Itoophiyaan beela dhabamsiisuuf humna guddaa qabdi

Finfinnee: Itoophiyaan beela dhabamsiisuuf humna guddaa akka qabdu qorataan qonnaa Doktar Maandafroo Nugusee ibsan.

Qorataan Qonnaafi Daarektarri Olaanaan Ejensii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Federaalaa Doktar Maandafroon Beela dhabamsiisuuf sochii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi Itoophiyaadhaan taasifamaa jiru ilaalchisee torbee darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, Itoophiyaan biyya Ikolojiinshii qonnaaf mijataa ta’e, baddaa, badda dareefi gammmoojjiinshii midhaan akaakuuwwan garagaraa omishuuf mijatu qabdi.

Kanamalees, omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuun beela dhabamsiisuuf kan ishee gargaaru biyyattiin lageen bishaan meetir kuubii biliyoona 124, harawwan bishaan meetir kuubii biliyoona 70. Akkasumas bishaan lafa jalaa meetir kuubii biliyoona 30 qabdi.

Lafa hektaara miliyoona afurii ol ta’u kan jallisiidhaan misoomuu danda’u qabdu, waliigalaan lafa qonnaaf ta’u hektaara miliyoona 40 qabdi. Ummatashee keessaa dhibbantaa 70 kan ta’u humna omishuu danda’uudha.

Sirnoota darban keessa qixa hojjetamuu dhiisuurraan kan ka’e biyyattii keessatti lammiileen wabiin midhaan nyaataasaanii hin mirkaneeffanne hedduun jiraachuu himanii; yeroo ammaa imaammatnifi hojmaatotni wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf gargaaran hedduun bocamanii hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru.

Imaammatni Misooma Qonnaafi Baadiyyaa yeroo dhiyoo biyyattiin baastee ittifayyadamaa jirtu, Inisheetiviiwwan Ashaaraa Magaariisaa, Maaddii Guutuufi inisheetivootni akaakuu midhaanii 10 irratti hojjecchaa jirtus beela akka dhabamsiiftuuf kan ishee gargaaraniidha.

Beela dhabamsiisuuf hojiileen Itoophiyaan hojjechaa jirtu kunneen walitti ida’amee ji’a darbe keessa konfaransii beela dhabamsiisuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin hogganamu Finfinneetti qopheessuu dandeesseerti.

Maqaa biyyattii olkaasuuf, hirmaattota konfaransichaarraa galii argachuuf, hojiilee hojjechaa jirtu addunyaatti beeksisuufi qooda fudhattoota idil addunyaa biraa deeggarsa barbaachisu argachuuf konfaransichi Finfinneetti qophaa’uunsaa daraan kan gargaaruudha.

Akka ibsasaaniitti, qabeenya qabnu beeknee akkaataa hogganuun nuu maluun hogganuu dhabuun, teknolojiitti fayyadamuun omishuu dhabuun, aadaan hojii keenya hanqina qabaachuun, kutannoodhaan hojjechuu dhiisuun, qabeenya qabnutti seeraan fayyadamuu dadhabuun biyyattiin nyaataan akka of hindandeenye hudhaalee taasisaniidha.

Biyyi qabeenya uumamaatiin badhaate Itoophiyaan gargaaruuf malee gargaaramuf harkashee diriirsuu hinqabdu ture kan jedhan Doktar Maandafroon; imaammata babbareedoo bahan qabatamaadhaan hojiitti hiikuun, hojiilee misoomaa fakkeenyummaa qabn kanneen yeroo dhiyoo keessa jalqabaman, cimsuun, tokkummaadhaan hojii misoomaa hojjechuufi qonna ammayyeessuun hojjechuudhaan Itoophiyaan beela dhabamsiisuu qabdi jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 14 Bara 2017

Recommended For You