Lammiilee walittifiduun tokkummaa sabdaneessummaa cimsuuf guyyaan sabootaa shoora olaanaa qaba

Finfinnee: Guyyaan Sabootaaf, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa lammiilee walitti dhiyeessuudhaan tokkummaa sabdaneessummaa biyyaalessaa cimsuuf shoora olaanaa akka qabu hirmaattotni paanaalii jalbultii ayyaanichaa marsaa 19ffaa sababeeffachuun qophaa’erratti hirmaatan ibsan. Paanaalicha Caffee Oromiyaafi Mana Marii Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetu qopheesse.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’adaa Abduramahaan paanaalicharratti akka dubbatanitti, Itoophiyaan biyya heddumminni tokkummaa walqixxummaarratti hundaa’e keessatti mirkanaa’eedha. Mootummaan biyya ummatashii fakkaatu ijaaruuf mootummaan xiyyeeffannoodhaan hojjechaa jira. Kanaafis, qoodni Sabootaa, Sablammootaafi Ummattootaa biyyattii murteessaadha.

Magaalaan Shaggariifi Finfinneen daangaa bulchiinsaa mataasaanii qabaatanis hawaasa qorqalbii walfakkaatu qabuudha. Fayyadamummaa ummatasaanii mirkaneessuuf waliin hojjechuu tokkummaa sabdaneessummaa cimsaa deemuun barbaachisaadha.

Afyaa’iin Mana Maree Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadir gamasaaniin kaayyoon kabaja guyyichaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota gidduutti tokkummaa sabdaneesummaan hundee akka gadfageeffatuu ta’uu ibsaniiru. Kana milkeessuufis bulchiinsa magaalaa Finfinneetti jalqaba baatii Onkoloolessaarraa eegalee taateewwan kutaalee hawaasa garagaraa hirmaachisan geggeeffamaa turaniiru.

Gaaffiilee misoomaafi dimokraasii taasifameefi bu’aa argame akkasumas qormata mudate bira darbuun sirna federaalizimii mirgaafi bu’aa ummattotaa mirkaneessu hundeessuun danda’ameera. Har’a ammoo walitti dhufeenyaa ummattoota gidduutti cimsuun tokkummaa sabdaneessa hundeen lafa qabsiisuuf kabajamuun guyyichaa gumaata olaanaa qaba jedhaniiru.

Jiraataa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Addis Katamaarraa kan hirmaatan Obbo Geetinnati Tashoomaa akka jedhanitti, tokkummaan Itoophiyummaan waan salphaa miti. Kaleessa tokkummaadhaan diina akkamitti injifataniifi birmadummaa biyyaa kabachiisan beekamaadha. Tokkummaa duraan ture kana tokkummaa sabdaneessummaan cimee akka ittifufuuf paanaaliin Saboota, Sablammootaafi Ummattootaa Caffee Oromiyaafi Finfinnee obbolummaafi waliin jireenya jiraattotaarratti hubannoo bal’aa waan uumuuf cimee ittifufuu qaba jedhaniiru.

Jiraataa magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Gafarsa Noonnoo, Aanaa Noonnoorraa kan hirmaatan Obbo Guutaa Dabalii gamasaaniin akka jedhanitti, guyyichi kabajamuun saboonni, sablammoonniifi ummattootni duudhaafi safuusaanii eeggatanii walhubatanii waliin akka jiraataniif gumaacha olaanaa qaba. Akkuma duudhaafi safuun eegameen abbootiin Gadaafi amantaa nageenya akka labsan taasisuun nageenyiifi tokkummaan biyyaa akka cimu waan taasisuuf cimee ittifufuu qaba. Hundumtuu bakka jirutti nageenyaasaaf gaheesaa ba’uu akka qabus dhaamaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 14 Bara 2017

Recommended For You