“Walleen” Jirra Jirraa” Artisti Haacaaluu ani walaleesse beekamtii koof bu’uura buuseera” – Artisti Sinnishaawu Mul’ataa

Muuziqaan rasaasa mi’aawaa quuqqaafi qeeqa, gaddaafi gammachuu muuxannoofi mudannoo ittiin ibsatan, cunqursaa ittiin waraanan, humna mi’aawaa lafee diinaa cabsu, qabsaa’ota cimsu, ogummaa gadifagoo afoolaan dhaalamu, barnoota qalamaatiin miidhaguudha.

Humni muuziqaa isa rafe dammaqsa, isa cunqurfame onnachiisa, ogummaan kan guutame jechoota qaaliifi walaloo qalbii hawwatuun kan qoraafame ichima hadhaa’aan keessoo buruqfamee itti bahu kennaa afoolaafi ogummaan guutameedha.

Kanneen kennaa kanaaf kennaman ammoo ganamuma kan dhalatan yoo ta’u; kaan walaloofi yeedaloon, kaan walaloon, inni biraa shubbisaan kan hafe uffata aadaatiin faayamee jalaa qabuun dabaalee addunyaa kanatti simboo horuun qalbii kan itti boqochiisan, gaddaafi gammachuu, quuqqaa itti ibsatan ogummaa gadifagoofi mi’aawaa ergaa cimaa dabarsuudha.

Miidhagina muuziqaa duuba walaleessaan, yeedaleessaan, shubbistoonni, ogeessonni kaameeraafi gulaaltonni hedduun qooda kan fudhatan yoo ta’u; guddina hawaas dinagdeefi siyaasa biyya tokkoo keessatti shoora olaanaa taphata.

Dubbistootaa barreeffama keenya fuula aadaafi aartii kana keessatti miidhagina wallee Artisti Haacaaluu Hundeessaa “Jirra Jirra” jedhu duuba kan jiru Artisti Sinnishaawu Mul’ataa eenyu? Eessatti dhalatee guddate? Haalli barnootasaa maal fakkaata? Akkamiin asgahe? Gaaffiilee jedhaniif deebii argachuuf gaafdeebiin Bariisaan Sinnishaawu waliin taasise akka armaan gadiitti dhiyaateeraa oluma, nooraa.

Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Bachoo Ganda Leencaafi Qashammee jedhamutti dhalatee guddate. Hanga umriinsaa barnootaaf gahutti akkuma nama kamuu hojiilee qonnaa hojjetaafi farda gombisaa maatiisaa tajaajilaa guddachuu turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen nikaasa.

Wayita umriinsaa barumsaaf gahutti Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa kutaa 1ffaa hanga 6ffaa Mana Barumsaa Kusaayee Leencaa; 7ffaa hanga 8ffaa Mana Barumsaa Fiitaawuraarii Tullu Boolloo; 9ffaa hanga 10ffaa Mana Barumsaa Tajiitti; 11ffaa- 12ffaa Mana Barumsaa Sabbataatti baratee Yunivarsitii Finifinneerraa Hogbarruufi Fookilooriidhaan digrii jalqabaatiin eebbifameera.

Digrii lammaffaa Yunivarsitii Liid Istaarirraa Liidarshiippiin eebbifameera. Dabalataanis barnoota sarveyiin dippiloomaa waan qabuuf hojiilee ogummaa ijaarsaa gara garaarratti bobba’ee jireenyasaa mo’achuuf hojjechaa ogummaa aartii keessasaa buleefi isa dhikkifatu baasuuf walaloo, ‘Jirra Jirraa’ Artisti Haacaaluu Hundeessaa ittiin beekamuun tokko jedhee jalqabuu danda’eera.

Walaloon Jirra Jirraa Artisti Haacaaluun miidhagsee weellise walaloosaa ciniinfatee kan dhale Artisti Sinnishaawu, hojii gaarii gama kanaan hojjeteen Artisti Haacaaluu isa beeksisuu dubbata.

