Oromiyaatti waggaan shanaffaan hundeeffama Paartii Badhaadhinaa ispoortiidhaan kabajame

Finfinnee: Hojjettoonniifi ittigaafatamtoonni mootummaa naannoo Oromiyaa akkasumas artistoonniifi atileetonni ayyaana waggaa shanaffaa hundeeffama Paartiin Badhaadhinaa dorgommiiwwan ispoortii adda addaatiin dheengadda kabajan.

Ayyaanichi kan kabajame mataduree, “Olaantummaa yaadaa badhaadhina hundagaleessaaf” jedhuun dirree ispoortii dallaa waajjiraalee Oromiyaa Finfinnee, naannawa Calallii (Saarbeeti)tti argamutti.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahimaan wayita dorgommicha jalqabsiisan guyyaan Paartiin Badhaadhinaa ittihundeeffame seenaqabeessa, guyyaa jijiramaa, guyyaa dhiphinni sabootaafi sablammootaa ummattoota Itoophiyaa ittidhabamsiifame, guyyaa ummattoonni bu’aa qabsoosaanii itti argatan waan ta’eef baga ittiin isin ga’e jedhan.

Ayyaanichi dorgommiiwwan ispoortii kubbaa miilaa, atileetiksii, wadaroo (haada) harkisuufi agarsiisa sarkasiin kan kabajame yoo ta’u, tapha kubbaa miilaa hoggantoota Oromiyaafi artistoota Oromoo jidduutti adeemsifameen hoggantoonni 2-0n mo’ataniiru. Akkasumas dorgommiin atileetiksiifi haada harkisuu korniyaawwan lameeniin adeemsifame daran bashannansiisaa ta’een adeemsifame.

Sirnicharratti hoggantoota biirolee Oromiyaa dabalatee atileetonni Itoophiyaa beekamoon Gazahany Abarraa, Masarat Daffaar, Taammiraat Tolaa, Silashii Sihin, akkasumas leenjistoonni komishinara ittaanaa Huseen Shiboo, Komaandar Toleeraa Dinqaa, Hajjii Addeloofi Gammadoo Daddafoo argamaniiru.

Artistoonni Oromoo keessumaa kanneen waggoota 25n darbaniif artii Oromoo keessatti ga’ee olaanaa taphatan Haati Jaamboofi Abbaan Jaamboo ayyaana kanarratti argamuudhaan badhaasa addaa badhaafamaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 14 Bara 2017

Recommended For You