Adaamaa: Miidhaan dubartootaafi daa’immanirra ga’u yeroodhaa gara yerootti bifa jijjiirratee dabalaa jiraachuu Biiroon Dhimma Dubartiifi Daa’imman Oromiyaa beeksise. Miidhaa kana hir’isuuf mariin paanaalii qooda fudhattoota waliin magaalaa Adaamaatti Kamisa darbe gaggeeffameera.
Hoggantuu ittaantuun biirichaa Aadde Samiiraa Faariis haasaa taasisaniin, miidhaa dubartootaafi daa’immanirra ga’u hir’isuuf mootummaan hojii bal’aa hojjetus miidhaan xiinsammuu aadaafi duudhaa hawaasaarraa maqee dubartootarra ga’aa jira. Miidhaa kana hir’isuuf qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuu qabu.
Akka isaan jedhanitti, akka biyyaattis ta’e Oromiyaatti sarbamuu mirga namoomaa dubartootaafi daa’immanii maqsuuf mootummaan imaammata, qajeelfamootaafi paakeejota garagaraa qopheessuun qaamolee qooda fudhattoota waliin ta’uudhaan hojii bal’aa hojjeteen fooyya’iinsi jiraatus rakkinicha hundeerraa furuun hindanda’amne.
Miidhaan qaqqabaa jiru duudhaafi amantaa hawaasaa kan cabse waan ta’eef abbootiin amantaafi abootiin Gadaa dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennuun ga’eesaanii akka ba’anis gaafataniiru.
Godina Shawaa Bahaatti Walittiqabaan Gumii Abbootii Gadaa, Abbaa Gadaa Rattaa Eboruu akka jedhanitti, qajeeltoo sirna Gadaatiin daa’immii tokko rifeensi illee garmalee hin aadamu. Yeroo ammaa garuu gochaafi ilaalcha duudhaa sirna Gadaa cabsutti raawwatamaa waan jiruuf abbootii Gadaa, haadholiin Siiqqeefi abbootiin amantaa dirqamasaanii ba’achuu qabu.
Gumii Dhaabbata Amantaa Oromiyaa irraa Ustaazi Jamaal Ahimad gamasaaniin, miidhaa dubartootaafi daa’immanirra ga’aa jiru maqsuuf dhimma yeroo dabalataa gaafatu miti. Rakkinichaaf xiyyeeffannoo kennuun har’umaa kaasee hojjechuun dirqama hundaati. Lakkoofsi bilbila tolaa miidhaa dubartootaafi daa’imarra ga’u ittiin saaxilamu jiraachuu qaba.
Waltajjicharratti, hiikkaa gaa’elaa, walittibu’iinsa daangaaf jecha haaloo daa’imarratti ba’uu, da’anii gatuu, miira aariin tarkaanfii fudhachuu, jaarsummaa dhimma daa’immaniirratti taa’amu, ragaa dhoksuufi hanqinoota gama miidiyaan jiran hudhaalee gaaga’ama dubartootaafi daa’immanii babal’isan keessaa akka fakkeenyaatti ka’eera.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017