Fooyyessi dinagdee mandhalee guddina dinagdee biyyaatiif maal gumaachaa jira?

Finfinnee: Guddina dinagdee biyya tokkootiif qabeenyawwan uumamaafi namtolchee akaakuuwwa garagaraa qabaachuu qofa osoo hintaane qabduuwwan seeraa mijatoo ta’an qabaachuun murteessaadha.

Mootummaan jijjiiramaa mul’ata baroota dheeraa dinagdee milkeessuuf Fooyyessa Dinagdee Mandhalee diriirsee hojjechaa jira. Kanarratti hundaa’uunis imaammanniwwan kallattiinis ta’e alkallattii dinagdee biyyaa waliin hidhata qaban walakkaansaanii kan fooyya’an yoo ta’u, walakkaansaaniimmoo yeroo jalqabaaf ba’aniiru.

Fooyyessicha keessatti sektaroota shaniif jechuunis, sektara qonnaa,  turizimii, indastirii, teknolojii qunnamtii odeeffannoofi seektara albuudaatiif xiyyeeffannoon addaa kennameera. Haala dinagdee addunyaafi potenshaala biyyaa kan hubate fooyyessichi imaammanni Dinagdee Gooroo akka ba’uuf sababa ta’eera.

Ministirri Karooraafi Misoomaa Doktar Fitsum Asaffaa marii imaammaticha ilaalchisee qophaa’erratti akka jedhanitti, mootummaan jijjiiramaa gara aangootti osoo hin dhufin dura  omisha waliigala biyya keessaa (‘GDP’) keessaa dhibbantaan 30.6 idaa ture, mootummaan jijjiiramaa garuu gara dhibbantaa 13.7tti xiqqeesseera.

Jijjiirrama booda mootummaan cehumsa caasaa dinagdee milkeessuuf hojiilee garagaraa raawwachuun waggoota jahan darbanitti idaan maallaqa doolaara biliyoona 4.9 yeroon kaffaltiisaa akka dheeratu taasiseera.

Jijiiramaan dura biyyattiin idaadhaan liqimfamtee turte, pirojektotni jalqabamanis yeroon hinxumuraman ture. Irracaalaan dhaabbilee misooma mootummaas idaa guguddaa ofirraa qabuuyyu.

Otoo bu’aqabeessummaansaanii hinxinxalamiin liqiiwwan biyyoota garagaraa dhalootarra tuulamaa turan. Liqiin fudhatamaa tures faayidaa maaliif akka ta’e iftoominaan hinbeekamu ture.

Mootummaa jijjiiramaa kana keessa hudhaaleen weerara koronaafi walittibu’iinsi biyya keessaa mudatanii turanis waliigalatti guddina biyya keessaa (‘GDP’) 7.2 galmeessisuun danda’ameera jedhanii, imaammanni dinagdee gooroo dinagdee biyyattii gara fuulduraatti kan tarkaanfachiisu ta’uu eeran.

Haaluma walfakkaatuun waggoota jahan darbanitti mootummaan jijjiiramaa idaa biyyaa doolaara biliyoona 10 kaffaluu himanii; liqii daldalaa (‘commercial ‘loan’) doolaara tokkollee akka hinliqeeffanneefi gara fuulduraattis liqii akkasii hinliqeeffatamu jedhan.

Sirnoonni waggoota 60 darbanitti turan hanqinoota garagaraa qabaatanis hanga humnisaanii eeyyameef dinagdee biyyaa guddisuuf hojjechaa turuu yaadachiisanii; Giddugaleessaan guddina dinaagdee %4.2 galmessisaniiru. Galiin lammiilees giddugaleessaan dhibbantaa 1.3n guddachaa ture jedhan.

Sirnootni darban lammiilee lubbuun jiraachisuurraa kan hafe guddina dinagdeetiif mul’ata baroota dheeraa hinqaban ture; mootummaan jijjiiramaa garuu mul’ata dinagdee egeree kan waggaa 50 ilaaluun hojjechaa jira jedhan.

Mootummaan jijjiiramaa rifoormii dinagdee mandhaleerratti hundaa’e diriirsuun, humna namaa gahoome uumuun, inarjiifi qonna ammayyeessuun, seektara dhuunfaa jajjabeessuun, sektaroota albuudaaf, turizimiif akkasumas dippilomaasii dinagdeefi dippilomaasii magariisaaf xiyyeeffannoo addaa  kennee hojjechaa jiraachuu ibsan.

Doktar Fitsum akka jedhanitti, biyyoonni hedduun kutannoodhaan hojjetanii waan misoomaniif Itoophiyaanis yommuu hojmaatawwan dinagdee haaraa jalqabdu wantootni lammiilee gatii kaffalchiisan waan jiraachuu malaniif egeree biyyaatiif jecha har’a kutannoodhaan hojjechuutu barbaachisa.

Ministirri Maallaqaa Obbo Ahmad Shidees gamasaanitiin akka jedhanitti, kaayyoo guddaan imaammata Dinagdee Gooroo sektara dinagdee ammayyeessuun guddina ittifufiinsa qabu dhugoomsuudha.

Imaammatichi sektaara dhuunfaa jajjabeessuuf, dinagdee keessatti gumaacha sektaroota hundaa dabaluuf, qusannaa guddisuuf, daldala alaa cimsuuf, invastimantii hawwachuuf kan gargaaru ta’uu himanii; erga hojiirra oolee ji’oota muraasa darbanitti dinagdee dadammaqsaa jiras jedhan.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Obbo Maammoo Mihiratuus faayidaan imaammata Dinagdee Gooroo haala amma keessa jirruun qofa osoo hintaane bu’aa dhaloota egereetiif argamsiisuun xiinxalamuu qaba jedhan.

Dinagdee tasgabbaa’aa uumuu barbaachisa jedhanii; kana milkeessuufis mootummaan imaammata maallaqaa fooyyessuu dabalatee hojiiwwan garagaraa hojjechaa jira jedhaniiru.

Miseensi boordii Kaampaanii Iisti Afrikaa Hooldiingi Obbo Fitsum Nugusee gamasaaniin fooyyessi dinagdee hundagaleessi daran barbaachisaadha jedhan. Ta’us wantoonni afur jechuunis; malaammaaltummaa, rakkoo bulchiinsa gaarii, hanqinoota bu’uuralee misoomaafi sharafa alaatitu dhaabbilee dhuunfaa qoraa jiran mootummaan furuu qaba jedhan.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 14 Bara 2017

Recommended For You