Maalummaafi faayidaa Waraqaan Eenyummaa Biyyaalessaa qabu ilaachisuun gaafdeebii Sagantaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaatti, Ittigaafatamaa Kominikeeshiniifi Hariiroo Hawaasaa Obbo Abeenezar Fallaqaa waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiyeessineera.
Bariisaa: Itoophiyaatti hojiirra oolmaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa yoom jalqabe? Kenniinsi waraqaa eenyummaa kun yeroo ammaa sadarkaa akkamii irra jira?
Obbo Abeenezar: Waraqaan Eenyummaa Biyyaalessaa addunyaarratti erga hojiirra ooluu jalqabee waggoota hedduu lakkoofsiseera. Istooniyaa, Filiippiinsifi Hindiin biyyoota addunyaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa hojiirra oolchuun sadarkaa duraarratti beekamaniidha. Biyyoota Afrikaa keessaa kanneen akka Gaanaa, Ruwaandaa, Afrikaa Kibbaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa erga hojiirra oolchanii turaniiru. Itoophiyaan hojiirra oolmaa waraqaa eenyummaa kana turtee kan jalqabde ta’us jijjiirama guddaa galmeessisaa jirti. Kana hordofuudhaan Magaalaa Finfinnee Yaa’iin biyyoolessaa “Id For Africa” jedhu kan Caamsaa bara 2017 keessa adeemsifamu akka qopheessituuf filatamteetti.
Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa sirna waraqaa eenyummaa dijitaalaa guutummaa biyyattiitti hojiirra oolchuuf hojjechaa jira. Dhaabbanni saganticha hojiirra oolchu ALA bara 2021 Waajjira Ministira Muummee Itoophiyaa jalatti hundaa’e. Kaayyoo guddaan hundeeffama dhaabbatichaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa (Faaydaa) lammiilee Itoophiyaa eenyummaa seeraa qaban hundaaf kennuudha. Waraqaa Eenyummaa Faaydaa qaqqabamaa taasisuun lammiileen tajaajila si’ataafi haqa qabeessa akka argatan taasisa. Akkasumas lammiileen waraqaa eenyummaa dijitaalaa hunda hammataafi nageenyisaa amansiise qabaachuun jireenya fooyya’aa akka jiraatan taasisuuf gargaara.
Bariisaa: Waraqaan Eenyummaa Faaydaa waraqaa eenyummaa biroorraa maaltu adda isa taasisa?
Obbo Abeenezar: Sirnoonni Waraqaa Eenyummaa yeroo ammaa biyyattiitti hojiirra oolaa jiran faayidaa guguddaa lama qabu. Inni tokkoffaan waraqaa eenyummaa gandaa eenyummaa ibsu yoo ta’u, inni lammaffaan ammoo tajaajila kennuun walqabata. Waraqaan eenyummaa kanneen akka eyyama konkolaachisummaa, paaspoortiifi kanneen kana fakkaataniidha. Waraqaaleen eenyummaa kunneen dhimmoota qophaa’aniif qofaaf tajaajilu.
Waraqaan eenyummaa bu’uuraa kaayyoo akka Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa qabu biyyattii keessa hinturre. Waraqaa eenyummaa bu’uuraa jechuun eenyummaa nama tokkoo karaa adda ta’een agarsiisuu kan danda’uufi tajaajila mootummaafi dhuunfaa gosa hunda waraqaa eenyummaa tokkoon akka fayyadamnu kan taasisuudha. Waraqaan Eenyummaa Faaydaa lammiileen kutaa biyyattii kamiifi hawaasa kamiiyyuu tajaajila sadarkaa biyyaatti kennamu haala hunda hammateen salphaatti akka argatan kan taasisuudha. Waraqaan eenyummaa kun lammiilee biyya keessa jiraniif qofa utuu hintaane, lammiilee sababa eyyama jireenyaan, eyyama hojiifi barnootaafi dhimmoota biroon biyya alaa jiranis fayyadamoo ni taasisa. Waraqaan eenyummaa kun lammiilee biyya alaafi godaantota biyyattii keessa jiraniifis ni kennama.
