Turizimii Oromiyaa waggoota afran darbanitti

Komishiniin Turizimii Oromiyaa (KTO) erga hundaa’ee waggoota afur kan lakkoofsise yoo ta’u, damee kanarratti jijjiramoonni onnachiisoon mul’ataniiru. Ta’us, sababoota addaddaatiin damichi hanga dinagdee biyyaa utubuu qabu utubaa hinjiru. Nutis dhimmoota kanaafi waliigala turizimii Oromiyaa ilaalchisuun komishinarii komishinichaa Aadde Lalisee Dhugaa waliin gaafdeebii taassisnee turre.

Akka isaan jedhanitti waggoota afur dura waa’een turizimii hangas mara hinbeekamu ture. Oromiyaan damee kanaan qabeenya hedduu qabaattus, qabeenyi adda bahee, beeksifamee daawwatamuunsaa gadaanaa ture.

Bakkeewwan hawwata turizimii jedhamuun beekamanillee lama sadii kan hincaalle yoo ta’u, keessumaa rakkoo nageenyaatiin walqabateemmoo bakkeewwan hedduun gara damichaatti akka hinmakamneef sababa ta’eera. Gaarreen Baalee, Paarkiin Biyyaaleessaa Booranaafi kanneen biroo bakka hawwata turizimii guddicha ta’uu osoo danda’anii hagas mara beekamuullee hindandeenye.

Kana malees turizimii bunaa (Coffee Tourism) biyyoonni hedduu kan ittifayyadaman yoo ta’u, biyyittiitti garuu faayidaa aleergiif oolchuurra darbee turizimii wajjin walqabsiisuuf wanti hojjetame akka hinturre kaasanii, akka fakkeenyaatti gara Oromiyaa lixaa Wallagga, Jimmaa, Iluu Abbaabooriifi Buunoo Beddellee akkasumas gara Gujiifaa yommuu deemamu bakka omisha bunaa guddicha ta’anis turizimii faana walqabsiisuuf hubannoonsaallee akka hinjirre dubbatu.

Waggoota afran darban komishinichi erga hundeeffamee as dhimmoota kanneeniif xiyyeeffannaa kennuun keessumaa hojii dhaadhessuufi maarkeetiingii qaamolee dhimmamtoota hojjetameen bu’aa jajjabeessaan dhufuu kaasanii, kunis dargaggoonni hojii beeksisuu akkasumas biizinasiiwwan xixiqqoo keessa akka seenan gochuun akka fayyadama miidiyaa hawaasummaasaaniis dabalan taasisuufi hoteeloonnis dhimmichaaf xiyyeeffannaa akkan kennan taasisuurratti hojii bal’aan hojjetamuu eeru.

Hojii dhaadheessuutiin walqabatee komishinichi miidiyaa hawaasummaafi idileetti daran kan fayyadamu ta’uufi keessattuu namoota miidiyaa hawaasummaarratti hordoftoota hedduu qaban waliin irratti hojjetamuufi wayita ammaa Oromiyaan turizimiidhaan sadarkaa daran fooyya’aarra jiraachuu himu.

Yeroo weerara koovidii turistoonni alaa dhufuun daawwatan lakkoofsiisaanii hir’isuu kan himan komishinarittiin, komishinichi jalqabarratti kan irratti xiyyeeffate dargaggoota waliin hojjechuun turizimiin biyya keessaa filannoo isa dursaa akka ta’e adda baasuu ibsu. Kanarrattis muuxannoo biyyoonni Ameerikaafi Chaayinaa qaban fudhachuun irratti hojjetamuufi bu’uuruma kanaan turizimiin biyya keessaa dabaluufi hundeensaa jabaachuu dubbatu.

Akka ibsa Aadde Laliseetti, turizimiin biyyattii kana dura namoota biyyaa alaarraa dhufaniifi gareewwan muraasa dhufanii daawwatan irratti kan hirkate ture. Lakkoofsi daawwachiiftootaafi namoonni dameesanarratti hojjetanis gadaanaa ture. Amma garuu sun jijjiiramee dameen turiziimii damee carraan hojii bal’inaan itti uumamullee ta’eera. Baay’inni daawwachiiftootaa, hoteelotaa, tajaajila geejibaa kennaniifi hojiileen turizimii waliin walqabatanii hojjetaman yeroodhaa yerootti dabalaa jiru.