Jirra jirraan walalookooti. Yeedaloon kan Artsiti Haacaaluuti. Yeroon walaloo kana itti barreesse yeroo warraaqsi cimaa itti dhoheedha. Walalichi ergaa gadifagoo waan qabuuf hawaasa dammaqsa, qeerroo onnachiisa. Bu’uuruma kanaan Artisti Haacaaluu Hundeessaa lubbuu itti horee gurra hawaasa addunyaatiin gahee hanga har’aa seenaa addaa ta’ee ittiin waamamaafi leellifamaa jira qaaliin keenya Artisti Haacaaluun.

Walaloo kana Haacaaluuf kennuun koo bu’aa guddaa naa buuseera kan jedhe Artisti Sinnishaawu hojiileen yeroo ammaa hojjetaa jiru akka olka’uuf ummata birattis fudhatamummaa akka argatuuf bu’uura buusuufii kaaseera. Jirra jirraan walaloon barreeffamee waggoota lamaaf isa harka taa’uufi wallee hinta’u jedhamaa turuus ibseera.

Haalli walalichi itti barreeffame haala kanaan dura hinbaratamneen rukuttaansaa walirraa fagoo waan ta’eef wallee hinta’u jedhamaa ture. Booda garuu Artisti Haacaaluun sagaleesaa kiiloleedhaan qoraasee gurraafi qalbiitti miidhagsee weellisuun Jirra Jirraa olkaasee siyaasarra darbee warraaqsa taasise, jijjiiramas itti galmeessisee seenaa hindabarre olkaa’ee darbeera.

Bu’aan wallee Jirra Jirraa guddaadha. Na onnachiisee dirree muuziqaatti naseensiseera. Milkaa’aas jira. Isa kanaafimmoo Artisti Haacaaluu gahee leencaa taphata.

Hojiin Haacaaluun hojjete har’a lubbuu qaba. Dhalootaa dhalootattis darbaafi jajamaa jira. Kanarraa kan ka’e anis cimee hojjetaan jira. Hojiin aartii hojii hirmaannaa ogeessota gara garaatiin deeggaramee miidhagee dhaggeeffatamuudha.

Aartiin meeshaa hundagaleessa ittiin deeggartu, ittiin qeeqxu, quuqqaa mudannoofi muuxannoo kee ittiin ibsattu kan hunduu irratti hirmaatu afaan addunyaan ittiin waliigaluudha.

Mi’aayina jechoota qaaliifi yaada ichimamaan ergaa barbaadame dabarsuuf meeshaan gargaaru muuziqaadha kan jedhe Artisti Sinnishaawu hawaas dinagdee siyaasaafi guddina aartii keessatti qooda guddaa kaffaleera.

Artistoonni keenya hedduun aartii keenya guddisuuf afoola keenya gadi baasanii agarsiisuuf quuqqaafi quuqama lammiisaanii jechoota miidhagoon qoraasanii dhageessisuuf hojii hojjetaniin wareegama qaalii kaffalaniiru. Kanaafis kabajni ni malaaf. Nutis faanasaanii hordofnee jijjiiramaaf hojjechuun barbaachisaadha jedha.

Hojiin muuziqaa dhamaatee hedduu qaba. Hirmaannaa qaamota gara garaan dabaalamee miidhagfamee dhaggeeffatamuu danda’a. Haata’u garuu galiifi baasii muuziqeessaan argatu madaalawaadha jechuun hindanda’amu.

Haata’u garuu hamileen ummatarraa argamu badhaasa guddaa ta’uus kaasee, hamileen kun waan gahaa hintaaneef muuziqeessaan dinagdeedhaan akka cimuufis seerri bahe hojiirra ooluu qaba.

Beekamtiin karaa Artisti Haacaaluu argadhe kana hojiitti jijjiiruun qaba jedhee hojjetaa, ittiinis milkaa’aan jira, beekamtii guddaas argadheera. Bu’uuruma kanaan hojii dhuunfaakoo hojjedhu cinatti muuziqaarratti akkan fuulleffadhu nataassisuun har’a walleewwan qeenxee afur baaseera. Ummata birattis fudhatamummaa guddaa argadheera jedha Sinnishaawu.

Walleewwansaa afran kanneen gurra ummataatiin gahuu kan dandahe Artisti Sinnishaawu albamasaa 1ffaas eebbisiisuuf qophiitti jira. Oromoonis isa waliin dhaabatee akka isa humneessu gaafateera.