Waraqaa Eenyummaa Faaydaa waanti adda taasisu inni biraan odeeffannoo inni waa’ee abbaa waraqaa eenyummaa sanaa qabateedha. Kana jechuun teknoloojii baayoomeetirii fayyadamuun eenyummaa bu’uuraa nama tokkoo haala adda ta’een guutummaatti adda baasuu karaa danda’amuun galmeessee kaa’a. Namni dhuunfaa tokko Waraqaa Eenyummaa Faaydaa fudhachuuf yeroo dhiyaatu akka durii odeeffannoo inni kennu qofarratti kan hundaa’u miti. Inumaayyuu odeeffannoowwan teknoloojii fayyadamuun eenyummaa namichaa mirkaneessuuf gargaaran hedduu of keessatti qabata. Namni Waraqaa Eenyummaa Faaydaa fudhachuuf yeroo dhufu odeeffannoo kennuun alatti ashaaraa quba kudhanii, ijaafi fuulaa ni kenna.
Lakkoofsa Faaydaa kan jennu waraqaa eenyummaa dijitaalaa yoo ta’u, teknolojii fayyadamuudhaan odeeffannoo baayoomeetiriifi dimograafii jiraattotaa safarame walittiqabuun sagantaa “Namni tokko nama tokko” jedhuun sirna odeeffannoo nama tokkoo haala adda ta’een adda baasuu danda’uudha. Lakkoofsi Faaydaa lakkoofsa eenyummaa addaa dijitii kudha lamaa jiraattota ulaagaa Sagantaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa kaa’e guutaniif kennamuudha.
Waliigalatti Waraqaan Eenyummaa Faaydaa gosa waraqaa eenyummaa bu’uuraa yoo ta’u, namni tokko haala adda ta’een akka beekamu kan taasisuudha. Jiraattonni lakkoofsa Faaydaa (Waraqaa Eenyummaa Dijitaalaa) qaban biyyattii keessatti eenyummaasaanii mirkaneessuun tajaajiloota kennaman akka argatan kan taasisuudha. Waraqaan Eenyummaa Faaydaa mirgoota namoomaa bu’uuraa mirkaneessuufi qaqqabummaa tajaajilaa fooyyessuuf gargaara. Kaayyoon Waraqaan Eenyummaa Faaydaa inni xumuraa tajaajiloota dhaabbileen dhuunfaafi mootummaa kennan qaqqabamaa taasisuudha.
Bariisaa: Lammiileen Waraqaa Eenyummaa Faaydaa argachuuf ulaagaalee maalii guutuu qabu?
Obbo Abeenezar: Galmeen bilisaan yoo ta’u, aanaaleefi kutaalee Magaalaa Finfinnee akkasumas baankota hundatti adeemsifamaa jira. Tokkoon tokkoon namaa odeeffannoo seeraan adda isa baasu hunda dhiyeessuu danda’a. Kanaafis ragaaleen soddomii sadii ol Waraqaa Eenyummaa Faaydaa galmeessuuf fayyadan adda bahaniiru. Namni ragaa tokkollee dhiyeessuu hindandeenye yoo jiraate, karaa namoota Waraqaa Eenyummaa Faaydaa qabanii dhiyaatee galmaa’uuf carraa qaba.
Namni tokko ragaalee barbaachisan kennee erga galmaa’ee booda koodii ykn lakkoofsa faaydaa dijitii kudha lama qabu karaa mobaayilii harkasaa akka ga’u ta’a. Lakkoofsi ykn koodiin dijitii kudha lamaa kun hanga namichi lubbuun jirutti kan inni ittiin beekamuufi kan hinjijjiiramneedha. Lakkoofsi kun akkuma waraqaawwan eenyummaa biroo dhaabbilee adda addaa waliin siistamaan kan walitti hidhamu waan ta’eef, tokkoon tokkoon nama dhuunfaa karaa lakkoofsa dijitii kudha lamaa sana dhaabbilee mootummaas ta’e dhuunfaa irraa tajaajila barbaadu argachuu danda’a. Namoota waraqaa eenyummaa maxxanfame barbaadaniif kaardii maxxanfamee kaardiin maxxanfamee akka isaan ga’u ta’aa jira.
