“Ayyaanni Sabootaafi sablammootaa tokkummaafi obbolummaa sabootaa cimsuurratti xiyyeeffachuu qaba”- Pirofeesara Gargaaraa Zalaalam Tasfaayee

Finfinnee: Gumiin Balal marsaa 39ffaan Ayyaana Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa yeroo 19ffaaf mataduree “Waliigaltee Biyyaalessaa, Tokkummaa Sabdameessummaaf” jedhuun Sadaasa 29 bara 2017 sadarkaa biyyaatti kabajamu sababeeffachuun kaleessa Finfinnee, Waajjira Pirezdaantii Oromiyaatti adeemsifameera.

Waltajjichi qindeessummaa Waajjira Pirezdaantii Oromiyaafi Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiin kan qophaa’e yoo ta’u, hoggantoonni waajjiraalee lamaanii, koreewwan dhaabbii Caffee Oromiyaa, hayyoonni yunivarsitiiwwan gara garaafi keessummoonni waamichi isaaniif taasifame maricharratti argamaniiru.

Hogganaa Ittaanaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Isheetuu Sirneessaa haasaa baniinsaa maricharratti taasisaniin akka jedhanitti, qabsoofi wareegama saboonni, sablammoonniifi ummattoonni Itoophiyaa taasisaa turaniin caaseffamni mootummaa federaalaa ofiin of bulchuu sabootaaf wabii kenne hundaa’ee Heerri Sadaasa 29 bara 1987 ragga’eera.

Heerri kun dhugaa sabdaneessummaa biyyattii kan mul’ise, sirni federaalizimii bu’uura kan qabsiiseefi tokkummaa, walqixxummaa, mirga ofiin of bulchuufi dimokraasii ijaaruuf wabii ta’eera kan jedhan Obbo Isheetuun, haata’u malee waggoota 27 oliif hojiirra oolmaa sirna federaalizimiirratti qaawwi guddaan mul’achaa waan tureef dambalii ummattootaa irra deebiin uumameen bara 2010 mootummaan jijjiiramaa kun akka dhalatu taasiseera.

Mootummaan jijjiiramaa hanqinoota gama ijaarsa sirna dimokraasiitiin jiran furuu, gaaffii ofiin of bulchuu sabootaa, sablammootaafi ummattootaa bu’uura heeraatiin mirkaneessuu, sirna federaalizimii sabdaneessaa obbolummaarratti ijaaruu, seenessa qeenxee diiguun seenessa waloo ijaaruu, mootummaa jabaafi biyya badhaadhinaan beekamtu ijaaruuf riifoormiiwwan guguddoo hojiirra oolchuun daandii milkaa’inaarratti kan argamu ta’uus eeraniiru.

Akka isaan jedhanitti, biyya waloo hundaaf taatu, hunda fakkaattuufi hunda qixa tajaajiltu ijaaruuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira. Sirna federaalizimii obbolummaarratti ijaaramaa jiru kanaanis sagaleen sabootaa, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa qixa akka dhaga’amu akkasumas haala heerri ajajuun raawwiitti galamee bu’uurri jabaan kaa’amaa jira. Kanaanis seenessi qeenxee bakka dhabaa seenessi waloon ammoo bakka qabachaa jira. Injifannoon qabsoo sabootaan argame kun ashaaraa dhalootaati jechuun ni danda’ama.

Galmi keenya biyya keenyatti sirna federaalizimii sabdaneessaa bu’uureessuun mirga ofiin ofbulchuu mirkaneessuu, nageenya waaressuu, obbolummaa sabootaa cimsuu, dirree dimokraasii babal’isuu, mirga garee dhuunfaa kabajuu, heddumminaaf beekamtii kennuu, tokkummaa biyyaalessaa waloominaan ijaaruufi biyya hundaaf taatu seenessa waloorratti ijaaruudha kan jedhan Obbo Isheetuun, wayita Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa kabajnus heddumminni keenya madda waldhabdee utuu hintaane madda cimina keenyaa taasisa jechuun ibsan. Heddumminni sabaa, afaan, aadaa, amantaafi seenaa biyya keenyaa badhaadhina ta’uu hubachuufi hubachiisuu qabna jedhu.

