Ji’oota sadan darbanitti namooti miliyoona 2.9 dhibee busaatiin qabaman

  • Saaphanni siree miliyoona 2.2 yoo raabsamu, dhiyeessii qorichaaf qarshii miliyoonni 8.6 baasii ta’eera

Finfinnee: Ji’oota sadan darbanitti namootni miliyoona 2.9 ta’an dhibee busaan qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksise. Baay’ina ummata biyyattii keessaa %69 bakka tatamsa’ina dhibee busaatiif mijataa ta’e keessa akka jiraatu ibsameera.

Ministeera Fayyaatti hogganaan sabqunnamtiifi kominikeeshinii fayyaa Doktar Taganee Raggaasaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, ji’oota sadan darbanitti namoota dhibee busaatiin shakkamanii sakatta’iinsi taasifame miliyoona 6.6 keessaa namootni miliyoona 2.9 dhibichaan qabamaniiru. Yeroo ammaa baay’eensaanii tajaajila wal’aansaa argatanii fayyaa jiru. Kaan ammoo yaalamaa jiru.

Akka ibsasaaniitti, dhibeen busaa waggaatti ganni ba’ee yeroo roobni addaan citu (Fulbaanaa-Muddee)fi tibba arfaasaa (Ebla, Caamsaafi Waxabajjii) dabalatee bakkawwan tokkotti kuufamuu bishaaniin walqabatee yeroo ittibabal’atuudha. Akka ragaan mul’isutti hanga ji’a Muddeetti akka dabalutu eegama.

Haala qabatamaa amma jiruun ji’oota sadan darbanitti akka guutummaa biyyaatti keessumaa aanaalee 222 bal’inaan ittimul’atetti hojii bal’aan hojjetamaa jira. Bal’ina lafaafi haala qilleensa biyyi keenya qabdu keessaa %75 walhormaata dhibee busaaf mijaawaa ta’e qabaachuu himanii; kana keessaa lakkoofsi ummataa %69 bakka tatamsa’ina dhibee busaaf mijataa ta’e kana keessa jiraatu jedhan.

Dhibeen busaa yeroo omishni sassaabamutti waan babal’ataa deemuuf dhiibbaa akka hinqaqqabsiifneef mootummaan qaamolee deeggarsa kennaniifi dhimmichi ilaallatu waliin ta’uudhaan tajaajila waldhaansaafi ittisa dhibichaarratti xiyyeeffannaan hojjetaa jira jedhan.

Ji’oottan sadan darbanitti dhiyeessii qoricha waldhaansa dhibee busaatiif oolu qarshii miliyoona 8.6 ol ta’u akkasumas kiitii sakkatta’iinsaa qarshii miliyoona 6.5 olitti shallagamu dhiyeessuun danda’ameera. Ittisa dhibee kanaafis, iddoo bishaan ciise naannoon mana jireenyaa akka qulqullaa’u, namni mallattoon dhibee busaa irratti mul’ate dafee gara mana yaalaa akka deemu, saaphana siree faayidaa biraaf oolchuu dhiisuun sirriitti akka fayyadamaniif hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jira. Bara 2015 irraa eegalee saaphanni siree miliyoona 20 raabsamuus himanii; ji’oota sadan darbanitti saaphanni siree miliyoona 2.2 raabsameera. Manneen miliyoona 1.9tti keemikaalli farra bookee busaa biifameera jedhan.

Dhibee busaa to’achuuf qorichi dhibee busaafi raabsame bakka hinmalletti kuufamee argamuufi hawaasi saaphana siree faayidaa biraaf oolfachuun dhibee busaa ittisuuf akka rakkootti kaasaniiru. Daddarbiinsa dhibee busaaf sababni kuufama bishaanii waan ta’eef hawaasii ijaaramawwan adda addaatiin naannawasaa qulqulleessuufi saaphana siree sirnaan fayyadamuu, nama mallattoon dhibee busaa irratti mul’ate hatattamaan gara mana yaalaa akka deemu taasisuu barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017

Recommended For You