Magaalaan Finfinnee misoomaa koriidarii marsaa jalqabaa xumurtee marsaa lammaffaa erga eegaltee bubbuleera. Hojii misooma koriidarii kana guddina magaalattiin irra geesseen walsimsiisuuf dizaayiniifi sadarkaan qulqullina ijaarsaa yeroodhaa gara yerootti fooyya’aa jira. Finfinnee kaleessaafi har’aa wanti tokko taasisu maqaa yoo ta’e malee miidhaginaafi ijaarsa bu’uuraalee misoomaatiin sadarkaa waliin madaaluun hindanda’amnerra geesseerti.
Sadarkaa misoomni koriidarii marsaa lammaffaa irra jiru ilaalchisanii miidiyaaleef tibbana ibsa kan kennan Kantiibaa Ittaanaan Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay akka jedhanitti, Finfinneen guddina ajaa’ibaa keessa jirti. Magaalaa teessoo Gamtaa Afrikaafi dippiloomaatota idiladdunyaa taate tanaaf guddinni rogawwan maraa ni malaaf.
Misoomni koriidarii marsaa lammaffaa kun kallattiilee garagaraatiin hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, akka moggaasa yeroo ammaatti 1ffaan, Seensa Kibbaa (South Gate)- Addababa’ii Dayaasporaa-Magganaanyaa hanga Addababa’ii Masqalaatti; 2ffaan Addababa’ii Masqalaa-Daandii Charchil- Araat Kiiloo – Kaazaanchiis; 3ffaan Kiiloo Afur-Shiroomeedaa-Inxooxxoo, 4ffaan ‘CMS’-Summiit-Gooroo- Daandii Qilleensa Itoophiyaa akkasumas Saarbeet-Labuu hanga Laaftoofaa of keessatti hammata.
Misoomni kun lafa bal’aa hektaara kuma 800 ol of keessatti kan uwwisu yommuu ta’u, bal’innisaa kiiloomeetira 135dha. Bakkeewwan ummatni itti bashannanu 79, deemsa miilaa/ lafoof kan ta’u daandii kiiloomeetira 237 kan qabuudha.
Paarkiiwwaniifi tarminaalota 114 kan qabuufi daandii bishikiliitii kiiloomeetira 111 dheeratus of keessatti hammata. Riqichoota 50 kanneen konkolaataafi lafodeemtonni irra qaxxaamuruu danda’an akkasumas bakka daa’imman itti bashannanan hedduu of keessaa qaba. Kana malees, pirojektonni qarqara Lageenii Inxooxxoo-Piikookiifi Gullallee-Piikook qaama misoomichaa ta’uu Obbo Jaanxiraar ibsaniiru.
Ijaarsa misooma koriidarii kanaan walqabatee abbootiin qabiyyee 2,074 kaafamtoota misoomaa ta’u. Beenyaan waliigalaa kaafamtoota misoomaa kunneeniif qophaa’e qarshii biliyoona 8.8 yommuu ta’u, hanga ammaatti namoota 500 ol kaafamaniif beenyaan qarshii biliyoona 4.6 kaffalameera. Kanneen hafanis yeroo ittaanutti kan kaafaman ta’a.
Akka isaan jedhanitti, Finfinnee bakka kamittuu namni mana jireenyaa seeraa qabu beenyaan kan herregamuuf sadarkaa manaarratti hundaa’a malee kallattii lafaatiin miti. Kunis mootummaan lafa hundaafuu walqixa dhiyeessaa waan jiruuf beenyaan lafaa nama kamiifuu hinkennamu.
Manneen magaalattii sanada hinqabneen walqabatee keessumaa manneen qarqara lageenii jiran hedduun sanada akka hinqabne beekamaadha. Manneen callisuun ijaaraman osoo hintaane manneen ulaagaa sanada maleeyyiin guutan seeraafi qajeelfamaan keessummaa’u. Haaluma kanaan manneen ulaagaa guutan carraqabeeyyii ta’uusaanii Kantiibaa Ittaanaan kun eeraniiru.
Namootni mana gandaa keessa jiraataa turan durumayyuu manni gandaa kan mootummaa ta’uunsaa beekamaa ta’us lammiileen akka hinmiidhamne deeggaruuf manneen gandaa kiraan yookiin manneen waliinii kan dhiyaataniif ta’a. Namoota hundaaf mana dhiyeessuun humna mootummaafi biyyattiin ol waan ta’eef namoota mana kiraa keessa jiraataa turaniif manni hindhiyaatu.
Gama biraatiin manneen namoota kaafamaniif kanaan dura kennamaa tureen walqabatee komii bu’uuraalee misoomaatiin walqabatee calaqqisaa ture hundeerraa furuuf koreen hundaa’ee duulli jabaan adeemsifamaa akka jiruudha Obbo Jaanxiraar kan ibsan.
Mootummaan misooma nama giddugaleeffate hojjetaa waan jiruuf kaafamtoota misoomaatiif xiyyeeffannaa addaa kenneera. Jireenyi hawaasummaasaanii akka cimuufis hanga danda’ametti laftis ta’e manni haala bu’uura hawaasummaasaanii eegeen kennamaa jira. Bakka hanqinni lafaafi mana jireenyaa jirutti yoo humnaa ol ta’e qofa namoota waliin jiraataa turan adda ba’u.
Haaluma walfakkaatuun namoota manneen gandaa keessatti daldaluun jireenyasaanii gaggeeffataa turaniif mootummaan haala mijataa uumaa jiraachuu Obbo Jaanxiraar himanii; yeroof namoota kunneen tekniikiifi ogummaan leenjisuun waldaan gurmeessaa jiru. Booda garuu lafa daldalaa mataasaanii kaaree 25 argachuun karaa waaraan jireenyasaanii akka gaggeeffatan haalli mijataafii jiraachuu yaadachiisaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017