Ispoortiin kubbaa kachoo akkaakuuwwan ispoortii ammayyaa Addunyaarratti beekamaniifi ummata biratti jaalataman keessaa isa tokkoofi hangafa jedhamee himama.
Biyyoota addaa addaatti duraan dursame beekamuudhaan sadarkaa addunyaatti adeemsifamuu kan jalqabe ALA bara 1950 Arjantiinaa, Bonas Iyirisitti ta’uu ragaaleen ni agarsiisu.
Yeroodhaa gara yerootti addunyaarratti babaldhachaa dhufus Itoophiyaatti beekamtii kan argate Olompikii Meelboorni Awustiraaliyaatti ALA bara 1956 adeemsifame asi.
Manneen barnootaafi dhaabbilee Raayyaa Ittisaatti kilaboota lammiilee biyyoota alaatiin kan jalqabame ispoortiin kubbaa kachoo dargaggoota dandeettiifi fedhii qaban biratti yeroo gabaabaa keessatti fudhatama argachuudhaan hordofamaa tureera.
Gaazexaan Bariisaas maxxansasaa kanaan ogeessa ispoortii kubbaa kachoo Obbo Yetimgeetaa Nigusee waliin gaafdeebii taasiseera. Ogeessi kun kilaba kubbaa kachoo Manneen Kiraa durii dabalatee garee filatamaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee, garee kubbaa kachoo Itoophiyaaf taphataniiru .
Hiriyootasaanii wajjin Kilaba Manneen Kiraafi garee kubbaa Kachoo Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee shaampiyoona taasisuudhaan waancaafi meedaaliyaa warqii heddus argamsiisaniiru. Dhuunfaadhaanis badhaafamaniiru.
Leenjisaa garee kubbaa Kachoo dargaggootaafi dubartoota Itoophiyaas ta’uudhaan leenjisaniiru. Keesumaa wayita leenjisaa garee dubartoota Itoophiyaa turanitti shaampiyoonaa kubbaa Kachoo Biyyoota Bahaafi Giddugaleessa Afrikaa Keeniyaa, Naayiroobitti adeemsifamerratti hirmaachuudhaan sadaffaa bahuun meedaaliyaa nahaasaa argamsisaniiru.
Akkasumas wayita miseensa koree hojii raawwachiiftuu Federeeshinii Kubbaa Kachoo Itoophiyaa turan walittiqabaa koree teknikii ta’uudhaan dursaniiru. Ammaan tana ammoo Pirezidaantii Federeeshinii Kubbaa Kachoo Magaalaa Finfinnee ta’anii tajaajilaa jiru.
Bariisaa: Ispoortiin kubbaa kachoo keessumaa Finfinneetti, sadarkaa akkamiirra jira?
Obbo Yetimgeetaa: Ispoortiin kubbaa kachoo ispoortiiwwan ammayyaa biyya keenyatti jalqabaman keessaa kan duraati. Ispoortii kanaan biyyi keenya olompikiirratti hirmaachuuf dandeettii qabaachuu baattus akka miseensa tokkootti Konfedereeshinii Kubbaa Kachoo Afrikaa, Waldaa Kubbaa Kachoo Addunyaafi Koree Olompikii Biyaalessaatiin beekamtii qabdi.
Haata’u malee Ispoortiin kun yeroo yeroodhaan guddachuurra gadi bu’aa dhufuudhaan maqaaf malee hinjiru jechuun ni danda’ama; keessumaa Finfinneetti. Kilaboonni kubbaa kachoo hedduunis diigamanii bittinnaa’aniiru.
Ispoortiin kun kanaan dura akka biyyaatti kilaboota heddu horachuudhaan yeroo yeroodhaan shaampiyoonaan biyyaalessaas adeemsifamaa ture.
Finfinneetti kilaboonni akka Manneen Kiraa, Machaal, Omeedilaa, Humna Galaanaa, Humna Qilleensaa, Ajaja Giddugaleessaa, Konistiraakshinii Hintsaa, kilaboonni Filwuhaawoochiifi Hoteelotaa yeroo san kilaboota ciccimoo turan. Garee kubbaa Kaachoo Itoophiyaafis taphattoonni kan filataman kilabootuma kanneen keessaa ture.
Haata’u malee bara 1983 Mootummaan ADWUI kilaboota kanneen diige. Yeroo booddee akka haarawaatti muraasnisaanii hundeeffamanis qaamni duuka bu’u waan dhabameef deebi’anii diigaman.