Caffee Oromiyaatti, Walittiqabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Bajataafi To’annoo Horataalee Doktar Gammachuu Araarsaa akka jedhanitti, heerri biyyattii Sadaasa 29 bara 1987 ittiragga’e waggaa waggaan sadarkaa biyyaafi naannoleetti sirnoota gara garaatiin kabajama.

Sadaasni 29 gayyaa gaaffiin eenyummaa, ofiin of bulchuu, aadaafi duudhaa ofii dagaagfachuu, afaan ofiitiin fayyadamuu sabootaa, sablammootaafi ummattootaa heeraan beekamtii argateefi guyyaa seenaqabeessa.

Sirna ADWUI keessa sirna federaalizimii lafa qabsiisuufi mirga sabaafi sablammootaa hojiiwwan hojjetaman hanqina bal’aa kan qabu ta’uu himanii, eenyummaan sabootaafi sablammootaa heeraan beekamtii argachuun waan guddaa waan ta’eef guyyaan kun waggaa waggaan kabajamaa jiraachuu eeru.

Waggoota ja’aa as mootummaan Paartii Badhaadhinaatiin geggeeffamu biyya sabdaneessummaa, tokkummaafi biyyaalessummaa madaalliisaa eeggate ijaaruuf akkasumas mootummaafi sirna ummata bal’aa biratti fudhatama qabu ijaaruufi gaaffii ummataa yeroo dheeraaf ture keessumaa gaaffii dimokiraasii deebisuudhaaf hojii bal’aa raawwateera; raawwachaas jira. Kanaanis bu’aawwan guguddoon galmaa’aa jiru jiru jechuun dubbatu.

Yunivarsitii Salaaleetti hayyuun Seeraa Zalaalam Tasfaayee barreeffama ka’umsa marii mataduree “Waliigaltee Biyyaalessaa, Tokkummaa Sabdameessummaaf” jedhuun dhiyeessaniin akka jedhanitti, shaakalli hanga ammaatti taasifame hanqinoota garagaraa qabaatus sirna federaalizimii sabdaneessaa itti cimsuun dimokraatessuun ala filannoo biraan hinjiru. Federaliizimii akka sirnaatti sabni hunduu akka biyyasaatti kabajamee akka jiraatu waan taasisuuf sirna daran cimee ittifufuu qabu ta’uu himu.

Sirna Federaalizimii yeroo jennu sirna ofiin of bulchuufi sirna waliin biyya bulchuuti kan jedhan hayyuun seeraa kun, haala qabatamaa Itoophiyaan keessa jirtu yoo xiinxalle Sinri Federaalizimii akka lafa qabatuuf hojiin hojjetame hedduu guddaadha. Kana jechuun waanti hafu hinjiru jechuu muti. Kanaaf, kan argannetti fayyadamuun kan hafe irratti hojjechuun murteessaa ta’uu dubbatu.

Guyyaan Sabaafi sablammootaa kun sirbuufi shubbisuu qofaan kan kabajamu osoo hintaane tokkummaafi obbolummaa sabootaafi sablammootaa cimsuu, nageenya waaraa fiduun misoomni gama hawaasummaafi dinagdeen jiru akka cimee itti fufuuf tumsuu qaba kan jedhan Obbo Zalaalam, sabootaafi sablammoota biyyattii kan tokko kan taasisu dantaa isaan guddina, misooma, nagaa, walqixxummaafi mirga namoomaa irratti qaban ta’uus himaniiru.

Ayyaanni Sabootaafi Sablammoota Itoophiyaa akka biyyaatti Magaalaa Arbaa Mincitti; akka Oromiyaatti ammoo Magaalaa Ambootti Sadaasa 29 bara 2017 kan kabajamu yoo ta’u, jala bultiin ayyaanichaas sagantaalee gara garaatiin kabajamaa jira.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 21 Bara 2017

Recommended For You