Waaliyaan har’a Koongoo Kinshaasaa wajjin taphata

Finfinnee: Waaggoota 67 kan lakkoofsise waancaan Konfedereeshina kubbaa miilaa Afrikaa ALA bara 2025 yeroo 35ffaaf Morookoo, magaalota adda addaatti adeemsifama jedhamee eegama.

Wal morkii kanaaf biyyoonni Afrikaa 48 ramaddii 12tti qoodamuudhaan tapha gulaallii ramaddiisaanii biyyoota adda addaa waliin taasifachaa jiru.

Ramaddii saddeettaffaa keessatti kan argamu Waaliyaanis tapha gulaalaa shanaffaa kanaaf dheengadda Koongoo Kinshaasaa seenuudhaan har’a taphata jedhameera. Tapha itti aanu ammoo sadaasa 14 bara 2024 akka taasifatu sagantaan Konfedereeshina kubbaa miilaa Afrikaa ni mul’isa.

Ramaddii kana keessatti kan argamtu Koongoo Kinshaasaan taphawwan arfan taasifatte hundattuu mo’achuudhaan qabxii 12n waancaa Afrikaaf darbunshee beekameera.

Giiniin qabxii jahaan lammaffaa,Taanzaaniyaan qabxii afuriin sadaffaa, Waaliyaan ammoo qabxii malee sadarkaa dhumaarratti argamti.

Waaliyaan taphawwan arfan kanaan dura adeemsifattetti galicha takka qofa kiyyoo keessa buusus galchoonni sagal itti galaniiru. Carraan inni ramaddii kanarraa lammaffaa ta’ee darbuuf qabu taphawwan hafanitti mo’achu qofa yoo ta’u Giiniifi Taanzaaniyaan ammoo taphawwan isaan hafan marattuu yoo mo’amanidha.

Kana ta’uu baannaan Waaliyaan yeroomaan waancaa ala ta’a.

Waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kanaaf biyyoonni 24 kan hirmaatan yoo ta’u hanga ammaatti Aljeeriyaan, Misir Angoolaan, Seenegaal, Burkiinaa Faasoo, Kaameeruun, Kootdivaar, Ikuwaatoriyaal Giiniifi Koongoon darbuusaanii mirkaneeffataniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017

Recommended For You