Itoophiyaatti Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Dijitaalaa erga jalqabamee waggaa sadii ta’eera. Hanga ammaatti namoonni miliyoona 10 ol waraqaa eenyummaa kana argachuuf kan galmaa’an yoo ta’u, waggoota sadii keessatti namoota miliyoona 90 galmeessisuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Waraqaan eenyummaa lammiileen tajaajila hundagaleessa akka argatan kan taasisu yoo ta’u, daa’ima umurii shanii ol jirurraa kaasee jiraattota biyyattii hundaaf ni kennama. Lammiilee biyya alaatii dhufaniifi godaantoni biyyattii keessa jiranis galmaa’anii waraqaa eenyummaa dijitaalaa kana argachuun tajaajilota bu’uuraa hundagaleessaa argachuu danda’u. Waraqaan eenyummaa dijitaalaa kun ‘Faaydaa’ jedhamuun beekama.
Galmeessi waraqaa eenyummaa kun baayoomeetirikiidhaan waan hordofamuuf namni tokko yeoo tokkoo ol galmaa’uu hindanda’u. Waraqaan eenyummaa kun lakkoofsawwan addaa abbaa dijitii 12 kan qabu yoo ta’u, lakkoofsi kun erga altokko kennamee yoomiyyuu hinjijjiiramu. Waraqaa eenyumma dijitaalaa kana waraqaa eenyummaa kaanirraa kan adda godhu daataan baayoomeetiriikiin fudhatamuufi hordofamuusaati.
Akka Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa ibsutti, baay’ina ummata Itoophiyaa keessaa %40 kan ta’u waraqaa eenyummaa hinqabu. Kana jechuun lammiileen kunneen dabtara herrega baankiifi siim kaardii baafachuu dabalatee tajaajiloota gara garaa waraqaa eenyummaa qabaachuun kennaman argachaa hinjiran. Lammiilee kunneen tajaajila baankiin, Itiyoo Telekoomiifi kanneen biroo ala gochuun dinagdee biyyattii mirkaneessuun hindanda’amu.
Waraqaan Eenyummaa Dijitaalaa Faaydaa daa’ima umurii shanii ol jirurraa kaasee lammiilee seeraqabeessaan biyyattii keessa jiraatan hundaaf waan kennamuuf hawaasni bal’aan waraqaa eenyummaa akka argatuufi tajaajiloota bu’uuraa hundagaleessa argachuun dinagdee biyyaa utubuu keessatti qooda akka fudhatu kan taasisuudha. Waraqaan eenyummaa kun waggaa 10tti kan haara’u yoo ta’u, lakkoofsisaa garuu yoomiyyuu hinjijjiiramu.
Waraqaan Eenyummaa Dijitaalaa Faaydaa waraqaa eenyummaa gandaa bakka hinbu’u. Waraqaan eenyummaa gandaa jiraataa ganda kamii ta’uu qofa ibsa. Waraqaan eenyummaa kun teknolojii baayoomitirik deeggaramuun waan hinkennamneef namoonni waraqaa eenyummaa gandaa tokkoo ol baafachuudhaan yakkoota gara garaa utuu ittiin raawwatanii mul’atu.
Galmeen Waraqaan Eenyummaa Dijitaalaa Faaydaa teknolojii baayoometirikiin waan deeggaramuuf eenyummaa nama tokkoo sirriitti ibsuudhaan yakkoota gara garaa ittisuun dinagdee biyyaa utubuu keessattis gahee guddaa qaba.
Kaayyoon Waraqaan Eenyumma Dijitaalaa Faaydaa waraqaa eenyummaa biroo bakka bu’uun tajaajiluu otoo hintaane, namoonni tajaajiloota bu’uuraa si’ataafi haqaqabeessa akka argatan taasisuudha.
Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa ALA bara 2021 Waajjira Ministira Muummee Itoophiyaa jalatti hundaa’uun galmee waraqaa eenyummaa Dijitaalaa Faaydaa guutummaa biyyattiitti hojiirra oolchuuf hojjechaa jira. Kaayyoo guddaan hundeeffama dhaabbatichaa lammiileen biyyattii eenyummaa seeraa qaban hundi waraqaa eenyummaa kana akka qabaataniifi tajaajiloota hunda hammataa, si’ataafi haqaqabeessa akka argatan taasisuudha. Dhaabbatichi hojii galmeessa waraqaa eenyummaa kana milkeessuuf sektaroota gara garaa waliin hojjechaa jira.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 14 Bara 2017