif guddaa galatoomaa.
Doktar Nagarii: Isinis galatoomaa!
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017