Addunyaan fuulasaa gaarummaa gara Itoophiyaatti deebisaa jira

Itoophiyaan biyya beelaan akka fakkeenyaatti eeramtuufi waggoota muraasa rakkoo nageenyaatiin dura walqabatee dhagaan badiisaa itti guuramaa ture taatus osoo rakkoof hinjilbeenfatin jabaattee hojjechuusheen har’a seenaan jijjiiramee gara faara tolaadhaan ilaalamuutti saffisaan imalaa jirti.

Tibbana Finfinneen wayita waltajjiiwwan idiladdunyaa hedduu keessummeessuuf ko’oommattutti keessaas alaas waamichi Itoophiyaaf taasifamaa ture daran ajaa’ibsiisaa ture. Addunyaa biratti faara tolaan ilaalamanii keessummoota addunyaa simachuun bu’aa rogawwan maraa qaburratti Gaazexaan Bariisaa hayyoota Siyaasaa haasofsiiseera.

Gameessi Siyaasaa Doktar Mulugeetaa Dabbabaa akka jedhanitti, jijjiiramni dhufaa jiru osoo warra keessaatti hinfakkaatiin addunyaa raajeffachiisaa jira. Ammaan tana garuu biyyi daandii guddinaafi imala sirriirra jiraachuu jijjiiramoota mul’ataa jiran hundi akka  amanu  dirqisiisaa jira. Mammaaksi, “Kaleessa guddaa turre, guddaas ni taana” jedhu hafee akka, “Nuti har’a guddaadha, bor guddina caalutti ceena” akka jedhamuuf jijjiiramni rogawwan maraa mul’ate ka’umsa.

Itoophiyaan waltajjii idiladdunyaa keessummeessuufi irratti hirmaachuu danda’uunshee carraa yookiin loogii osoo hintaane bu’aa carraaqqiiti jedhanii; akkuma Ministirri Muummee Doktar Abiyyi yeroo baay’ee jedhan, osoo bonaafi ganna hojjechuun qamadiidhaan of danda’uu bira darbee alergiif hinoolle ta’ee beelaan waamamuun hinhafu ture jechuun ibsa. Osoo rakkoo nageenyaatiin hidhamanii misooma koriidarii, paarkiiwwan industiriifi inisheetiiviwwan garagaraa bocuun guddina dinagdee milkeessuun hafee ilaalchaafi kabaja addunyaa keessa galuun akka hindanda’amne dubbaaniiru.

Itoophiyaan jijjiirama rogawwan maraa kan fidde beekumsa xabbootti fayyadamuun qabeenyawwan uumamaa qabdu hunda sakatta’uun kallattii sirriin hojiirra oolchuu eegaluu akka ta’e eeranii; ammaan tana sirna caasaa gandaa diriireen ogeessiifi hoggansi sadarkaan jiru  motora guddinaa kan ta’e baadiyyaatti gad bu’ee hojjechuun jijjiirama mul’achaa jiruuf bu’uura jabaa ta’uu ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, hojiifi hojjetaan walitti dhufuu cinatti aadaan hojii guddataa jira. Kunis ministira muummichaa irraa eegalee hojjetanii hojjechiisuun haala biyya kanatti kanaan dura hinbaratamneen raawwatamaa jira. Kun ammoo aadaa hojii gabbisuu, omishtummaa dabaluufi rakkoo bulchiinsa gaarii itti dhiyeenyaan furuu keessatti bu’aa olaanaa argamsiisaa jira.

Haa ta’u malee, jijjiirama eegalame saffisaan tarkaanfachiisuuf sochiin duudhaa ganamaatti deebi’uu daran murteessaadha. Biyya keesssaafi alaa hirmaannaa abbootii qabeenyaa, beektotaafi namoota bebbeekamoo cimsuun barbaachisaadha.

Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataafi Walittiqabaan Koree Michummaa Itoophiyaafi Gamtaa Awurooppaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii gamasaaniin akka jedhanitti, waltajjii idiladdunyaan walqabatee yaa’iinsi tuuristootaa, walitti hidhamiinsi gabaa, ce’umsi teknolojii, abbootii qabeenyaafi dhaabbilee gargaarsaa daran akka dabalan taasisa.

Maqballeessi akkasumas dhiibbaan ijaarsa Hidhaa Laga Abbayyaafi waraana biyyattii gara kaabaatti taasifameen walqabatee Itoophiyaarratti taasifamaa ture ammaan tana hir’achaa jiraachuu himanii; kunis rakkoo ture karaa nagaatiin furuu danda’uufi miira ni danda’amaatiin ijaarsa hidhichaa gara xumuraatti fiduun hir’achuu dhiibbaa tureetiif ka’umsa ta’uu ibsaniiru.

Ciniinnattee biyya qormaatawwan ulfaatoo hedduu keessa hulluuqxee as geesse, Itoophiyaa kana booda qormaatni kamuu boodatti hindeebisu jedhanii; fedhii biyyaalessaashee bu’uura godhachuun biyya kamuu waliin hojjechuu imala dippiloomaasii bilchaataa guddinashee milkeessu hordofuun dhiibbaa kamuu qolachuu ishee dandeessisa jechuun ibsaniiru.

Dhaabbileen idiladdunyaa garagaraa wayita waltajjiiwwanirratti hirmaachuuf gara Itoophiyaa dhufan gama tokkoon Itoophiyaan daandii misoomaarra jiraachuu akka hubataniifi gama kaaniin ammoo tumsa akka taasisaniif hojiilee misoomaa daaw’achiisuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Walumaagalatti, hayyootni kunneen addunyaan Itoophiyaan daandii misoomaafi guddinaarra jiraachuu hubatee fuulasaa gara biyyattiitti deebisaa jiraachuun gama dinagdee, siyaasaafi hawaasummaan shoora olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017

Recommended For You