Finfinnee: Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa waggoota afran dhufaniif kaadhimamtoota pirezidaantiifi raawwachiftuu hojii naannoleefi bulchiinsota magaalotaarraa dorgommiif dhihaatan maqaasaanii ifoomseera.
Atileetota duraanii dabalatee dorgomtoonni torba pirezidaantummaaf kan dhihaatan yoo ta’u, raawwachiiftuu hojii ammoo kaadhimamtoonni 21 dhihaachuusaanii Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa beeksiseera.
Rakkoo wal xaxaa ispoortii atileetiksii Itoophiyaa eenyuutu furuu danda’a? gaaffii jedhuufi sammuu ummataa keessa naanna’aa jiruuf deebiin kan argamu yaa’ii idilee federeeshinichaa 28ffaa guyyoota lamaaf Mudde 12-13 bara 2017 adeemsifamurratti.
Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa waggoota afuriif hogganaa kan ture koreen raawwachiiftuu hojii federeeshinichaa yeroosaa xumuruusaatiin filannoo ammaa kanaan hoggansa haarawaatti aangoosaa dabarsa jedhamee eegama.
Filannoo federeeshinii kanaaf naannooleen martinuu bakka bu’oota isaanii Sadaasa 16 kan galmeessisan yoo ta’u ammaan tana gulaalliin adeemsifamaa akka jiru federeeshinchi mul’iseera.
Waggoottan afran dhufaniif federeeshinicha pirezdaantummaadhaan gaggeessuuf atileetonni bebbeekamoo duraanii Silashii Siihin Oromiyaarraa, Gabra Igizaaber Gabramaariyaam Tigraayirraa, Kabajamoo Irreessaa Dubee Jiloo Finfinneerraa ta’uun galmaa’aniiru.
Naannoo Amaaraarraa Obbo Yaayah Addis, Dirree Dhawaarraa Injinar Geetuu Garramaw, Naannoo Kibbaarraa Komaandar Girmaa Dhaabaa, Naannoo Gambeellaarra Raasaal Upiyoow Ilukaan ta’uun beekameera.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017