“Bu’aa biraan damee kanaan argamemmoo, amma Oromiyaa eenyuyyuu kaartaa turizimii keessaa dhabamsiisuu hindanda’u. Dura Oromiyaan turistootaaf akka kooridarii keessa darbuutti fayyadaa ture. Turizimiin biyyattii gara kaabaatti qofa akka jirutti waan beekamuuf namni biyya alaatii bakkeewwan sanneen daawwachuu dhufu magaalaa guddittii Oromiyaa, Finfinnee keessa xiyyaaraan ykn konkolaataadhaan qaxxaamuuree gara sana deema malee keessa turee daawwatee ykn ilaalee hindeemu. Kallattiiwwan biroos yoo ta’e akkanuma” jedhu.

Amma garuu Wancii, Bishooftuufi Shaggar (Gaara Subbaafi Erar) illee bakkee hawwata turizimii dhuma torbanii (‘weekend destination’) ta’uu eegaluu himanii, amma garuu Oromiyaan dorgomaa ta’ee, biyyattiitti turizimiidhaan filatamaa ta’aa jiraachuu dubbatu.

Fakkeenyaaf Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa waggaatti imaltoota miliyoona 10 ol kan keessummeessu yoo ta’u, kunneenis turtii guyyoota lamaa sadii Finfinnee yommuu taasifatan Finfinneefi naannawaanshee bakka daawwataman ta’uusaanii kaasu.

Waggoota afran kana keessatti bakkeewwan hawwata turizimii guguddoo illee dabalamuu kan kaasan Komishinarri tun, akka fakkeenyaatti Boorana yoo fudhanne qabeenya simbirrootaan kan badhaadhe yoo ta’u, kunis dura baay’ee waan hinbeekamneef daawwatamaa akka hinturreefi wayita ammaa garuu bakka filatamaa ta’uu danda’uu himu.

Dabalataan hariiroon biyyoota ollaa waliin hojjetame hojii guddaa ta’uus eeranii, inni kun Oromiyaarra darbee biyyaafiyyuu bu’aa olaanaa argamsiisaa jiraachuu ibsu. Haala kanaan Keeniyaa, Ugaandaa, Ruwaandaa, Zaanziibaar, Jibuutiifi kanneen biroo waliin hariiroon uumamuu dubbatu.

Akka waliigalaatti yoo ilaalame, waggoota afur dura Oromiyaan qonnaafi albuudaan beekamaa ta’uus damee turizimiin garuu beekamaa akka hinturre yaadatanii, yeroo ammaa turizimiidhaan dorgomaa ta’uu danda’uu kaasu.

Akka ibsa Aadde Laliseetti, turizimiin Oromiyaa sadarkaa kanaan jijjiramuun Irreechi baranaa haala addaafi miidhagaa ta’een akka kabajamuuf gumaacha taasiseera. Kana dura Irreechi dirree siyaasaafi aadaa kan ture yoo ta’u, amma jijjiiramoota hedduu keessa darbuun dirree aadaa ta’eera.

Ayyaana aadaa Oromoo qofa osoo hintaane addunyaaf illee feesitivaala guddaa gara ta’uutti adeemaa jira. Kanarraa kan ka’e dhalatoonni lammii Itoophiyaa 2ffaa, diyaaspooraa ta’an waamicha Pirezidaantiin Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fudhachuun akkasumas, lammiileen biyya alaa karaa addaddaa affeerraan taasifameef baay’inaan argamaniiru.

Gama biraatiin turizimiin dinagdee utubuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu eeranii, ta’us waggoota afran darbanitti akka Oromiyaatti sadarkaa barbaadameen utubeera jechuun akka hindanda’amne himanii, kanaaf immoo sababni ijoon rakkoo nageenyaa ta’uu ibsu. Hojii turizimii komishinichi qofaasaa waan hojjetu osoo hintaane, hirmaannaan ummata bal’aafi miidiyaa murteessaa ta’uu hubachiisu.

