Namoonni agarsiisaafi baazaarii guyyaa sabootaa sababeeffachuun qophaa’erratti hirmaatan maal jedhu?

Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa 19ffaa Sadaasa 29 bara 2017 kabajamu sababeeffachuun agarsiifnifi baazaariin daldalaa guyyoota shaniif ture Wiixata darbe eegalee hanga kaleessaatti Wiirtuu Agarsiisa Magaalaa Finfinneetti adeemsifameera. Agarsiisicharratti intarpiraayizoonni 150 ol omishaaleesaanii qabatanii argamaniiru.

Agarsiisfniifi baazaarichi qindeessummaa Mana Maree, Biiroo Misooma Industirii, Biiroo Daldalaa, Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa, Biiroo Aadaa, Aartiifi Turizimiifi Mana Maree Daldalaafi Dameeleesaa Magaalaa Finfinneetiin kan qophaa’e yoo ta’u, agarsiisfniifi baazaarichi intarpiraayizoonni muuxannoo akka walirraa qooddatan akkasumas omishaaleesaanii akka beeksifatan taasisuun walitti hidhamiinsa gabaa uumuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu Afyaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee, Aadde Buzeenaa Alqaadir himaniiru.

Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa baranaa mataduree “Waliigaltee Biyyaalessaa Tokkummaa Sabdaneessaaf” jedhuun kan kabajamu ta’uus eeraniiru.

Obbo Yitibaarak Taaddasaa qaroo dhabeesssa yoo ta’u, Magaalaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii, Aanaa 9 jiraata. Obbo Yitibaarak miseensa Waldaa Leenjiifi Deebisanii Dhaabuu Qarodhabeeyyiifi Miidhamtoota Qaamaa Hundagaleessaa yoo ta’an, waldichi bara mootummaa Hayilasillaasee (bara 1951) kan hundeeffame ta’uufi yeroo ammaa miseensota 100 ol qabaachuu dubbatu.

Waldichi yeroo ammaa afata lafaa, qulqulleessituu, hartuu (buruushii lafaan qulqulleessan), saanduqa, sireefi omishaalee qulqullinaa biroo omishee gabaaf dhiyeessaa jira. Suuqii omishaaleesaanii itti gurguran kan qaban ta’uufi daldaltoonnis omishaaleesaanii irraa bitachaa waan jiraniif haalli gabaas gaariidha. Agarsiisniifi baazaariin qophaa’es omishaalee waldichaa caalaatti beeksisuufi walitti hidhamiinsa gabaa bal’aa uumuu keessatti gahee olaanaa qaba jechuun eeraniiru.

Waldichi utuu deeggarsa barbaachisu argatee kana caalaa omishuu danda’a kan jedhan Obbo Yitibaarak, gatiin galteewwan omishaaf isaan barbaachisanii daran ol ka’aa waan jiruuf mootummaan waldichaaf deeggarsa barbaachisu akka taasisuuf gaafataniiru.

Waldichi dargaggoota miidhamtoota qaamaa ta’anii bakkawwan gara garaatti kufaniifi kadhatanii jiraatan erga leenjisee booda mindeessuun of danda’anii akka jiraatan taasisaa jira. Waldichi miidhamtoota qaamaa hedduu waan hammateef gama mootummaatiin deeggarsi barbaachisu taasifamuufii akka qabus gaafataniiru.

Miseensonni waldichaa bakkawwa gara garaatii deddeebi’anii waan hojjetaniif sarvisii isaan barbaachisa. Kanaafuu atoobisiin magaalaa Finfinnee miseensota waldichaatiif waraqaa eenyummaa bilisaan ittiin socho’an utuu eyyamee gaariidha jedhu.

Leenjii fudhatanii dhaabbiidhaan waldicha keessaa hojjechaa jiraachuu kan himan Obbo Yitibaarak, yeroo ammaa galii argataniin maatiisaanii bulchaa jiru. “Hojjechuu nan danda’a jedhanii sammuu ofii amansiifnaan hojii kamuu hojjetanii of jiraachisuun ni danda’ama. Ani qarodhabeessa ta’us akkuma nama qaroo qabuutti geejibaan deddeebi’ee hojjedheen of jiraachisaa jira. Waanti guddaan nan danda’a, nan hojjedha jedhanii sammuu ofii amansiisuudha” jedhu.

