Itoophiyaan waltajjiwwan idiladdunyaarraa waggaatti galii doolaara biliyoona 10 maddisiisu dandeessi

Finfinnee: Qormaata hiyyummaa, ongee, waraanafi qaala’iinsi jireenyaa keessatti Itoophiyaan guddina dinagdee %8.1 galmeessuun milkaa’ina guddaadha.

Hidhaa Laga Abbayyaa sherfee addunyaa tokko malee gara xumuraatti fiduun misoomni koriidarii maallaqa biliyoonaan itti dhangalaasuun magaalaafi baadiyyaa faayee firaafis diinaafis milkaa’ina gaaffii uumuudha.

Qamadiin kaleessa siyaasni biyyattii gara fedhetti ittiin micciiraramaa ture waggoota muraasa keessatti alatti erguu danda’uun asoosama osoo hintaane dhugaa addunyaan ragaa ba’edha. Toora biyyoota guddatanii kanneen akka biyyoota garee ‘BRICS’tti makamuufis fudhatama argachaa jirti.

Tibbana waltajjiiwwan idiladdunyaa jajjabee keessummeessuun ko’oommataa turte, kanneen ganaa keessummeessitus qabdi. Nutis waltajjiiwwan kunneen kallattii bu’aa dinagdeen shoora hangamii akka qabanirratti hayyoota dinagdee haasofsiisneerra.

Hayyuu dinagdee idiladdunyaafi Gameessa muuxannoo dheeraa qaban Obbo Zamadeenah Nigaatuu akka jedhanitti, Itoophiyaan waltajjiwwan idiladdunyaa keessummeessuun waggaatti potenshaala doolaara Ameerikaa biliyoona 10 maddisiisuu qabdi.

Namootni waltajjiiwwan adeemsifamanirratti argaman abbaa qabeenya, tuuristii, namoota beekamoo dhiibbaa uumuu danda’aniifi bakka bu’oota dhaabbilee idiladdunyaa garagaraa ta’uu waan malaniif tikeetii xayyaaraarraa eegalee Itoophiyaaf kallattiin galii maddisiisu. Sochii gama invastimantiifi biyyattii beeksisuunis shoorri waltajjiiwwan akkasii gumaachan daran olaanaadha.

Magaalotni akka Dubaayi, Waashingitan Diisiifi Biraazilsifaa waltajjiiwwan idiladdunyaa, keessatti koonfiraansii tuuriizimii keessummeessuun magaalota waggaatti doolaara biliyoonaan lakkaa’ama maddisiisan ta’uu himanii; Itoophiyaan kan yeroo ammaa galii waltajjiiwwan adeemsisuun walqabatanii dhufanirraa waggaatti galii doolaara Ameerikaa biliyoona 3.5 argattu potenshaala jiru qixa sirriin fayyadamnaan waggaatti doolaaraa biliyoona 10 argachuu akka dandeessu eeraniiru.

Misoomni koriidarii fedeeraalaa hanga naannoleetti diriire yeroo turtii keessummootaa dabaluufis ta’e carraa invastimatii daawwachiisuuf gooda guddaa waan qabuuf qindoominaan hojjechuun murteessaadha. Hundaa ol, Daandiin Humna Qilleensaa Itoophiyaa kan maqaa gaarii qabuufi waggaatti imaltoota miliyoona 20 keessummeessuu danda’u addunyaa hawwachuurratti shoora guddaa qaba.

Itoophiyaan teessoo Gamtaa Afrikaafi dippiloomaatota idiladdunyaa ta’uun addunyaa hawwachuurratti akkasuma gumaata guddaa taphachuu danda’a. Giddugalli walga’ii idiladdunyaa (‘’convention center’) Itoophiyaan ijaaraa jirtus milkaa’ina yaadame kanaaf shoora mataasaa qaba.

Doktar Qosxeenxinoos Barihetesfaa gamasaaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan pirojektota guguddoo kanneen akka Koyishaa, Gorgoraa, Wanciifaa hojjechuunshee hawwatni tuuriizimii daran akka dabalu taasisu. Waltajjii idiladdunyaa qopheessuu qofa osoo hintaane jireenyaafuu lammiilee biyya alaa hedduu biratti filatamtudha.

Biyyootni Afrikaa hedduun lammiilee biyya alaatiif eeyyama mana ijaarrachuun kennuun waggaatti galii miliyoonaan lakkaa’amu akkuma argatan Itoophiyaanis kanarratti yaaduu qabdi. Dubaayi, Jeneviifi Gibxifaan biyyoota lammiilee biyya alaatiif eeyyama mana jireenyaa kennuun waggaatti galii hedduu argataa jiran keessaa isaan muraasa.

Paarkiin biyyaalessaa Cabaraa Curcuraafaa biyyoota Baha Giddugaleessaa kanneen akka Imireetii Gamtaa Arabaa, Sa’ud Arabiyaa, Qaataariifi kanneen biroo warra arba daawwachuu jaalatan biratti daran filatamaa waan ta’eef yoo hojiin beeksisaa bal’inaan hojjetame galii olaanaa maddisiisuu danda’u.

Kanas yoo danda’ame dhaabbilee tuuriizimii idiladdunyaa waliin hojjechuu yoo dadhabame ammoo karaa namoota miidiyaa hawaasaan dhiibbaa uumuu danda’anii beeksisuun barbaachisaadha.

Sochiin bakkewwan hawwata tuuriizimii seenaqabeeyyii ta’an Sagantaa Misooma Koriidarii keessatti hammachuu eegalame cimee ittifufu akka qabu yaadachiisanii; lammiileen biyya alaa gara biyya biraa dhaqanii maallaqa guddaadhaan hoteela buluu osoo taane bakkeewwan hawwata tuuriizimii dunkaana buufatanii maallaqa xiqqoon buluu buluu waan filataniif haala miseessuufiin akka barbaachisu dubbataniiru.

Yommuu biyyoota Afrikaa birootiin walbira qabamu gatiin hoteela Itoophiyaa guddaa ta’uu himanii; yaa’iinsa tuuriizimii dabaluuf bakkeewwan hawwata tuuriizimiitti hoteela mijatoo gatii madaalawaan dhiyeessuun murteessaadha. Hundaa ol, nageenyi magaalaa maadiyyaatti fooyyessuun yaa’iinsa tuuriizimii dabaluun galii guddaa argachuu waan ta’eef irratti yaaduun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 14 Bara 2017

Recommended For You