Hojii muuziqaa kanaan dura hojjeteen walleewwan qeenxee afur akka qabu kan kaase Artisti Sinnishaawu, isaanis “Yaagootakoo, Naxalaa, Biyyakoofi Tibbanammoo Walnyaannaaree” jedhamaniin qalbii namaa keessa seena jira. Dhiyeenya kana gara dirree muuziqaatti kan makame Sinnishaawu, beekamtii walaloo “Jirra Jirraa” Artisti Haacaaluuf kenneen beekamtii horatee yeroo ammaa Artistii cimaa yeroo kanaa ta’ee hojjetaa jira.

Aartiin Oromoo daran akka guddatuuf kutannaa siyaasaas gaafata. Sababnisaas guddina aartiif tattaaffii muuziqeessaa qofa kan eegnu yoo ta’e waan fagoo deemuu hindandeenyeef mootummaanis ta’e dhaabbileen biroo akkuma qonnaafi damee misoomaa biroof xiyyeeffannoo kennanii hojjetan misooma damee muuziqaa keenyaafis tumsuu qabu erga jedhu dabarseera.

Guddina muuziqaan Oromoo yeroo ammaa irra gahe ilaalchisuun yaada kenneen guddina muuziqaafi baay’ina Oromoo walbira qabnee yoo ilaallu kan walmadaalu waan hintaaneef ammallee hojii guddaan dhalootarraa akka eegamudha kan kaasu.

Baay’ina ummataa qabnuufi sadarkaa muuziqaan keenya yeroo ammaa irra jiru waan walgitaa hintaaneef hojii guddaatu nu eeggata. Kanaafimmoo hundeeffamni dhaabbilee aartii, manneen barnootaa aartii babal’achuun misoomnisaanii xiyyeeffannoo argachuun daran murteessaadha.

Artistoonni hedduu hojii bareedaa hojjetanii darbaniiru. Kanneen amma jiranimmoo sanaa olitti hojjechuuf dirqamni seenaa isaan harka akka jiru dagachuu hinqaban.

Akkuma dura ka’e miidhaginaafi rukuttaa wallee tokkootti sinboo kan horu keessaa shubbisni isa tokko yoo ta’u; karaa aadaa giddugaleeffateen dabalataanis ammayyummaanis guddataa, barsiifamaafi qoraafamaa deemuun murteessaadha.

Shubbisni dhiira qofaan, shamarran qofaan darbees walmakaan taasifamu jira. Kunniin marti yoom, eessattiifi attamitti shubbifamuu qabu inni jedhu dagatamuu hinqabu.

Sababnisaas afoolli, aadaan aartiin dhalootatti darbu kamuu duudhaasaa ganamaa dagachuu hinqabu. Oggaan kana jedhu ammayyummaarraa fagaachuu qaba jechuukoo miti. Duudhaa ganamaa giddugaleeffatanii aartii shubbisaa guddisuun guddina muuziqaa keessatti shoora guddaa taphata.

Ittifayyadamni teknolojii muuziqaa keenyaas fooyya’uu qaba. Ga’umsiifi beekumsi aartii hawaasarraa dhaalle akkuma jirutti ta’ee akka barnootaan deeggaramuuf mootummaanillee utubuu qaba. Sababnisaas muuziqaan keenya ciminaan kan irratti hojjetamu taanaan galii guddaa argamsiisuu danda’a. Kanaafimmoo deeggarsi jiraachuun murteessaadha.

Guddina muuziqaa Oromoofi baay’ina Oromoon walqixxeessuuf ammallee qorannoofi qo’annoon irratti gaggeeffamuu qaba. Aartii waraabamee hindhumne qabna. Kana gadi baasnee madda galii gochuun waltajjii addunyaarratti dhiyeessuufi beeksisuun murteessaadha.

Walumaagalatti Artisti Sinnishaawu walaloo wallee “Jirra Jirraa” Artisti Haacaaluu Hundeessaaf kenneen beekamtii argachuu kaasee, hojii gaarii nama boonsu, dhaloota egereefillee galaa waan ta’uuf guddina aartii Oromoof kutannaan siyaasaafi tattaaffiin artistootaas walirraa cituu akka hinqabne dhaama.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 14 Bara 2017

Recommended For You