Gaambeellaatti qurxummiin toonii 945 omishameera

Finfinnee: Naannoon Gambeellaatti bara bajata 2017 kurmaana tokkoffaatti qurxummii toonii 1244 omishuuf karoorfatee toonii 945 kan omishe ta’uu Biiroon Qonna naannichaa beeksise.

Biirichatti Daarektarri Misooma Beeyladaafi Qurxummii Obbo Cheeng Gaatluwaak turtii Roobii darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, naannichi omisha qurxummiitiif kan ta’u potenshaala guddaa qaba. Naannichi Lageewwan waggaa guutuu yaa’an Afur, haroowwan gurgurguddaafi xixiqqaa, hidha bishaan adda addaafi lagni yeroo guute iddoowwan bishaan irra ciisu qaba.

Haaluma walfakkaatuun sanyiiwwan qurxummii akaakuuwwan 107 naannichatti argamu. Kanneen keessaa sanyiin 20 gabaa addunyaatirratti daraan kan barbaadamaniifi osoo qixa hojjetamuu maluun hojjetamee biyyaafis ta’ee hawaasa naannichaatif bu’aa guddaa buusuu kan danda’aniidha. Aanaalee naannichi qabu 14 keessaa Aanaalee 12 keessatti qurxummiin baay’inaan argama.

Potenshaala naannichi qabutti fayyadamuun humna guutuudhaan kan omishamu osoo ta’ee naannichatti waggaatti qurxummii toonii kuma15 hanga kuma 17tti omishuun nidanda’ama haa ta’u malee, hanga ammaatti waggaatti omishni omishamu toonii 3500 kan hin caalledha.

Hojiin horsiisa qurxummii naannichatti hojjetamu irra caalaatti karaa Aadaatiin kan hojjetamu ta’uu himanii; biirichi qooda fudhattoota waliin ta’uun hojidhabdoota kuma 10 ol waldaalee 90n ijaaree fayyadamaa taasisaa jira jedhaniiru.

Jalqabuu inisheetivii Maaddii Guutuutiin omishtummaan yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira jedhanii; bara 2014 iddoo ture waggaatti toonii 2340rraa gara toonii 5712tti ol guddisuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Bara bajatichaatti omishtummaa dabaluufis mandara qurxummii 65 ijaaruudhaaf kan karoorfame ta’uu himanii; mandaricha keessatti maatii 2240 hammachiisuun cuucii qurxummii kuma 158fi 750 dhiyeessuuf karoorfameeras jedhaniiru.

Dhaabbatni Qindeessa omisha qurxummii akka Afrikaatti guddaaa ta’e naannichatti ijaaramee xumuuramaa jirus bu’a qabeessummaa omisha qurxummiitiif faayidaan inni qabu olaanaa ta’uus daarektarri kun ibsaniiru.

Akka Obbo Cheengitti, inisheetivii Maaddii Guutuu galmaan gahuuf naannichi uumamaan haala mijataa hedduu qaba. Loon gaafa kuma 640, hoolaa kuma 229, re’ee kuma 268 qaba.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 14 Bara 2017

Recommended For You