Fiigichi olaanaa (The Great Run) magaalota Ameerikaatti jalqabamus biyyoota Awuroppaa, Eeshiyaafi Ameerikaa Kibbaatti adeemsifamuu edda jalqabee oolee buleera. Waggoota muraasaa as ammoo Afrikaatti jalqabameera.
Fiigichi kun biyyoota Awuroppaa keessumattuu Ingilaand, Jarman, Xaaliyaanii, Eeshiyaatti ammoo Chaayinaafi Jaappaan, Ameerikaa Kibbaatti Biraazil, Arjentiinaafi Chiiliitti waggaa waggaadhaan akka adeemsifamu ragaaleen ni eeru. Afrikaattis waggoota muraasaa as biyya teenya Itoophiyaatti bara 1993 irraa kaasee adeemsifamaa jira.
Fiigicha olaanaa Itoophiyaa kana abbummaadhaan kan hundeesseefi gaggeessaa jiru gooticha olompikii, Mootii dorgommii tiraakii addunyaa Kumaalaa Atileet Hayilee Gabrasillaasee sagantaa baranaa ilaalchisuudhaan dheengadda Gaazeexaa Bariisaatiif akka ibsetti, fiigicha baranaa kanarratti atileetota beekamoo dabalatee namoonni kuma 50 kornaaya lameeniinuu ni hirmaatu jedheera.
Hirmaattoonnis saalaafi umriin, daangaafi sanyummaan, akkasumas amantaafi bifaan utuu addaan hinqodamiin waan irratti hirmaataniif ispoortiichi jaalatamaafi hirmaattota hedduus horachuu danda’eera jedhu.
Kaayyoon fiigicha kanaa ummanni dhukkuboota adda addaatiin dararamaa jiru sochii qaamaa akka taasisuufi kana maddiitti ispoortiin atileetiksii dargaggootaafi qaamolee sochii kanarratti hirmaatan biratti fudhatama argachuudhaan akka hordofamu taasisuuf kan akeeke ta’uu kaasa.
Ardii Afrikaa keessatti guddaa kan ta’e fiigichi olaanaa Itoophiyaa “The Great Ethiopian Run” biyya teenyatti yeroo 24ffaaf boru magaalaa Finfinneetti adeemsifama.
Baay’inni hirmaattotaa waggaadhaa gara waggaatti dabalamaa jira kan jedhu Atileet Hayileen kan baranaa kun yoomiyyuu caalaa hirmaattota kuma 50 ol akka keessummeessu ibseera.
Fiigicha baranaa kanarraatti biyyoota 21 irraa atileetonni 300 ol ta’an ni hirmaatu kan jedhu Atileet Hayileen, kilabootaafi dhunfaadhaan atileetonni beekamoo biyya keessaa 500 ta’an qooda fudhatu jedheera.
Dorgommii kanarratti atileetota mo’ataniifi badhaasni qarshii miliyoona 1fi kuma 300 qophaa’uus Atileet Hayileen ibsee, korniyaa lameeniinuu tokkoffaa bahuudhaan kan mo’atan tokkoon tokkoosaaniif badhaasni qarshiin kuma 250 akka arjoomamus kaaseera.
Fiigichi olaanaa Itoophiyaa kun jalqabamee waggaa waggaadhaan atileetonni addunyaarratti beekaman kanneen akka Pool-Tergaa, Haashim Elgureez, Paawulaa Raadi’kiliif, Gabreelaa Zaaboo, Viiviyaan Chewreet, Iliinaa Meeriifi Pirezedaantiin Waldaa federeeshina atileetiksii Addunyaa duri Laamiindiyaakiifi kkf dorgommicharratti argamuun jalqabsiisu.
Kan baranaa kana ammoo atileetii beekamtuu Keeniyaa tan maraatonii Chikaagoo barana adeemsifamerratti sa’aatii 2:09.56n mo’achuudhaan rikardii addnyaa harkatti galfatte Ruutti Cheepingeetchi dorgommicharratti argamuudhaan akka jalqabsiistu Kumalaa Haayileen ibseera.
Fiigicha olaanaa baranaa kana kanneen kanaan dura adeemsifamaniin adda kan taasisu waggaa 50ffaa Lafeen Luusii biyya keenya naannoo Affaaritti argamte waliin wal simachuusaa akka ta’es himeera.
Ka’umsiifi deebiin isaa addababa’ii Masqalaa kan ta’e fiigichi olaanaa Itoophiyaa kun kiiloo meetira kudhan akka uwwisus Atileet Hayileen dubbateera.
Hirmaattota kanneen keessaa Ambaasaaddaroonniifi hojjeettoonni imbaasota adda addaa, Qonsilaafi hojjeettoonni dhaabbilee biyyoolessaafi teessoon isaanii magaalaa finfinnee ta’an Kominiitiiwwan adda addaafi jiraattonni naannoo finfinneefi godinaaleen hirmaachuuf galmaa’usaaniis kumaalaa Hayileen yaadachiiseera.
Fiigichi olaanaa Itoophiyaa kun dorgommii maddiitti damee indastiriifi tuurizmii biyya kenyaa beeksisuun galii sharafa alaas akka argamsiisu ibseera.
Addunyaarratti fiigichi olaanaan guddaan kan Ameerikaatti ademsifamu yoo ta’u uummanni kuma 60 ni hirmaatu. Kan Itoophiyaa kun ammoo yeroodhaa gara yerootti fedhiin hirmaattotaa dabalaa waan dhufeef isaa ol ta’a jedhamee eegama.
Qophii fiigicha guddaa alanaaf taasifamaa jiru olanaa ta’uu kan kaase Kumaalaa Atileet Hayileen fiigichi olaanaa Itoophiyaa yeroo gabaabaa keessatti fiigicha olaanaa tokkoffaa addunyaa ta’uuf akka jirus yaadachiiseera.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017