Finfinnee: Hojii misooma koriidarii Bishooftuutti hojjetamaa jiruun misoomichi kan uwwisuuf karoorfame kiilomeetira 80.8 marsaa lamaan hiramee hojjetamaa jiru keessaa kiiloomeetira 19.4 xumuramuurra kan jiruu fi daandii Asfaaltii kiiloo meetira 24.8 hojjetamaa jiru keessaa kan marsaa duraa kiiloo meetira 14 asfaaltiin hafamaa jiraachuu bulchiinsi magaalichaa ibse.
Kantiibaa Itti aantuu Magaalaa Bishooftuu kan ta’an Aadde Zaaraa Kadir ibsa torban darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, akka magaalichaatti iddoowwan misoomni koriidarii irratti hojjetamuu qaban 15 adda kan baafaman yoo ta’u, kanneen irratti osoo hojiitti hinseenamiin dura mariin hawaasaa taasifamee hubannoon uumameera. Hoggansi sadarkaan jirus saayitiiwwan misoomni kunneen irratti hojjetaman qoqqooddatee karaa ittigaafatamummaa qabuun hogganamaa jira.
Hojiin misooma koriidarii kun daandii asfaaltii, iddoowwan saayikilii, paarkiingii, magariisuu, daandii miilaa, mana fincaanii ummataafi kkf kan qabu ta’uu eeranii; misoomichaan daandiin asfaaltii kiiloomeetira 24.8 Magaalaa Bishooftuutii hanga Shaggar, daangaa Galaaniitti marsaawwan lamaan hojjechuuf karoorfamee hanga yoonaa lootiin tokkoffaa kiiloomeetira 14 ta’u sadarkaa gariirra jiraachuufi asfaaltiiin hafamuu eegaluu ibsu. Lootiin lammaffaas eegalamee itti adeemamaa jiraachuu kaasu.
Daandii miilaas akkasuma kiiloo meetira 80.8 hojjechuuf kan qabame yoo ta’u, hanga yoonaas daandiin miilaa kiiloomeetira 19.4 ta’u xumuramuufi adeemsarra kan jiru ta’uu, daandiin saayikiliis kiiloomeetira 80.8 hojjechuuf karoorfamee hojiinsaa eegaluu addeessu.
Paarkiingii konkolaataaf qophiin saayitii xumuramee hojiirra jiraachuu kan himan Aadde Zaaraan, kunis magaalaan Bishooftuu magaalaa giddugala turizimii waan ta’eef iddoowwan paarkiingiif oolan 27, bal’ina lafaa heektaara 25 ta’u adda baafamuufi garahojiitti seenamuu himu.
Akkasaan jedhanitti, hojiin biraa xiyyeeffannaadhaan hojjetame ammoo hojii magariisummaan walqabatu yoo ta’u, qarqara daandii bitaafi mirgaa dabalatee biqiltuuwwan akaakuuwwan garagaraa bosona ta’uu danda’an, abaaboowwan magaalaa miidhagsaniifi margi ganna darbee kaasee dhaabamaniiru. Kanaanis qarqara daandii bitaafi mirgaa heektara 20 ta’u hojjechuuf qabamee heektaara saddeet xumurameera.
Iddoo aara galfannaa misoomsuu, iddoowwan bashannanaa miidhagsuufi gidduu asfaaltii magariisa taasisuun walqabatee bal’inaan hojjetamaa jira. Akka waliigalaatti magarisummaadhaan lafa heektaara 63 ta’u hojjechuuf karoorfameera jedhan.
Misoomni koriidarii kun yommuu hojjetamus carraan hojiis bal’inaan kan uumame yoo ta’u, hanga yoonaatti dargaggoonni 520 carraan hojii argachuu kaasanii, hojichi bara 2016 eegalamuufi karoora baranaaf qabame guutummaatti hojiirra oolchuuf saffisaan hojjetamaa jiraachuus himaniiru.
“Hojii kanarraa nan hojjedha jedhanii karoorfannaan hojii kamuu hojjechuun akka danda’amuufi misoomni hawaasa hirmaachise bu’aqabeessa ta’uun hubatameera. Gama biqiltuu kunuunsuutiinis hawaasni abbummaadhaan akka kunuunsuuf ittigaafatamummaan kennamuufi kaka’umsi hawaasaa, hoggansaafi qaamoleen hojicharratti hirmaatanis kan dinqisifatamuudha” jedhu.
Misoomni koriidarii kun kutaa magaalaa 3’n, aanaalee 10 kan hammatu ta’uus Aadde Zahaaraan kaasanii, milkaa’ina hojichaatiifis deeggarsi hawaasaafi qaamolee dhimmamtootaa cimee akka ittifufu waamicha dhiheessu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 14 Bara 2017