Finfinnee: Finfinneetti horsiisa beeyiladaa dabalatee qonni magaalaa bu’aawwan roga maraa argamsiisaa jiraachuu Hogganaan Giddugaleessa misooma beeyiladaa Bulchiinsa Magaalattii Doktar Tsaggaa Lammaa ibsan.
Doktar Tsaggaan ibsa torbee darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, eegalamuun sagantaa qonna magaalaa qaala’iinsa gatii maqsuu, carraa hojii uumuufi dhiyeessii dabaluufi aadaa hojii gabbisuu keessatti shoora olaanaa gumaachaa jira. Kanaan dura horsiisa beeyiladaa dabalatee hubannoon qonna magaalaa gadaanaa waan ta’eef horsiisni beeyiladaa daran balfamaa ture. Amma garuu hojii hubannoo uumuu cinatti faayidaan inni argamsiisaa jiru hunda biratti akka jaalatamu taasisaa jira.
Magaalaa Finfinneetti killee tokkoofi aannan liitira tokko bituun harkaqal’eeyyiif daran ulfaataa turuun taatee yeroo dhiyooti jedhanii; xiyyeeffannoo mootummaan qonna magaalaaf kenneen walqabatee bu’aalee beeyiladaa baay’inaafi qulqullinaan omishuuun gabaaf dhiyeessuurraa kan ka’e qaala’iinsa gatii gad buusuun akka danda’ame dubbataniiru.
Akka isaan jedhanitti, kanaan dura aannaan dabalatee bu’aalee beeyiladaa daandii fagoo geejibsiifamee Finfinnee galuun ummataaf dhiyaata ture. Ammaan tana hoji dhabdummaa hir’isuufis ta’e omishtummaa dabaluuf maatii lafa xiqqoo qabanirratti akkasumas dargaggoota gurmeessuun gara horsiisa beeyiladaatti waan seenameef Finfinneen dhiyeessii bu’aalee beeyiladaatiin of dandeesseetti. Magaalattiitti kan kana dura carraa hojiif dameen maanufaakchariingii filatamaa ture ammaan tana horsiisni beeyiladaa filmaata jiraattota magaalattii ta’uus ibsaniiru.
Utubaan qonna magaalaa horsiisa beeyiladaa ta’uus ibsanii; Finfinneen bakka dhiphinni lafaa jirutti lafa xiqqoorratti omishtummaa olaanaan argamuu danda’uu eeraniiru. Bu’aalee beeyiladaa qofa osoo hintaane balfi beeyiladootarraa argamusi xaa’oo omisha kuduraafi muduraaf kan oolu ta’uu dubbataniiru.
Finfinneen bu’aalee beeyiladaan of danda’uu qofa osoo hin taane naannolee biroofuu dhiyeessuuf potenshaala qabdi jedhanii; haa ta’u malee, rakkoon nyaata beeyiladaa hudhaa damichaa ta’uu qeeqaniiru. Mootummaan warshaalee nyaata beeyiladootaa qindeessan dhaabuuf karoora baase kutannoon dafee kan hojiitti hiiku taanaan dameen beeyiladaa qaala’iinsa gatii tasgabbeessuu bira darbee guddina dinagdee keessatti shoora gudda akka taphatu yaadachiisaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 14 Bara 2017