Fedhii biyyaalessaa milkeessuuf Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) Yaa’ii idilee 3ffaa bara hojii 4ffaa waggaa 6ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarratti qajeeltoo kennanii fudhachuu fala ta’uu ibsaniiru.
Ibsasaanii keessattis seenaa ulaa galaanaa qabaachuu qofa utuu hintaane ulaan galaanaa Itoophiyaaf waa hunda ta’uu hubachiisaniiru. Yaada kana irraa ka’uun Itoophiyaan ulaa galaanaa Zayilaa, Barbaraa Sumaalee Laandi, Jibuutii, gama Ertiraan Aduulisiiifi Asab argachuu qabdi.
Kanaafis, Itoophiyaan biyya guddoofi kuufama guddaa qabdu ta’uu akka sababaatti kaasaniiru. Akkuma hidha laga Abbayyaa waliin dubbachuun furuun danda’ame dhimma ulaa galaanaarrattis irradeebi’uun badhaadhina hundaa hammataa mirkaneessuun nidanda’ama. Mootummaansaanii misooma waloof wantota barbaachisan hundaa biyyoota hojjetan waliin miseensa ta’uudhaan aantummaa gartokkoo utuu hinqabaatiin fedhiin ulaa galaana Itoophiyaa galmaan ga’uuf akka hojjetus eeraniiru.
Walittidhufeenya hawaasaa biyyoota ollaafi amalli dippilomaasii Itoophiyaan qabdu qajeeltoo nagaafi kennanii fudhachuun dabaalamee fedhii ulaa galaanaa milkeesuun akka danda’amus hayyootni ni ibsu.
Xiinxalaan siyaasaa biyyoota giddugala bahaa Obbo Muusaa Shakkoo haasaa Ministira Muummee bu’uura godhachuun akka jedhanitti, qajeeltoo nagaafi kennanii fudhachuun amala dippilomaasii Itoophiyaa duraanii cimsuun fedhii biyyaalessaa guutuuf gumaacha olaanaa qaba.
Gaafa dhimmi ulaa galaanaa ka’u biyyootni faallaa bu’aa Itoophiyaa jira akka waan Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa reef gaafateetti miidiyaan dhiyeessu. Garuu dhugaan jiru kana miti. Itoophiyaan ulaa galaana qabaachuudhaan waggoota dhibbootaan lakkoofsifteetti. Keessumaa ulaa galaana diimaa biyyoota idiladdunyaa bebbeekamoo waliin fayyadamaa turuu eeranii; jiijjirama siyaasaa Itoophiyaa keessatti dhufeen ulaa galaanaa akka dhabdu ta’eera jedhu.
Ta’us Itoophiyaan biyya guddoofi baay’ina ummataa baay’ee qabdu ta’uu isheefi seerotni ulaa galaanaa idiladdunyaa akka argattu taasisa. Erga akka biyyaatti hundooftee asis biyyoota ollaa waliin rakkoo jiru karaa nagaa furuun muuxannoo bara dheeraa qabdi. Har’as taanaan karaa nagaa rakkoo jiru furuun ulaa galaanaa qofarratti utuu hintaane pirojektota guguddoo biroorratti dippilomaasii isheen beekamaa jirti.
Lammaffaan faayidaa biyyaalessaa qajeeltoo kennanii fudhachuun qolachuun amala dippilomaasii Itoophiyaa ta’uu eeranii; haasaan Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad dhageessissanis amala dippilomaasii Itoophiyaan duraan qabdu kan cimsuudha jedhu.
Baay’ina ummataa miliyoona 120tti dhiyaatu qabaachuun walqabatee ulaa galaanaa naannawa biyyoota Itoophiyaa jiran keessaa tokko qofa argachuun biyya tokko qofa waliin jiraachuun ga’aa miti. Biyyoota ollaa hunda waliin walittidhufeenyi barbaachisaa ta’uu eeranii; walitti dhufeenyi biyya tokko waliinis ta’e hunda waliin dhimmi ulaa galaanaa dhimma jiraachuufi jiraachuu dhiisuu waan ta’eef dhimma murteessaadha jedhu.
Kanaafis, waliigalteen Itoophiyaan Sumaalee Laandi waliin mallatteessite mul’istuu dippilomaasii Itoophiyaa daandii nagaan eegalameedha. Sumaalee Laandi akka biyyatti adda baateee erga dhaabattee waggoota 33 lakkoofsifteetti. Akka biyyaatti ittifufuuf Itoophiyaarraa beekamtii waan barbaadduuf Itoophiyaan mallatteessiteetti.
Mallattoon Itoophiyaafi Sumaalee Laandi gidduutti mallattaa’e qajeeltoo kennanii fudhachuu keessumaa dhaabbilee daldalaa gurguddoo dhibbantaa murtaa’ee kennuufi Sumaalee Laandiif beekamtii biyyummaa kennuun eda’amee nagaa kan bu’uureffateedha. Biyyoota ollaa Itoophiyaa biroo waliinis haaluma kanaan ittifufuun carraa ulaa galaanaa argachuu Itoophiyaa bal’isa.
Adeemsa kana keessatii qajeeltoo “Kennanii fudhachuu” ija siyaasan gama lamaaniin karaa nagaatiin waliigalanii raawwachuudha. Dhimmi nageenyaa ulaa galaanaa qofaaf osoo hintaane waantota hunda faana waan walqabatuuf nageenyaafi aadaan kennanii fudhachuu biyyoota gidduutti cimsuun fedhii biyyalessaa milkeessa.
Yunivarsitii Dirree Dhawaatti hayyuun Seerafi Misooma Nageenyaa Dokrat Roobaa Pheexiroosis dhimmi ulaa galaanaa Itoophiyaaf dhimma siyaasaa utuu hintaanee dhimma hawaasumaati. Itoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa biyya qabeenyaafi baay’ina ummataa guddaa qabaachuudhaan aadaafi amantaan biyyoota ollaa waliin walkeessa faca’anii waan jiraataniif rakoon Itoophiyaa biyyoota ollaa waan hanqatu miti.
Lageen daangaa Itoophiyaa qaxxaamuranii biyyoota ollaatti yaa’an hordofee walitti dhufeenyi Itoophiyaan biyyoota ollaa ishee waliin qabdu uumamaan kan walitti hidhameedha. Kanaaf, qajeeltoon nagaafi “kennanii fudhachuu” Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsan kanuma waan ta’eef cimsuun fedhii ulaa galaanaa milkeessuuf shoora olaana qaba. Walittidhufeenya biyyoota ollaa jabeessuun nageenya mirkaneessa jedhu.
Gammachuu kadiriin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017