Aadde Geexee Fiqree Waldaa Hojii Suphee “Insiraa” jedhamuun gurmaa’anii Finfinnee, kutaa magaalaa Gullallee, naannawa Embaasii Naayjeeriyaatti hojii supheerratti hirmaatanii hojjechaa jiru. Waldichi Waxabajjii 1 bara 2012 miseensota 270n kan hundaa’e yoo ta’u, yeroo ammaa miseensota 302 horachuun namoota 200f ammoo carraa hojii uumeera. Waliigalaan namootni 500 waldicha keessa hojjechaa jiru jechuun dubbatu.

Waldichi bu’aalee suphee hunda qulqullinaafi dizaayinii babbareedaan hojjetee gabaaf dhiyeessaa jiraachuus himanii, namoonni hedduunis supheerraa qodaawwan gara garaa ajajaan hojjechiifachaa jiru. Omishaalee waldichaa suuqii naannawaa hojiitii qabanitti gurguraafi baay’inaan daldaltootaaf dhiyeessaa jiraachuufi haalli gabaa gaarii ta’uu eeru.

Naannawa Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaattis suuqiin nuu kennameera kan jedhan Aadde Geexeen, waldaan waldaalee 15n bakka tokkotti fiduun hundaa’e kun yeroo ammaa supheerraa omishaalee gara garaa hojjetee gabaaf dhiyeessaa jira. Gurmaa’uun humna waliif ta’uudha jedhu.

Hojii suphee kana waggaa 20 oliif hojjechuun ittiin of jiraachisaa jiraachuu himanii, hojjettoonni waldichaa hedduun hojii supheerratti muuxannoo gahaa waan qabaniif leenjiis kennaa jiru. Ummannis omishaalee waldichi dhiyeessu baay’inaan bitee ittifayyadamuun akka isaan jajjabeessuuf gaafataniiru.

Agarsiifniifi baazaariin daldalaa akkasii qophaa’uun waldaaleen omishaaleesaanii akka beeksifataniifi walittihidhamiinsa gabaa akka uummatan taasisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himanii, namoonni meeshaalee biyya alaatii galan gatii guddaan bituurra omishaalee biyya keessaa gatii madaala’aan bituun waldaalee jajjabeessuu akka qabus dhaamaniiru.

Akka Aadde Geexeen jedhanitti, dur suphee dhahuun akka hojii tuffatamaatti ilaalama. Ilaalchi hojii tuffachuufi filachuu cabuu qaba. Qaanii guddaan hojii malee taa’anii waan nyaatanii bulaniif nama kadhachuudha. Gurmaa’anii hojjechuun guddina nama dhuunfaa, maatiifi biyyaa keessatti gahee guddaa qaba jedhu.

Obbo Diyaaqon Mulaatuu Bontaa Naannoo Itoophiyaa Kibbaa, Godina Gaardullaatti dhalatanii guddatan. Akka naannawaasaaniitti Moriingaan (Halakkoon) qoricha utuu hintaane nyaataaf gargaara. Hawaasni naannawichaa baala biqilaa Halakkoo affeelee nyaata. Mukti kun dhalootaa dhalootatti kan darbuufi waggoota dheeraaf kan tajaajiluufi muka dhaloota 11 lakkoofsiserraa fayyadamaa jiraachuu dubbatu.

Akka aadaa naannawa sanaatti dur namni biqilaa Halakkoo (Moriingaa) qe’eesaa keessaa hinqabne durba haasa’atee fuuchuu hindanda’u ture kan jedhan Obbo Diyaaqon, yoo abbaan ilmisaa fuudhaaf ga’ee qe’eesaa keessaa biqilaa Halakkoo hinqabaanne dargaggoon kun gara nama biqilaa kana qabuu dhaqee gosasaa jijjiiree fuudha.

Biqilaan kun waan hongee dandammatuuf hawaasa naannawichaa biratti akaakuu nyaataa beekamaadha. Nyaatni Halakkoo dubartiin deesse akka jabaattuufi harmishii sirritti aannan ba’u taasisa jechuun eeraniiru.

