Fiigicha guddicha walitti dhufeenya ummataa cimse

Itoophiyaatti dorgommiin atileetiksii Fiigicha Guddicha jedhamuun beekamu Sadaasa 21 bara 1994 Finfinneetti hirmaattota kuma kudhaniin eegalame.

Mallattoo Itoophiyaa ta’aa dhufeera kan jedhamu dorgommiin kun, ummata addunyaa sanyii, korniyaafi bifaan osoo adda hinqoodiin addababa’ii tokkorratti hirmaachisuun jaalalliifi obbolummaan ilmaan namaa jidduutti maal akka fakkaatu muli’seera. Walittidhufeenya Itoophiyaanotaafi lammiilee biyya alaa cimsuuf ga’ee olaanaas taphachaa tureera. Keessumaa indastirii turizimii biyyaaf gumaacha taasisaa jira.

Baay’inni hirmaattonni dorgommichaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuun baranas Sadaasa 8 bara 2017 yeroo 24ffaaf adeemsifameera. Kan baranaa kanarrattis namoonni kumni 50 hirmaataniiru.

Waajjira Fiigicha Guddichaa Itoophiyaatti gaggeessituun hojii kutaa kominikeeshiniifi misooma gabaa, Durbee Hillinaa Nigusee gaazeexaa Bariisaatiif akka ibsitetti, fiigichi olaanaa kun akkuma maqaasaa yeroodhaa gara yerootti olaantummaa argachaa dhufeera. Sababa weerara Koviid- 19tiin yeroo tokko addaan cituurraa kan hafe rakkoo tokko malee yeroo 24f adeemsifameera.

Kaayyoon isaa dorgommii gaggeessuu qofa osoo hintaane dhaabbilee arjoomtota biyya keessaa dadammaqsuun ispoonsara akka godhan jajjabeessuun galii achirraa argamu dhaabbilee tola ooltootaaf qooduun hawaasa gargaaruuf ta’uu eertee, akkasumas dorgommii babal’isuun turistoota biyya alaa harkisuun galii argamsiisuu maddiitti, Itoophiyaan maal akka fakkaatu beeksisuuf ta’uu ibsiti.

Kana malees, dargaggoota dorgommii biyyoolessaarratti hirmaachuuf carraa hinarganneef carraa banuun muuxannoo akka argatan gochuu bira darbee badhaasuu ta’uufi muuxannoo argataniin hedduun isaanii dorgommii biyyaaleessaarratti hirmaachuun maqaa biyyaa waamsisaa akka jiran addeessiti.

Gama biraatiin lammiileen biyya alaa dorgommii kanarratti hirmaachuuf fageenyarraa dhufan, ummanni biyyattii dorgommicha naamusa gaariidhaan jalqabee xumurusaa baay’ee dinqisiifachuunsaanii kan nama boonsu ta’uu eerti.

Yeroo 22f fiigicha kanarratti hirmaachuusaanii kan himan Obbo Dabbabaa Lataa, kanaan dura maatii wajjin hirmaachaa turuufi yeroo dhihoodhaa as hiriyyootasaanii wajjiin ittifufuu kaasu.

“Fiigichi guddicha kanaaf ani maatiidha. Waggaa guutuu qophiisaaf Sanbataafi Dilbata dirreetti ba’en shaakala. Akkuma na agartu qaamnikoo guutuudha. Dhukkuboota addaddaarraa of eeguun kan danda’amu sochii ispoortii qaamaa taasisuudhani” jedhu.

Dur atileetii akka turte kan dubbattu ammoo Yimmanaashuu Girmaati. Yimmanaashuun fiigicha guddicha Itoophiyaa kanarratti yommuu hirmaattuu yeroo sadaffaa yoo ta’u, waggoota 10n dura yeroo lama hirmaattee turuufi yeroo ammaa Noorweey, magaalaa Osloo akka jiraattu dubbatti. Fiigicha kanarratti hirmaachuuf carraa kan argatte maatiishee gaafachuuf Itoophiyaa dhufusheetiin ta’uu ibsiti.

“Fiigichi kun bareedaadha. Ummata galaana fakkaatu kana arguu kiyyatti daran gammadeera. Caalaatti wanti nadinqisiisee misooma Finfinneeti. Magaalattiin babal’achuurra darbitee qulqullinniifi gamoowwan sadarkaasaanii eeggatanii ijaaraman baay’inaan arguu kootiin gammadeera. Magaalonni biyyoota guguddoos dorgommii atileetiksii qaxxaamura biyyaafi biskileetii kan qopheessan qilleensa qulqulluufi namatti tolurratti. Itoophiyaanis daandii akkanaarra jiraachuunshee hunda keenya kan gammachiisudha” jetti.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 14 Bara 2017

Recommended For You