Guyyoota kurnan ittaananitti omisha ga’e sassaabuuf haalli qilleensaa mijataadha

Finfinnee: Guyyoottan kurnan ittaananitti omisha ga’e sassaabuuf haalli qilleensaa mijataan jiraachuu Inistitiyuutiin Meteworolojii Biyyaalessaa beksise. Hawaasi filannnoo qabu hunda fayyadamee omisha ga’e akka sassaabu Ministeerri Qonnaa ibseera.

Inistitiyuutii Meteworolojii Biyyaalessaatti Daarekterri Ittaanaan Raagaa, Akeekkachiisa Duraa, Gorsaafi Damee Qorannoo Doktar Asaamminoo Tashoomaa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, naannolee Tigiraayi, Affaar, Amaaraa, Oromiyaa Giddugalaafi Bahaa, Shawaa Lixaafi Itoophiyaa Giddugaleessatti guyyoota hedduuf haala qilleensa gogaafi aduu qabaatu. Bakkeewwan kunneenitti kutaa biyyaa waqtii makaraa ta’eef omisha ga’an sassaabuuf haala mijataa uuma waan ta’eef omishni ga’e sassaabamuu akka qabu ibsaniiru.

Torbee tokko booda garuu keessumaa naannoo Amaaraa naannawa Baahirdaar akkasumas naannoo Oromiyaatti uwwisni hurrii ni dabala. Kanaan walqabatee roobni salphaan uumamuu danda’a. Kanaaf bakkeewwan kunneenitti omishaalee ga’an dafanii sassaabuun barbaachisaadha.

Kutaaleen biyyattii bonni yeroo rooba isaanii ta’e naannoo Sumaalee Kibbaa, Zoonii Gujiifi Booranaa, naannolee Sidaamaafi Itoophiyaa Kibbaa rooba waggaatti biyyattiitti argamu %45 argatu. Garba Hindii Kibbaarraa qilleensi jiidhina qabu biyya keenya waan seenuuf guyyoottan kudhan ittaananitti kutaaleen biyyattii yeroon roobasaanii bona ta’e rooba salphaa hanga giddu galeessaatti argatu. Isaanis, Naannoo Sumaalee Kibbaa, Godina Gujiifi Booranaa, Godina Baalee bakka muraasa, Sidaamaa, Itoophiyaa Kibbaafi Kibba Lixaa bakka hedduu isaaniitti rooba argatu. Roobni isaan argatanis dhugaatiifi nyaata beeyiladaaf akkasuamas hojiilee misoomaa qonnaan bulaafi horsiisee bulaaf bu’aa guddaa qaba. Kutaalee biyyattii Kibbaafi Kibba Lixaatti omisha guddina isaanii hin xumurreef akkasumas biqiloota dhaabbataa ta’aniif roobi argamu bu’aa guddaa akka qabu ibsaniiru.

Haaluma walqabatuun Ministeerri Qonnaa torban ittaananitti kutaalee biyyattii rooba argatanitti omisha ga’e hawaasni filmaatawwan qabu hunda fayyadamuun sassaabuu akka qabu ibseera.

Ministeerichatti Raawachiisaa Hojii Olaanaan Misooma Omishaa Obbo Isaayyaas Lammaa akka ibsanitti, kutaalee biyyattii yeroo kanatti omisha sassaabanitti haalli roobaa ture omishaalee ga’an akka qamadii, xaafii, garbuu, boqqolloo, boloqqeefi kanneen kana fakaatan irraan miidhaa qaqqabu hir’suuf omisha ga’ee ariitiin sassaabamuu qabu.

Bara omishaa 2016/2017tti qonna gannaan hektaara miliyoona 12.06 0l sanyiidhaan uwwisuun callaa kuntaala miliyoona 436.3 ol sassaabuuf karoorfamee hojjetamaa jirachuu ibsaniiru. Kutaalee biyyattiitti yeroon roobasaanii bona ta’e omishaafi nyaata beeyladaasaaniif bishaan murteessaa ta’uu hubatanii copha bishaan argametti sirnaan fayyadamuun jallisii bonaaf oolchuu qabu jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017

Recommended For You