“Galmeessi Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa imala dinagdee dijitaalaa Itoophiyaa milkeessuu keessatti gahee olaanaa qaba” -Obbo Yodaahee Arayaasillaasee

Finfinnee: Waraqaan Eenyummaa Biyyaalessaa erga addunyaarratti hojiirra ooluu jalqabee waggoota hedduu lakkoofsiseera. Itooniyaa, Filiippiinsiifi Hindi biyyoota addunyaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa hojiirra oolchuun sadarkaa duraarratti eeramaniidha.

Biyyoota Afrikaa keessaa ammoo kanneen akka Gaanaa, Ruwaandaa, Afrikaa Kibbaa erga Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa hojiirra oolchanii turaniiru. Itoophiyaan hojiirra oolmaa waraqaa eenyummaa kana turtee kan jalqabde ta’us jijjiirama guddaa galmeessisaa jirti.

Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa sirna waraqaa eenyummaa dijitaalaa guutummaa biyyattiitti hojiirra oolchuuf hojjechaa jira. Sagantichi ALA bara 2021 Waajjira Ministira Muummee Itoophiyaa jalatti hundaa’e. Galmeessi Waraqaa Eenyummaa Faayidaa guutummaa biyyattiitti adeemsifamaa kan jiru ta’us bal’inaan hojiirra oolaa kan jiru Finfinneetti.

Yeroo ammaa akka biyyaatti namoonni miliyoona 10 ol fayyadamtoota waraqaa eenyummaa Faayidaa ta’aniiru. Waggoota sadii keessatti lammiileen miliyoona 90 ta’an waraqaa eenyummaa kana akka argatan gochuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa beeksiseera.

Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa hojii galmeessa Waraqaa Eenyummaa Faaydaa milkeessuuf kanaan dura Ejensii Galmeessa Siviliifi Tajaajila Jiraattummaa Finfinnee waliin hojjechaa kan ture yoo ta’u, torban kana ammoo Biiroo Misooma Innoveeshiniifi Teknolojii Finfinnee, Inistiitiyuutii Artifiishaal Intalajansii Itoophiyaafi Bulchiinsi Saaphana Odeeffannoo waraqaa eenyummaa biyyaalessaafi waraqaa eenyummaa jiraattummaa dijitaalaa galmeessuurratti waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru.

Hojraawwachiisaan Sagantaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa Obbo Yodaahee Arayaasillaasee akka jedhanitti, waajjirichi galmeessa waraqaa eenyummaa kana milkeessuuf Ejensii Galmeessa Siiviliifi Tajaajila Jiraattummaa Finfinnee waliin hojjechaa jira. Galmeessi Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa hojmaatni qindaa’aan akka dabalu taasisuun imala dinagdee dijitaalaa (badhaadhinaa) milkeessuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Galmeessa waraqaa eenyummaa kana milkeessuuf dhaabbilee teknolojii gara garaa waliin hojjechaa jiraachuu himanii, waraqaan eenyummaa kun lammiileen tajaajila dhaabbileen mootummaafi dhuunfaa sadarkaa biyyaatti kennan karaa ‘Online’ haala si’ataa, haqaqabeessaafi malaamaltummaarraa bilisa ta’een akka argatan kan taasisuudha. Waajjirichi hawaasni faayidaa waraqaan eenyummaa kun qabu hubatee akka galmaa’uufis hojiin hubannoo hawaasaa gabbisuu bal’inaan raawwatamaa jiraachuu eeraniiru.

Daarektarri Ejensii Galmeessa Siiviliifi Tajaajila Jiraattummaa Finfinnee Obbo Yoonaas Alamaayyoo akka jedhanitti, ejensichi waggoota 81 kan lakkoofsise yoo ta’u, yeroo ammaa riifoormii taasisuudhaan tajaajilasaa teknolojiin deggaree kennaa jira. Ejansichi tajaajila teknolojiin deggaree kennaa jiru caalaatti milkeessuuf dhaabbilee teknolojii waliin hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Tarsiimoo Magaalaa Finfinnee ‘Smart City’ gochuuf qabamee hojiirra oolaa jiru milkeessuuf jiraattota magaalattii haala dijitaalaawaa ta’een galmeessuun barbaachisaa ta’uu himanii; ejensichi gara fuulduraatti teknolojii waraqaa eenyummaa harkatti baatanii deeman hambisuufi lammiileen tajaajila barbaadan karaa ‘online’ akka argatan taasisu dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Ejensichi galmeessa waraqaa eenyummaa dijitaalaa kan jiraattotaafi waraqaa eenyummaa biyyaalessaa  kana Sagantaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa waliin hojjechuu erga jalqabee ji’a tokkoofi walakkaa ta’uu himanii, waggoota lamaan ittaananis waliin kan hojjetan ta’uus eeraniiru.

Daarktara Olaantuun Bulchiinsa Saaphana Odeeffannoo Aadde Tigisti Amiid akka jedhanitti, Ejensiin Galmeessa Siiviliifi Tajaajila Jiraattummaa Finfinnee yeroo ammaa hojmaatasaa dijitaalessuuun waraqaa eenyummaa jiraattummaa dijitaalessaa jira. Bulchiinsi Saaphana Odeeffannoos hojii ejensichi raawwachaa jiru gama nageenyasaa mirkaneessuutiin kan diggeru ta’uus eeraniiru. Hojiin kun tarsiimoo ‘Itoophiyaa dijitaalaa 2025’ milkeessuu keessattis qooda guddaa kan qabu ta’uu himaniiru.

Daarektarri Inistiitiyuutii Artifiishaal Intalajansii Itoophiyaa Doktar Injiinar Warquu Gaachanaa akka jedhanitti, galmeessa waraqaa eenyummaa jiraatummaafi waraqaa eenyummaa biyyaalessaa siistamaan deggaramee akka biyyaatti adeemsifamaa jiru milkeessuuf deggarsa barbaachisu ni taasisa.

Natsaannat Taaddasaatiin

Sadaasa 9 bara 2017

 

Recommended For You