Seenaa hogbarruu Afaan Oromoo keessatti iddoo olaanaa qabu. Kitaabota 14 ol Afaan Oromoofi Afaan Ingiliziin kan barreessan yoo ta’u, keessumaa fayyadama jechoota Afaan Oromootiin dubbistootasaaniitiin dinqisiifannaa kan argataniidha. Afaan Ingiliffaas akka afaan dhalootaasaaniitti dubbachuufi ittiin barreessuu danda’u. Barreessaan abbaa ogummaa hedduutis; Doktar Asafaa Tafarraa Dibaabaa.
Waloo, Barreessaa, Qorataa Aadaafi Ogummaa Oromoo akkasumas, Barsiisaa Doktar Asafaa Tafarraa Dibaabaa, Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Jaarsootti maatii qonnaan bulaa keessatti dhalatanii guddatan. Barsiisummaafi barreessummaan kan umuriisaanii harka caalu itti dabarsanidha.
Keessumaa Oromoo hedduu biratti kan beekaman barreessuun yoo ta’u, waggooto 30n darbanitti kitaabilee kanneen akka Edas Edanas, Anaaniyaa, Danaa, Finfi akkasumas Kitaabilee Ingiliffaa “Theorizing the Present, Decorous Decorum, Ate-loon”fi kanneen biroo barreessaniiru. Kitaabonni Afaan Oromoo kunneenis guddina ogbarruu Oromoo keessatti waan guddaa gumaaniiru jechuun ni danda’ama.
Doktar Asafaan, ogbarruu Oromoo Afaan Oromoofi Ingiliiffaan gabbisanii baargamanaafi gamatti akka dubbifamu, dubbifamuun olitti akka jaalatamu, akka guddatuuf namoota ofii wareeganii gumaachan muraasa keessaa kan jalqabaa, tariimmoo hangafa jedhamanii nama ibsamuu danda’aniidha. Kitaabnisaanii Ingiliffaan haa barraa’u malee “aadaa Oromootti cuuphadheetani kanan barreessu” jedhu.
Gaaffii Oromoon mee maal qabatee addunyaatti gadi baha jedhu deebisuuf jecha Ingiliffaan akka barreessaniifi hariiroo namaafi uumamaa keessatti maaltu akka maleedha waan jedhu walaloo isaaniin akka xiinxalanis ni dubbatu.
Akka waliigalaatti, kitaaba kan barreessan dubbisuurraa akka ta’eefi keessumaa yeroo isaan baratan barreeffamoota afaan Oromootiin ala jiran kanneen akka kan Tsaggaayee Gabra Madihiin (Qawweessaa) dubbisaa turuu yaadatu. Kitaabota barreessitoota warra lixaatiin Ingiliffaan barreeffaman keessaas kan barreessitoota biyya Libaanoonfaa dubbisaa akka turan himu. Akkasumas aadaa keessatti guddatan, isa baadiyyaa loon tiksaa, qonnaafi wantoota addaddaa raawwachaa itti guddatan kan caqasan ta’uu kaasu.
Baay’ee dubbisuurraa kan ka’e gaaffiileen jiruufi jireenya ummataa keessoosaaniitti uumamaa dhufuu, waan ummataa ba’uu qabu, waan itti hir’atu caqasuurraa barreessuu akka eegalan kan himan barreessaan kun, gaaffii keessa namaatti uumamu kanaafis furmaanni maali isa jedhu barbaaduurraa gara barreessuutti xiyyeeffachuusaanii ibsu.
Doktar Asafaan waa’ee ummata Oromoo, siyaasa, rakkoolee hawaasa, dhimma afaanii, aadaa, eenyummaa, diddaa, qabsoo dargaggootaa, bilisummaa ummata Oromoofi kkf irratti hojiiwwan ogbarruu hedduu keessatti hayyuu ibsan yoo ta’an, walaloo, asoosamaafi barruu qorannoo hedduu barreessaniiru. Hanga ammaatti kitaabota 14, barreeffamoota qorannoo, barreeffamoota falmiifi qunnamtii gaggabaaboo hedduu maxxansiisaniiru.
