- Marqaa daakuu kiiloo giraama 100rraa qophaa’eef dhadhaa kiiloo giraama saddeet
Asallaa: Guyyaa turiizimii akka naannoo Oromiyaatti sadaasa 11 hanga 13 bara 2017tti marsaa 20ffaaf magaalaa Asallaatti kabajameera.
Ayyaanicha sababeeffachuun daawwannaan paarkii bineensotaa Dilfaqaar, bakkeewwan seenaqabeessa garagaraafi nyaanniwwan aadaa godinichaa agarsiisaaf dhiyaataniiru.
Qabeenya uumamaa, nyaataafi dhugaatii aadaa Oromiyaan qabdu utubaa dinagdee biyyaa humneessuufi carraa hojii uumuuf shoora olaanaa kan gumaachan ta’uu Hoggantuun Biiroo Aadaafi Turiizimii Naannichaa dubbataniiru.
Hoggantuun biirichaa Aadde Jamiilaa Sinbiruu daawwannaa paarkii Dilfaqaariifi agarsiisa nyaata aadaa Asallaatti dhiyaaterratti haasa’aa taasisaniin qabeenyi uumamaafi nyaanni aadaa Oromoon qabu dinagdeetti jijjiiramuu qaba jedhan. Qabeenya uumamaafi aadaa qabnu seeraan kunuunsinee galiitti jijjiiruuf hojiin beeksisuufi daawwachiisuu hojjetamuu akka qabus himu.
Daawwannaa paarkiiwwaniifi iddoowwan hawwata tuuristiin ala dandeettiiwwan nyaata aadaa ummanni Oromoo qabu beeksisuun dinagdeetti jijjiiruun murteessaa ta’uu eeraniiru.
Godinni Arsii nyaata aadaa yeroo dheeraaf turuu danda’aniin kan beekamu ta’uus kaasanii, beeksisuun hojii cimee ittifufu ta’uu dubbataniiru. Bu’uuruma kanaan Godina Arsii, Magaalaa Asallaatti agarsiisniifi dhandhamni nyaata aadaa kan gaggeeffame yoo ta’u, aadaa kana qabeenyatti jijjiiruun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Aannaniifi booka unachaa cuukkoofi micciirraa mi’eeffachaa guyyaan turiizimii sadarkaa Oromiyaatti yeroo 20ffaaf kabajameera. Agarsiisaafi dhamdhamsiisa nyaata aadaa gaggeeffame keessaa marqaan daakuu kiiloogiraama 100rraa qophaa’e isa tokko. Marqaan kun daakuu qamadiifi garbuurraa kan qophaa’e yoo ta’u, dhadhaa kiiloogiraama saddeet mi’eessituusaaf ooleera.
Aadaa bareedaa hawwata tuuristii ta’e qabna. Agarsiisuufi jajuu qofti gahaa waan hintaaneef beeksisuun madda galiifi carraa hojiitti jijjiiruun barbaachisaadha jechuun dubbataniiru.
Bakkeewwan garagaraatti nyaanni aadaa Oromoo dinagdeetti jijjiiramaa jira jedhanii, ammas ciminaan irratti hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 14 Bara 2017