Yeroo ammaa kana hojiin waraqaa eenyummaa dijitaalaa (Faaydaa )dhaabbilee adda addaa waliin walqabsiisuu hojjetamaa jira. Kanneen keessaa hojiiwwan baankota waliin jalqabaman dursanii kaasuun ni danda’ama. Baankonni yeroo ammaa namoonni dabtara herrega baankii haaraa baafatan waraqaa eenyummaa Faaydaa akka baafatan taasisaa jiru. Abbaan Taayitaa galiiwwaniis aanaaleerraa kaasee Lakkoofsa Eenyummaa Kaffalaa Gibiraa “Lakkoofsa TIN” kennuuf waraqaa eenyummaa dijitaalaa akka baafatan taasisaa jira. Waraqaan Eenyummaa Dijitaalaa kun baqattoota biyyoota adda addaa irraa gara Itoophiyaatti deebi’aniif kennamaa jira.
Bariisaa: Yeroo ammaa hojiirra oolmaafi qaqqabamummaan Waraqaa Eenyummaa Faaydaa sadarkaa akkamiirratti argama?
Obbo Abeenezar: Galmeessi Waraqaa Eenyummaa Faaydaa (Dijitaalaa) guutummaa biyyattiitti kan eegalame ta’us bal’inaan hojiirra oolaa kan jiru Finfinneetti. Yeroo ammaa akka biyyaatti namoonni miliyoona 10 ta’an fayyadamtoota waraqaa eenyummaa Faaydaa ta’aniiru. Waggoota sadii keessatti lammiileen miliyoona 90 ta’an waraqaa eenyummaa kana akka argatan taasisuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa hojjettootasaa hunda hanga sadarkaa aanaafi gandaatti gad buusee karooricha milkeessuu waan hindandeenyeef dhaabbilee gara garaa kanneen akka baankotaafi Itiyoo Teelekoom waliin qindoominaan hojjechaa jira. Baankonni dameelee kuma saddeetii ol waan qabaniif waraqaa eenyummaa Faaydaa qaqqabamaa taasisuu keessatti gahee olaanaa qabu.
Biiroon Galiiwwaniis galmeessa waraqaa eenyummaa dijitaalaa kana raawwachaa kan jiru yoo ta’u, Ejensiin Tajaajila Galmeessa Siiviliifi Jiraattummaa sadarkaa federaalaa qofatti utuu hintaane naannoleettis akka galmeessaniif sochii taasisaa jira. Sochiin kun gara fuulduraatti damee sektaroota geejjibaa, fayyaafi kanneen biroo waliin cimee kan ittifufu ta’a. Sektaroota kunneen waliin hojjechuun karoora waggaa sadii keessatti lammiilee miliyoona 90 fayyadamoo Waraqaa Eenyummaa Faaydaa gochuu akka biyyaatti qabame milkeessuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Bariisaa: Waraqaan Eenyummaa Faaydaa waraqaalee eenyummaa biroorra faayidaa addaa maalii qaba?
Obbo Abeenezar: Waraqaan Eenyummaa Faaydaa waraqaalee eenyummaa biroorra faayidaa addaa qaba. Waraqaaleen eenyummaa dhimma qophaa’aniif qofaaf tajaajilu. Fakkeenyaaf Waraqaan Eyyama Konkolaachisummaa konkolaataa konkolaachisuuf qofa kan tajaajilu yoo ta’u, paaspoortiin ammoo biyya tokkoo gara biyya biraatti socho’uuf gargaara. Waraqaan eenyummaa hojii ammoo dhimmoota hojiin walqabatan raawwachuuf qofa gargaara. Kana jechuun waraqaaleen eenyummaa kunneen tajaajiloota hundagaleessa kennuu hindanda’an.
Waraqaan Eenyummaa Faaydaa garuu waraqaalee eenyummaa biroo walitti hidhuudhaan akka waraqaa eenyummaa bu’uuraa tokkootti fudhatamuu danda’a. Waraqaan Eenyummaa Faaydaa dhaabbilee tajaajila kennan gara garaa waliin waan walitti hidhamuuf tajaajiloota hundagaleessa kennuu danda’a. Tokkoon tokkoon dhaabbata tajaajila kennuufis saaphanni odeeffannoo giddugaleessaafi nageenyisaa amansiise akka uumamu taasisa. Waraqaan Eenyummaa Faaydaa gocha seeraan alummaa waraqaa eenyummaa, eenyummaa gara garaa agarsiisuun raawwatamus ni dhabamsiisa.