Aadaan dubbisuu dhaloota ammaa daran dadhabaa ta’uu kan eeran hayyichi, kanaafis sababoonni ijoon miidiyaan hawaasummaa heddummachuufi ammayyummaan guddachuusaatiin yoo ta’u, silaa kunneen tumsuu malee laaffisuu hinqaban ture jedhu.
Biyyoota fayyadamni miidiyaa hawaasaa bal’inaan keessa jiru kanneen akka Ameerikaa jiraatanii kan argan Doktar Asafaan, achitti manneen kitaabaa hedduu jiraachuu, isa jiruttiyyuu dabalamee ijaaramaa jiraachuu himu. Maatiinis dhuma torbanii sanbattan irra daa’immansaa fudhatee mana kitaabaa akka deemu akkasumas cinaa bakka bashannanaatti manni kitaabaa jiraachuu taajjabuusaanii dubbatu.
Kana malees namni geejiba keessa taa’ee imalu walitti odeessaa osoo hintaane kitaaba dubbisaa akka deemu kaasanii, gara biyya kanaatti yommuu dhufamu garuu daran laafaa ta’uu himu. Isa kana furuuf furmaata barbaaduun dirqama ta’uufi dhaloonni hindubbisne, of hinbarbaadne, eessaa eessatti deemaa akka jiru hinqeeqne biyya dhaaluuf abdatamuu akka hindandeenyes ni eeru.
“Dhimmi kun barreessitoota qofa kan yaaddessu ta’uu hinqabu. Mootummaas yaaddessuu qaba. Qooda fudhattoota kanneen akka manneen barnootaa sadarkaa olaanaa kana xiyyeeffannaadhaan irratti hojjechuutu itti ture.
Akka hoteelli baay’ataa jiru manneen kitaabaa ummataallee baay’ataa deemuutu irra ture. Akkuma misooma koriidariirratti invasti godhamu manni kitaabaa sadarkaasaa eeggate kutaalee magaalaatti ijaaramuufi babal’ataa deemuu qaba ture. Namni aadaa dubbisuu horachuuf ammoo bakka taa’ee dubbisu qopheessuufin dirqama” jedhu.
Yoo kana ta’uu baate barreessitoonnis barreessuu, maxxansiisuufi raabsuuf humna dhabaa akka deeman kaasanii, maallaqni kitaabarraa sirnaan sassaabamee deebisanii hojii biraa hojjechuuf oolaa akka hinjirre ibsu. Haala kanaan aadaan dubbisuufi humni dubbisuullee walutubaa akka hindeemne ta’aa jiraachuu eeru.
Kitaabni Dilbata darbe Adaamaatti eebbifame Atis/ Anis jedhamu hojiileesaanii hanga yoonaa kan mataa walitti qabu ta’uu kan himan Doktar Asafaan, seenaan kitaabichaas kan ofiisaanii ykn Sanyabsa Seena Ofii (‘Ethnographic Auto Biography’) ta’uu ibsu. “Kanin barreesseefis namni bor waan ta’uu hinbeeku; rafee hafuutu jira, lafti namaa dhiitee bariitee bor arguun carraa waan ta’eef, bor ana ykn carrichatu hinjiru. Namni waa itti dabalee, sobee faayee barreessuurra anumti waanin ta’eefi waanin godhe, waanin yaadadhu iftoomaan ani barreessee dhalootaaf lafa kaa’ee darbe wayya.
Seenaakoo qofas miti. Aadaan galaana. Anis atis immoo qurxummiidha. Keessa daakna, yoo nyaatamne nyaatamna; yoo bane baana. Anis aadaa kana keessa waanin jiraadheef ummata kanarraa adda hinta’u jechuudha. Waan toleefis waan badeef anis atis gumaachineerra. Kanaaf seenaan kun seenaa kiyya qofa osoo hintaane keetis” jedhu.
Kitaabni kun boqonnaawwan shaniifi fuulawwan 511 kan qabu yoo ta’u, bara 2016 maxxanfamee gabaarra kan ooledha.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017