Kana jechuun garuu ammayyuu bu’aa fide hinqabu jechuu osoo hintaane, haaluma jiramu keessattillee bu’aa akka fiduuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu himanii, bizinasiiwwan xixiqqaarraa kaasee hanga guddaatti dinagdee akka utubaniif hojjetamaa jiraachuufi Irreechillee qofaasaatti qarshii biliyoonotaan argamsiisuun dinagdee tumsaa jiraachuu dubbatu. Kana malees ayaanoonni amantii kanneen akka Qullubbii Gabreel, Dirree Sheekanaa Huseen galii argamsiisuun dinagdee utubuu keessatti shoora mataasaanii qabaachuu kaasu.

“Carraa hojii uumuun walqabatees komishinichi waggoota afran darbanitti namoota kuma 110 oliif carraa hojii uumeera. Kana jechuun bakkeewwan hawwata turizimii addaddaa beeksisuun yommuu eegalamu dargaggoonni naannawaasaaniitti carraa jiru adda baasuun hojiitti seenuu eegalu.

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa wajjin ta’uunis leenjiiwwan garagaraa kan qopheeffaman yoo ta’u, kanarraa ka’uun dargaggoonni baay’ee hojiiwwan turizimii wajjiin walqabatan irratti hirmaachaa jiru. Kanarra darbees hanga loojiiwwaniifi riizoortiiwwan ijaaruuttis kan hirmaatan jiru” jedhu.

Holqa Soof Umar haaromsuufi misoomsuu wajjin walqabatee pirojektii maaddiin biyyaaf jedhuun Ministira Muummeetiin eegalchiifamee waajjirasaaniitiin hordofamaa jiru dhiheenyatti ni xumurame jedhamee akka eegamuufi kunis carraa hojii bal’aa uumuufi galii olaanaa argamsiisuun damee turizimiif gumaacha olaanaa ta’a jedhamee akka abdatamu eeru.

Paarkiiwwan 24fi ikkoowwan turizimii 18 waggaa darbe bakka pirezidaantiin naannichaa jiranitti iftooman ilaalchisuun gaaffii kaasneefiif deebii wayita kennan, dhimmichi xiyyeeffannaa akka argatuuf KTOn nama kallattiidhaan dhimmicharratti hojjetu sadarkaa komishinara ittaanaatti ramaduu himanii, kanneen qofa osoo hintaane bakkeewwan biroollee akka dabalamaniif hojjetamaa jiraachuu kaasu.

Kunis gara dinagdeetti akka jijjiiramuuf dargaggoota gurmeessuu, leenjisuufi haalota mijeessuurratti hojiin hojjetamaa jiraachuufi bakkeewwan rakkoo nageenyaa qabanitti ammoo hawaasni qabeenya naannawaasaa akka kununsuuf hubannoon uumamaa jiraachuu dubbatu.

Kanaan walqabatee karoorri qabame bal’aa ta’uu eeranii, kanaaf garuu bu’uuraalee misoomaa babal’isuu, imaammata mijataa qopheessuu, liqaa baankii mijeessuu, dandeettii cimsuufi hojiilee addaddaa hojjechuun akka barbaachisu himu. Kanaafis kuteenyummaan hoggansa naannichaa olaanaa ta’uun carraa guddaa ta’uu kaasu.

Akka waliigalaatti waggoota afran darban dadammaqqinsi damee turizimiirratti mul’ate jajjabeessaa ta’uu himanii, dameen kun hanga yaadame akka hinguddanneef rakkoon nageenyaa, dandeettii, aadaan turizimii laafaa ta’uu, qabeenya kunuunsuu, gabaa harkisuuf yaaluu, kalaqaafi ilaalcharratti hanqinni jiraachuu dubbatu.

Keessumaa qophaa’ummaan tajaajilummaarratti mul’atu daran laafaa ta’uusaatiin dhimma xiyyeeffannaa olaanaa barbaaduudha jedhu. Kunneen hanga hinjijjiiramnetti ammoo dinagdeen biyyaa guddachuu wana hindandeenyeef miidiyaan, aktiivistoonniifi kanneen dhimmichi kallattiin ilaallatus ta’e hinilaallanne dhimma kanarratti waliin hojjechuun akka barbaachisu dhaamu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 14 Bara 2017

Recommended For You