Omishni Halakkoo naannawicha qofatti akka nyaataatti tajaajiluun beekamaa ture yeroo ammaa gara godinaalee gara garaatti babal’achuun omishamaafi nyaatarra darbee akka qorichaatti tajaajila kennaa jiraachuu kan himan Obbo Diyaaqon, hiriyootasaanii biroo waliin bara 2006 waldaan gurmaa’uudhaan biqilaa Halakkoorraa saamunaafi vaaziliinii hojjechuun akkasumas baala, ijaafi hidda biqilaa kanaa gabaaf dhiyeessaa jiraachuu dubbatu.

Hawaasni naannawichaa kanaan dura ija biqilaa Halakkoo bishaan calaluuf, hiddasaa ammoo dhibee busaa ittisuuf ittifayyadamaa turuu himanii, yeroo ammaa ija biqilaa kanaarraa zayitii, karameellaafi saamunaan omishamaa jira. Biqilaan kun nyaataaf fayyaduurra darbee akka qorichaattis waan tajaajiluuf omishnisaa daran babal’achaa dhufeera. Hawaasni naannawichaas oyruufi qe’eesaatti omisha kana babal’isaa jira jechuun himu.

Agarsiisaafi baazaaricharrattis saamunaafi vaaziliinii ija biqilaa Halakkoorraa hojjetame akkasumas baala, hiddaafi ija biqilaa kanaa qabatanii dhiyaachuu himanii, omishaaleen kunneen nyaatarra darbanii fayyaa keenyaaf daran barbaachisaafi dhibeewwan gara garaa fayyisuuf kan gargaaran ta’uu ibsu.

Waldichi faayidaa biqilaan kun qabu hawaasa hubachiisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuus himanii, omishaaleen waldichi biqilaa Halakkoorraa hojjetee gabaaf dhiyeessaa jirus dhibeewwan adda addaatiif akka qorichaatti waan gargaaraniif fayyummaa namaaf daran barbaachisoodha. Agarsiifniifi baazaariin akkasii qophaa’uun faayidaa Moriingaan qabu hawaasni akka hubatu taasisuufi walitti hidhamiinsa gabaa uumuu keessatti gahee olaanaa qaba jechuunis dubbatu.

Moriingaan akka nyaata dabalataatti malee akka qorichaatti ilaalamuu hinqabu kan jedhan Obbo Diyaaqon, meeshaalee biqilaa kanarraa hojjetan kanneen akka saamunaafi vaaziliiniittis keemikaalota biroo kan hindaballe ta’uu himu.

Baala Moriingaa daakame akka baala shaayiitti danfisanii dhuguun, kan hindaakamne ammoo akka raafuutti affeelanii nyaachuun kan danda’amu yoo ta’u, ijisaa ammoo akka ocholooniitti falfalamee kan nyaatamu ykn daakamee bishaanitti makamee kan dhugamu ta’uu eeru.

Iji biqilaa kanaa raammoowwan garaa keessa jiran ajjeesuun akka qorichaatti kan tajaajilu ta’uus himanii, ija kana yeroo nyaatan oldeebisuufi teessisuu waan danda’uuf dhuganii manaa ba’uun, akkasumas daa’imman waggaa sagalii gadiifi haadholii ulfaaf kennuun hingorfamu jedhu. Kana jechuun ofeeggannoof malee miidhaa qaba jechuu akka hintaanes eeraniiru.

Vaaziliiniifi saamunaan ija biqilaa Halakkoorraa hojjetaman fangasii, foroforii, qaaqee, kintaarotii, madaa, finniisaaf akka qorichaatti ni tajaajilu jedhanii; fayyummaa gogaafi rifeensa mataaf daran kan barbaachisu ta’uus himaniiru.

Omisha moriingaa kana yeroo ammaa gara biyya alaattis erguun jalqabamuufi guddina dinagdee biyyaas utubaa jiraachuu beeksisaniiru. Kanaafuu omisha kana babal’isuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabu himu.

Walumaagalatti tattaaffii namoonni karaawwan adda addaatiin dinagdeedhaan of danda’anii jiruusaanii geggeessuuf taassisaa jiran daran dinqiifachaa, hanqinootaafi yaadota namoonni Bariisaa waliin turtii taasisan kaasaniif xiyyeeffannaan kennuun barbaachisaa ta’uu cimsinee ibsuu barbaadna.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 14 Bara 2017

Recommended For You