Mootummaan gocha Finxaaleyyii balaaleffachaa nageenya lammiileerratti cimsee hojjeta

Finfinnee: Mootummaan Naannoo Oromiyaa gocha gara jabinaa Finxaalessi Faannoo ummata Darraarratti raawwate cimsee balaaleffachaa nageenya lammiilee eegsisuurratti xiyyeeffannoo addaatiin akka hojjetu beeksise.

Haleellaa Finxaalessi Faannoo Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Darraatti lammiilee nagaarratti tibbanna raawwate ilaalchisanii Kamisa darbe miidiyaaleef wayita ibsa kennan akka jedhanitti, mootummaan naannichaa gocha gara jabinaa Finxaaleyyii Faannoo daangaa darbuun lammiilee nagaarratti fudhatan cimsee ni balaaleffata, nageenya lammiilee tiksuufi olaantummaa seeraa kabachiisuurratti mootummaa federaalaa waliin ta’uun tarkaanfii laalessaa fudhachaa jira.

Humni Finxaalessaa kun tuffii Sabootaafi Sablammootaa akkasumas jibba ummata Oromoof qabu mul’isuuf yeroowwan garagaraatti tarkaanfii gara jabinaa lammiilee nagaarratti fudhataa ture. Kanaan dura heeraafi daangaa cabsuun “Abjuu Matakkal kooti” jedhuun ummata Gumuzirratti gocha gara jabinaa raawwateera. “Ummatuma Amaaraa nan qabsaa’aaf” jedhurrattis akkasuma ummata naannicha keessa jiraatu ummata Aga’uurratti gocha gara jabinaa walfakkaatu raawwateera. Mootummaan Naannoo Oromiyaa gocha gara jabinaa Finxaaleyyii kana cimsee balaaleffata.

Haaluma walfakkaatuun humni shororkeessaa Shanees gocha gara jabinaafi rakkoo rogdaneessa ummata Oromoorratti raawwataa jira kan jedhan Obbo Hayiluun; humnootni  Finxaaleyyii kunneen afaanota garagaraa dubbatanis gochaafi galmisaanii tokko. Gocha suukanneessaa raawwachuun ummattoota gidduutti walshakkiifi walittibu’iinsa uumuun gooliidhaan biyya diiguudha jedhan.

Finxaalessi Afaan Oromoos ta’e Afaan Amaaraa dubbatu kaayyoonsa tokko waan ta’eef mootummaan naannichaa cimsee balaaleffachuu cinaatti qindoomina mootummaa federaalaatiin tarkaanfii laalessaa ni fudhata, ammas fudhataa jira jedhaniiru.

Shaneen qonnaan bulaa Oromoo qotachuufi aramachuu dhorkuun hiyyummaatti deebisuuf qaama cichee socho’uudha jedhanii; qabeenya saamaa, bu’uuraalee misoomaa mancaasaa, ummata ukkaamsaafi ajjeechaa gara jabina Finxaaleyyii Faannoodhaan walfakkaatu Oromoorratti raawwateera. Akka Oromoon meeshaa qabuun diina ofirraa hinqolanneef meeshaa harkaa saamaa turuus yaadachiisaniiru.

Kanaafuu mootummaan naannichaa akkuma gocha Finxaaleyyii Faannoo balaaleffatu gocha Shanees balaaleffachuu qofa osoo hintaane tarkaanfii olaantummaa seeraa eegale cimsee kan ittifufu ta’uu ibsanii; gochi Finxaaleyyii Faannoos ta’e Shaneen ummata kamuu waan bakka hinbuuneef ummatni Oromoofi Amaaraa obbolummaasaanii cimsanii ittifufuu akka qaban dhaamaniiru.

Hundaa ol murnoonni kunniin badii dalagaa jiranitti gaabbanii gara nagaatti yoo deebi’an balbala nagaaf baname akka hincufamneefi harka nagaaf diriirse akka hindachaafanne hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 14 Bara 2017

Recommended For You