“Guddinni Itoophiyaa biyyootni ulaa galaanaa qaban Itoophiyaaf akka eeyyaman taasisa” -Doktar Maatiyoos Hinsarmuu

Finfinnee: Guddinni dinagdee Itoophiyaa biyyootni ulaa galaanaa qaban Itoophiyaaf ulaa galaanaa akka eeyyaman taasisa  jechuun Yunivarsitii Finfinneetti Hayyuun Loojistikiifi Cancala Dhiyeessii Doktar Maatiyoos Hinsarmuu ibsan. Ulaagaa haqaqabeessaan Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuun kan hinoolle ta’us ibsaniiru.

Doktar Maatiyoos ibsa Kamisa darbe waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, guddinni dinagdee Itoophiyaa biyyoota ulaa galaanaa qaban hawwachuudhaan Itoophiyaaf ulaa galaanaa akka eeyyaman taasisa. Ulaan galaanaa  fedhii ummata biyyattii guutuuf waan filannoo keessa galu miti jechuun ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, bu’uura seera ulaa galaanaa bara 1982 Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin tumameen  biyyootni ulaa galaanaa hinqabne karaa biyyoota ulaa galaanaatti kalaa’anii  mirga ulaa galaanaa fayyadamuu qabu. Ta’us haalli ittifayyadamasaa hojiirra kan oolu akkuma seericharratti ibsametti waliigaltee biyyoota lamaaniirratti hundaa’een ta’uu ibsaniiru.

Gaafa hojiirra oolus wanti isaan gochuu danda’an yoo jiraate tursiisuu, gatii dabaluufi hanga turtii omisha ulaa galaanaarratti bu’een gatii dabaluun yoo dhiibbaa uuman malee gonkumaa dhowwachuu hindanda’an jedhaniiru. Itoophiyaan ulaa galaanaa akka hinarganneef qormaanni baay’achuun qabeenya hidha laga Abbayyaa, boba’aa qabdutti ulaan galaanaa dabalamee yoo fayyadamte saffisaan tarree biyyoota guddatanii keessa galuun dhiibbaa uumuu dandeessi yaaddoon jedhu waan jiruuf jedhaniiru.

Dhiibbaa jala ta’es guddinni Itoophiyaa ittifufuu himanii; guddinni Itoophiyaa biyyoota ollaashiitiif faayidaa qaba. Kanaafis, Sumaalee Laandi Itoophyaa waliin guddachuuf murteessitee waliin waliifmallatteessuun hojjechaa jirti. Guddinni Itoophiyaa ulaa galaanaa argamsiisuudhaan guddina waloof daandii saaquurra darbee bu’uuraalee misooma ulaa galaanaa baasii guddaa gaafatuu biyyoota fayyadamoo ta’an waliin qajeeltoo kennanii fudhachuutiin waliin akka misoomsaniif haala mijaa’aa uuma. Kunniin hundi milkaa’uu kan danda’an yoo rakkoon keessoo Itoophiyaa furameedha jedhan.

Filannoo tibana Sumaalee Laanditti geggeeffameen walqabatees; “Gareen mormituu mootummaa biyyattii aangoo waan qabateef waliigaltee Itoophiyaafi Sumaalee Laandi mallatteessanirratti dhiibbaa uuma jedhee hin yaadu” jedhan.

Sababiinsaas ummattootni biyyattii birmadummaa dhuunfaasaanii waan barbaadaniif gareen siyaasaashii amma gara aangootti dhufe faallaa birmadummaa kana dhaabata jedhee hin yaadu jechuun ibsaniiru.

Ameerikaanis pirezidaantii haaraa waan filatteef dhimma Sumaalee Laandiin walqabatee wanti Ameerikaan murteessitu ifa hintaane.  Gaafa Ameerikaan imaammatashee ibsitu haalotni jijjiiramuudhaan Itoophiyaaf carraa gaarii qabatanii dhufuu mala jedheen yaada jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017

Recommended For You