Waraqaan Eenyummaa Faaydaa odeeffannoowwan dhaabbilee gara garaa akka wal dubbisan taasisuuf akkasumas qisaasama qabeenyaa hir’isuuf, odeeffannoo sobaafi yakkoota dhabamsiisuuf gargaara. Waraqaan Eenyummaa Faaydaa namni tokko waraqaa eenyummaa tokkoo ol ykn waraqaa eenyummaa sobaa baafatee nama biraa ta’ee akka hindhiyaanne taasisuun yakka ittisuu keessattis gahee olaanaa qaba. Waraqaa eenyummaa kanaan namni kamiyyuu eenyummaa gara garaan dhiyaachuu hindanda’u.
Bariisaa: Deebii lammiileen Waraqaa Eenyummaa Faaydaaf kennaa jiran maal fakkaata?
Obbo Abeenezar: Akka waliigalaatti hawaasni Waraqaa Eenyummaa Faaydaa kana fudhateera. Waraqaan eenyummaa kun jiraattota magaalaa qofa biratti utuu hintaane jiraattota baadiyyaafi baqattoota birattis fudhatamummaa argateera. Yeroo ammaa ummata Itoophiyaa keessaa %40 kan ta’u waraqaa eenyummaa sirrii hinqabu. Waraqaan Eenyummaa Faaydaa kun lammiileen hundi waraqaa eenyummaa seera qabeessaafi haqa qabeessa akka qabaataniifi tajaajila hunda galeessa akka argatan taasisa. Bakkaa bakkatti garaa garummaa qabaatus hojiin Waraqaa Eenyummaa Faaydaa kennuu guutummaa biyyattiitti hojiirra oolaa jira.
Bariisaa: Waraqaa Eenyummaa Faaydaa hojiirra oolchuun yakka ittisuufi dinagdee biyyaa guddisuu keessatti gahee akkamii qaba?
Obbo Abeenezar: Hojiirra oolmaan Waraqaa Eenyummaa Faaydaa keessumaa dinagdee biyyaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Waraqaa Eenyummaa Faaydaa yakkoota waraqaa eenyummaa lamaafi isaa ol ykn waraqaa eenyummaa sobaa baafachuun raawwatamaa turanis ni hambisa. Waraqaan eenyummaa kun lammiileen biyyattii hindi tajaajiloota bu’uuraa salphaatti akka argatan taasisa. Lammiileen biyyattii hedduun waraqaa eenyummaa waan hinqabneef dabtara herrega baankii banachuu, siim kaardii baafachuufi tajaajiloota biroo argachuurraa fagaachuun sirna dinagdee idileetti utuu hinmakamiin jiru. Waraqaan Eenyummaa Faaydaa rakkoolee kunneen furuun lammiileen hundi tajaajiloota bu’uuraa akka argataniifi dinagdee biyyaa guddisuu keessatti akka qooda fudhatan taasisuuf gargaara. Daddabarsa qarshii seeraan alaa to’achuufis ni gargaara.
Walumaagalatti namni Waraqaa Eenyummaa Faaydaa qabu kutaalee biyyattii keessa bilisummaan socho’uufi tajaajiloota dhaabbileen mootummaafi dhuunfaa kennan haala si’ataa ta’een akka argatu waan taasisuuf lammiileen buufataalee naannawaasaanii waraqaa eenyummaa kana galmeessan deemanii galmaa’uun waraqaa eenyummaa kana argachuutu irraa eegama.
Waraqaan eenyummaa kun yakka namoonni waraqaa eenyummaa lamaafi isaa ol baafachuun raawwatan ittisuu keessattis gahee olaanaa qaba.
Bariisaa: Turtii waliin taasifneef guddaa galatoomaa.
Obbo Abeenezar: Isinis carraa naaf kennitaniif galatoomaa.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017