Kilaboonni Warshaa Simintoo Mogor, Humna Ibsaafi Konistiraakshinii Hojiiwwan Bishaanii, Yuunivarsitii Yuunitii, Itiyoo Investimanti, Kolleejjiin Admaasfaan of danda’anii hundaa’anis yeroo gabaabaa keessatti diigamaniiru. Kanaaf, Ispoortiin kubbaa kachoos dadhabaa dhufeera.
Bariisaa: Ispoortii kana cimsuuf tattaaffii akkamiitu taasifamaa jiraree?
Obbo Yetimgeetaa: Federeeshinoota hundeessuudhaan kan to’atu Ministeera Aadaafi Ispoortiiti. Federeeshiniin Kubbaa Kachoo Itoophiyaas isumaan hundeeffame. Ta’us federeeshinichi hojjechaa jira jechuun natti ulfaata. Maaliif yoo jedhame maqumaaf malee waajjirrisaa yeroo hunda cufaa oola.
Koreen gaggeessituu hojii federeeshinichaas maqaaf hundeeffame malee yeroosaa eeggatee waajjirichatti argamuudhaan guddina ispoortii kanaaf hojiin hojjachaa jiru daran dadhabaadha. Ittigaafatamummaasaas dhiheenyatti argamuudhaan kan gaafatu natti hinmul’atu.
Ministeerri Aadaafi Ispoortiis gadisiqee yeroo yeroodhaan duuka bu’uu qaba. Hojjetaa cimaa ramaduudhaanis ispoortiin kun akka guddatu gochuu qaba.
Caasaa federeeshinootaa gubbaadhaa hanga gadiitti diriirsee maaltu nadhibe jedhee harka maratee taa’uu hinqabu. Yeroo yeroodhaan ogeessotasaa gadi buusuudhaan bakka rakkoon jiru ilaalee furuu qaba.
Bariisaa: Mootummaan bu’uuraalee misooma ispoortiifi iddoowwan oolmaa dargaggootaa babaldhisaa jiraatii kana ittifayyadamasaarraa kaastanii akkamitti ibsitu mee?
Obbo Yetimgeetaa: Dhugaa dubbachuuf hojiin yeroo dhihoodhaa as mootummaan iddoowwan oolmaa ispoortiif xiyyeeffannaa kennee hojjetaa jiru kan nama gammachiisuudha.
Finfinnee qofatti osoo istaadiyoomota guguddoo hindabalatiin iddoowwan oolmaa ispoortii kuma 1fi 300 ijaaramanii tajaajila kennaa jiru. Kanneen hafan ammoo sochuma kanaaf banamuun ittifayyadamtoota eeggachaa jiru. Naannoleettis baldhinaan hojjetamaa jiru.
Mootummaan jijjiiramaa fayyaa namaarratti xiyyeeffachuudhaan dargaggoonniifi hawaasni yeroo haara galfannaasaanii sochii qaamaa akka taasisaniif bakka qopheessee jajjabeessaa jira.
Iddoowwan oolmaa ispoortii Godambaa Injifannoo Adwaa dabalatee galmoonni kubbaa kachoo, teenisa miinjaalaa, kubbaa harkaa, buunyaa, misooma koriidariitiin ammoo atileetiksii, biskileetiifi kkfn gaggeeffamaa jiran kan sadarkaa biyyoolessaa eeggatan waan ta’aniif rakkinni kanaan dura damee kanaan mul’ataa ture furameera.
Kanaan dura misooma akkanaa wayita biyya alaa dorgommiif deemnu dharra’aa turre. Har’a ammoo asitti arguu kiyyatti gammachuu guddaatu natti dhagahama. Ana qofa osoo hinta’in qaamoleen kaleessa misooma akkanaa hawwaa turan maratu ittigammada. Iddoowwan ispoortii kanneen eeguun ammoo qooda hawaasaati.
Bariisaa: Ispoortii kubbaa kachoo dabalatee kanneen biroos akka cimaniif maaltu ta’uu qaba jettu?
Obbo Yetimgeetaa: Guddinaafi babaldhina ispoortiif bu’uuraaleen manneen barnootaafi naannoleedha. Ammas xiyyeeffannaa guddaa itti kennuudhaan dargaggoota dandeettii qaban filachiisuudhaan hirmaachisuutu irraa eegama.
Dargaggoonni kilaboota adda addaa keessatti akka hirmaataniif carraan banamuufi qaba. Kana gochuuf ammoo yeroo ammaa dhaabbileen mootummaafi dhunfaa hedduun biyya Keenya keessatti baldhinaan waan argamaniif kilaboota akka hundeessan gochuunis barbaachisaadha.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017